Jawaar: ''Oromoofi Amaara adda hiruuf abiddaafi cidii nutti kennaa turanis asi geenyeerra''

Madda suuraa, Nugusu Tilahun
Oromoofi Amaara adda hiruuf jecha abiddaafi cidii nutti kennan illeen aarsaa kanfaluunis ta'u sadarkaa Itoophiyaawummaa barbaannu irra geenyee jirra jedheera Obbo Jawaar.
Obbo Jawaar Mahaammad Daarektarri Olaanaan Dhaabbata OMN haasaa har'a marii qaamolee hawaasaa fi dargaggoota waliin naanno Amaaraa Baahir Daariitti taasiseen fedhee keenyaa walitti dhiyaachuun hoachuudhaaf bu'urrisaa kan ta'ee warreen qabsoo keessatti lubbusaanii dahbaniif galata guddaan qaba jedheera.
Akka Ejansiin midiyaa naannoo Amaaraa gabaaseetti, jijjiramicha dhufaa jiru dhogoomsuuf waliin hojjachuu nu barbaachisa jedheera.
Itti dabaluunis ''Kanaafan qaamoolee jijjiramichaaf aarsaa olaanaa kanfalan waliin mari'achu kanan dhufeef jedheera.
Haa ta'u malee ummattoota lamaan kanneen addaa qooduuf abiiddaa fi cidii nutti kennaa turan illeen dunuus aarsaa kanfaluudhaan Itoophiyaawummaa barbaannu irra qaqabnee jirras jedheera.

Madda suuraa, Nugusu Tilahun
Kana malees walitti dhiyeenyi ummattoota kanneen lamaaniis akka abbaa fi ilamaatii kan jedhe Jawaar, yeroonsaa kan rogeeyyii fi hayyuuleen itti ummatticha walitti fiduuf hojjachuu qabaatanidha jedheera.
Marii kanaan alattis Obbo jawaar pirezidaantii naannichaa Obboo Gadduu Indaargaachoo fi qondaaltoota onaaloo waliin wal argunsaas barameera.










