Obbo Jawaar Mohaammad KFO'tti makamuu paartichi mirkaneesse

Jawar Mohammad

Rogeessiifi xinxalaan Siyaasaa beekamaa Obbo Jawaar Mohaammad paartii Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO)tti dabalamu, dura taa'aan paartichaa BBC'tti himan.

Dura Ta'aan KFO Pirofesar Mararaa Guddinnaa BBC'tti akka himanitti, Obbo Jawaar torbee darbe miseensa paartii KFO ta'uun galmaa'aniiru.

Obbo Jawaar yeroo biyya Ameerikaa turerraa kaasee waliin mari'achaa turre kan jedhan Pirofesar Mararaan, fulduratti mari'annee dhaaba keessatti dirqama kamirra akka hojjetu murteessina jedhan.

Kanas yoo ibsan, "Waggaa lama dura yeroo Ameerikaa deemanitti Obbo Jawaar, Dr. Birhaanuu Naggaafi miidiyaalee ESAT fi OMN waliin walarguukoof kanin waggaa tokko mootummaan na hidhe," jedhu Pirofesar Mararaan.

Hariiroofi waliin hojjechuu yeroos eegalametu cimee amma waliin qabsaa'uuf dhaaba tokko jalatti hiriirres jedhaniiru.

Obbo Jawaar filannoo baranaa irratti akka dorgomu ibsuun isaas ni yaadatama.

Xiinxalaan Siyaasaafi Daayirektarri OMN Obbo Jawaar Mohaammad mormii waggoota afran darbaniif Itoophiyaa keessatti adeemaa tureefi jijjiirama amma biyyattii keessatti mul'ataa jiru waliin yeroo mara maqaan isaanii ni ka'a.

Turtii waggoota 14 booda gara biyyaatti erga deebi'ee paartiileen Oromoo waliin hojjechaa kan turan Obbo Jawaar, Gaaddisa Hoogansa Oromoo kan dhimma waloo jalatti mariyataniifi dantaa Oromoo ittiin jabeessan tolchuu keessattis shoora olaanaa qabu.

Obbo Jawaar Mohaammad sochii 'Oromo First' irraa eegalee hanga har'aatti siyaasa Itoophiyaa keessumaa kan Oromoo keessatti gurra guddaa horataniiru.

Obbo Jawaar imala baatii darbe keessa gara Ameerikaa Kaabaafi Awurooppaatti taasisuun hawaasa Itoophiyaa waliin marii gaggeessaa turaniin filannoo bara 2020 irratti akka hirmaatan kan himan yoo ta'u, akkamiin, paartii isa kam waliin ta'uun akka ta'e garuu hin ibsine ture.

Yaaduma kanaafi karoora siyaasaa isaa gara fuula duraa ilaalchisee Obbo Jawaariin dubbisuun dhiheenyatti kan isin biraan gaeenyu ta'a.