Siyaasa Oromoo: KFO'tti makamuu Jawaar, yaada 'MADRAK' fi tarsiimoo walitti baquu

Quuqamaan mirgaa, hundeessaafi Daayirekatar Olaanaa OMN kan ture Jawaar Mohaammad miseensa dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo, KFO, ta'uu Dura Taa'aan KFO Profeesar Mararaa Guddinaa mirkaneessaniiru, Jawaariis miidiyaaleef ibsa kennen kanuma mirkaneessaniiru.
Jawaar akka Miseensa tokkootti paartichatti makameera kan jedhan Pirofeesar Mararaan, "fulduratti mari'annee dhaaba keessatti dirqama kamirra akka hojjetu murteessina," jedhan.
Akka miseensa KFO'tti teessoo Caaffee Oromiyaaf haata'u kan paarlaamaaf akka dorgomu paartiin isaa kan murteessu ta'uu ammoo Obbo Jawaar Mohaammad barruu Addis Standard'f himeera.
Gaafatama dhaaba haaraa kana keessaatti qabaatu ilaalchisees ''akka miseensa isaanii keessaa tokkoo, isaan waliin qabsaa'uu fedhuutti, akka miseensa gahee bahuu kamiittuun socho'aas,'' jedheera.
KFO'n sadarkaa biyyoolessaatti qaama qindoomina jaarmiyaa 'MADRAK' jedhamuuti. 'MADRAK' dhabbileen siyaasa of danda'anii socho'aniifi ilaalchaa siyaasaan walitti dhiyaatan sadarkaa federaalaatti sagalee isanii walitti lakkoofsisuuf kan hundaa'edha.
Dura Taa'aa Itti aanaan MADRAK yeroo amma Pirofeesar Bayyanaa Pheexroos Jaawaara paartii qindoomina isaanii keessaa tokko ta'e KFO'tti makamuu miidiyaaleerraa akka dhagahaniifi gara jalqabaa soba ta'uu mala jedhanii akka yaadanii turan BBC'tti himaniiru.
Dhaabbileen siyaasaa miseensa MADRAK ta'an dhaabota bilisaa miseensa barbaadan filatan ta'uu kan himan Pirofeesar Bayyanaan "Jawaar nama dhuunfaa tokko qofa waan hin taaneef akka dhabaatti irratti haasofnee ejjennoo waloo yeroo qabaannu hiikkaan inni gara kanaatti dhufuun qabu ibsuu wayyaa," jechuun yaada kennuurraa of qusataniiru.
Oduun kun dhagaahamuun dura durataa'aa dhaabichaa yeroo ammaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa Waliin dhimma kanarratti haas'anii kan hin beekne ta'uufi keessa keessas ta'u oduu dhagahan akka hin qabnelle dubbatan.
Jawaar qaama qindoomina kanaa ta'uun fayidaa fi miidhaa inni qabu dubbachuuf amma yeroo isaa miti, ''yaada hin bilchaanne ta'aa'' jedhaniiru.
"Dhaabbilee miseensa MADRAK ta'an biroo waliinis mariyachuu gaafataa," jedhaniiru.
KFO'tti makamuun Jawaar Paartichaaf maal jechuudha?
Qabsoo waggoota afuriifi shan darban addatti Oromiyaa keessatti jabaa tureefi jijjiirama siyaasaa akka biyyatti dhufeef sababa ta'an Dargaggoota caasaalee garaagaraan hoogganaa akka ture kan himamu Jawaar Mohaammad, hayyuu siyaasaa dargaggootni Oromoo miiliyoonaan lakkaawwaman duukaa akka jiran amanamudha.
Miidiyaalee idila-addunyaarratti sabboonummaa Oromoo kan leellisu ta'uu yaada I ma Oromo first jedhu Aljaziraarratti kennuun booda ammoo Siyaasa Itoophiyaa keessatti nama beekamtii guddaa horate ta'uutti ol dhufeera.
Siyaasa Gaanfa Afrikaa, keessattuu kan Itoophiyaa xiinxaluutiin akkasumas siyaasa Itoophiyaa waggoota darbanii keessatti dhibbaa guddaa uumeenis nama siyaasaa maqaa guddaa ta'eera.
Qoondaalli KFO Obbo Olbaanaa Leellisaa: "Jawaar Pirofeesar Mararaatti makame jechuun, Obbo Baqqalaa Garbaatti makame jechuun, nu miseensota KFO'tti makame jechuun siyaasa biyya kanaa itichuufi tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa qaba," jedhan.
Jawaar gara KFO'tti makamuun kallattiin keenye, sagantaan keenya eenyumaan kan hawwachuu danda'u ta'uu isaa kan ragaa bahuudhas jedhan.
Jawaar qabsoo Oromoo keessatti nama warri kaan ilaalanii hordofan waan ta'eef, yeroo gara KFO'tti dhufu namoota yaada isaa hordofan waliin dhufuun lakkoofsa miseensaafi deeggartoota keenyaa dabala jedha.
"Gaafa Jawaar dhufu qabata Jawaariitiin miseensa hedduutu gara keenya dhufaa jira, waan nu hanqatee ture nuu hiikaa."
Ji'a lama dura eegdotni mootumman ramadeef halkan walakkaa akka kaafaman yaada jedhuun taatee mudateefi isa hordofee hokkora Oromiyaa keessatti dhalateef qeeqxotni isaa gaafatamuu qaba jedhu.
KFO'ttii makamuu isaa hordofees namotni isa qeeqan rakkoO nageenyaa Oromiyaa bakka garaagaraatti dhalateen namoota lubbuu dhaban 86 ta'aniif "gaafatamuu qaba" jechuu bira darbiin amma KFO qeequutti ce'aa jiru.
Qeeqni kun 'himata dhugaa hin qabnedha, dhaaba keenya hin yaaaddessus'' jedhu Obbo Olbaanaan.
''Warrii akkas jechuun isa qeeqan waan kan isaanii akka ta'u hawwanii ta'uu hin dandeenyeef, hanga danda'an maqaa isaa xureessuun of gowwomsuu barbaadu," jedhan.
"Otoo akka saba kaanii taanee, Jawaara gara dhaaba siyaasaatti dhufuu isaa harka dhoofnee, minxaafii afnee kan simannu malee waayee qeeqa namaatiif kan rakkannu miti," jechuunis Jawaara dhaaba isaaniitti makamuutti gammaduu isaanii ibsan.
Tarsiimoo walitti baquu
KFO' sadarkaa biyyaalessaattii filannoo gaggeefamuun sagalee 50+1 mootummaa ijaaruu dandeessisu argachuuf jecha dhaabbilee siyaasaa naannolee biroo waliin qindoomina MADRAK jedhu uumee jira.
''Haala amma jiruun kophaa ofii filannoodhaan sagalee mootummaa federaalaa dhaabuun rakkisaa ta'uu waan danda'uuf nuti ejjennoo siyaasaatiin nu waliin tokko ta'an waliin qindoomina uumneerra.''
''Kaayyoon isaa sadarkaa naannottii ofiin of bulchaa, sadrkaa federaalaatti ammoo saboota biyya kanaa biroo wajjiin biyya kana bulchuudhas,'' jedhu Obbo Olbaanaan.
Tokkummaan paartilee kun, 'MADRAK', Paartii naannoo Tigraay keessatti socho'u, Sochii Walabummaa Sidaamaa, paartiin Piroofeesar Bayyanaa Pheexroosin hoogganamuufi kan dhiyeenya alaa galan keessaa ammoo paartiin naannoo Affaaritti socho'u of keessaa qaba.
"Warri kun kophaa kophaa teenyee diigamuurraa sagalee biyya kanaa iddoo tokkotti sassaabnee deemuu qabna kan jedhaniidha."
Paartileen kun walumatti shan ta'uufi paartileen biroon qindomina kanatti makamuu fedhan jiraachuus himaniiru.
Karaa biraatiin Jawaar Mohaammad ji'a tokko dura Ameerikattii filannoo bara kanaarratti akka hirmaatu yoo beeksisu, sagalee 'chirichaaroo' ittiin jedhe hambisuun dhaabbilee siyaasa Oromoo garaagarummaa yaadaa xiqqoo qabatanii adda adda fiigan walitti fiduuf akka hojjetu himee ture.
Gaffiifi deebii kaleessa 'Addis Standard' waliin taasiseen paartileen Oromoo sadii jechuuniis KFO, ABO fi PBO yeroo dhiyootti qindoomina haaraa ijaaruurratti waliigalteerra akka gahan dubbataniiru.
Namoonni maal jedhu?
Miidiyaa hawaasummaa akka twiitaraafi Feesbuuk irratti deeggartootniifi dinqisiifattootni Jawaar murtee KFO'tti makamuuf murteesse 'murtee sirrii' jechuun ibsaa jiru.
Jawaar dhaaba siyaasaa haaraa ykn dhuunfaan dorgomuu caala dhaabbilee Oromoo yaada inni qabuun walfakkaatutti makamuun isaa darbees KFO'n dhaabbilee biroo waliin qindoomuun sagalee caalmaa mootummaa ijaaruu isa dandeessisu argachuuf qaama dhaaba biyyoolessaa MADRAK ta'uun ammoo sababa namootni murtichaan 'murtee sirrii' jedhaniidha.
Jiraataa magaala Dirree Dhawaa kana ta'an Hajii Mohaammad Jibriil, ''Jawaar KFO'tti qofa galuu osoo hin taane paartileen Oromoo hundaahuu tokko godhee, tokkummaan akka waliin qabsaa'an nama godhudha jedheen yaadaa'' jedhan.
"Dhaabbilee siyaasaa Oromoo biroos ni tokkomsaa," jedhan. Kana dura paartii tokkotti akka makamu eegamaa ture, waanuma eegnedhas jedhu.
''Uummatni jaalala guddoo Jaawaariif waan qabuuf filmaata dhufurratti sababa isaan hirmaannaan uummataa filannoo bara kanaa dabaluu malaa jedhaniiru.''
Abbaan Gadaa duraanii Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuu ammoo Jawaar filannootti seenuun isaa saba Oromoof gaariidhaa jedhanii, filannoon biyyaalessaa bara kanaa ''dorgommii guddaa'' keessummeessa jedhanii akka amanan dubbatan.
Qeerroon magaala Arsii tokko ammoo Jawaar akka dhuunfaatti ykn dhaaba haaraa ijaaruun dorgomuu caala KFO'tti makamuun isaa waan qeerroon eegaa turee jedha.
Jawaar yaada mirga sabaafi sablammootaa kabachiisuuf tarkaanfachiisurraa kan ka'e, Oromiyaan alatti naannolee biroo keessattis deeggartoota heddus qaba.




















