Jawaar Mohammad maaliif biyyatti deebi'a?
Mormii waggoota afran darbaniif Itoophiyaa keessatti adeemaa tureefi jijjiirama amma biyyattii keessatti mul'ataa jiru waliin yeroo mara maqaan isaa ka'a, xiinxalaa siyaasaafi direektara OMN Jawaar Mohaammad.
"Ani hunda dura Oromoodha" ykn 'I am Oromo first' yaada jedhuun hordoftoota hedduu horate.
Hojii miidiyaafi rogeessummaa waggoota muraasa darbaniif hojjetaa tureen tarree namoota siyaasaa biyyattii keessatti dhageettii guddoo qabanii hiriiruu danda'eera.
Torbee darbe gara Naayiroobitti imalee haala hawaasni Oromoo Keeniyaa keessa jiru tajaajila miidiyaa argachuu danda'aniifi walitti hidhamiinsa diingdee biyyoota gaanfa Afriikaa irratti qaamota adda addaa waliin mari'achuu BBC'tti himeera.
Tibbana ammoo waggoota 13 booda gara biyyaatti deebi'uuf qophii irra jiraachuun isaa ijoo dubbii guddaa ta'eera.
Waa'een biyyaa bahuufi biyyatti deebi'uu anaaf dhimma guddaa miti kan jedhu Jawaar, "biyya alaa kanan tureef hojiin ala taa'ee hojjechaa ture biyya keessa taa'ee waan hojjechuu hin dandeenyeefi," jedha.
Amma garuu biyya keessatti jijjiiramni mul'ataa waan jiruuf, "jijjiirama argame gadi-jabeessinee dhabuu, OMN jabeessuufi hojii biyyattii gara diimokiraasiitti ceesisuu mootummaafi dhaabbileen mormituu hojjetan beekumsaafi muuxannoo qabuun deeggaruuf yeroon isaa amma," jedha.
Hagayya 6 bara 2018 biyyatti deebi'a kan jedhu Jawar guyyaan kun kan filatameef guyyaa seena qabeessa waanta'eefi jedha.
"Guyyaa hiriira guddaan guutuu Oromiyaatti itti bahameefi namoonni 200 ol itti wareegaman waan ta'eef isaan yaadachuudhaafi maatii isaanii jajjabeessuufi," jedha.
"Wareegama isaanii malee injifannoo amma argame kana yaaduun hin danda'amu. Yeroo qabsoo san halkanii guyyaa isaan waliin dabarsa ture, isaan waliin biyya keessa jiraadhee rasaasa san fudhatuu dhabuun hedduu na gaddisiisa," jedha.
Hojiin duraa hojjetuuf karoorfates wareegamtoota qabsoo keessatti wareegamaniif kabajaa kennuu, warra miidhaman wal'aansisuufi maatiin wareegamtootaa dhaabbiidhaan haala itti gargaaraman mijeessuu akka ta'e dubbateera.

'Mana cidhaa dhaqanii morma hin dhoyfatan'
Deeggartoonni isaa hedduun biyyatti deebi'uun isaa nageenya isaaf yaaddessaadha sodaa jedhuun marsaalee hawaasaa irratti akka inni hin deebine gaafataa jiru.
Innis yaaddoon nageenya jiraachuu hin haalle, "qabsootti malee taphatti hin jirru," jedha.
Hojiin biyyattii gara diimokiraasiitti cesisuuf hojjetamuu qabu hirmaannaa hunda keenyaa gaafata kan jedhu Jawaar, "mana cidhaa dhaqanii morma hin dhoyfatan akkuma jedhamu nageenyaaf sodaannee yoo dhiifne diinni lafaan dhoofne biyyee arraabdee kaati," jedha.
Nageenya isaa eeguuf gama isaatiinis ta'e gama mootummaan hojiin hojjetamu jiraachuu dubbateera.
Ariitiin biyyatti deebi'uu waan barbaadeef yoo ibsu, "jala jalaan walirratti googsaa waan hin deeminiif saffisni amma jijjiiramni biyya keessa jiru ittiin deemaa jiru xiqqoo na yaaddessa," jedha.
"Saffisni akkuma faayidaa qabu balaas qabaachuu mala, balaa saffisni kun qabu to'achuuf hirmaannaan koos ta'e kan hayyootaa barbaachisaadha," jedha.
Isa dabalatee hayyoonni kaan beekumsa, muuxannoofi dhageettii horatanitti fayyadamuun biyya tasgabbeessuufi daandii haala ce'umsaa tolchuu irratti hojjechuu akka qaban dubbata.
"Qabsoon keenya bakka har'a jirtu kan geesse halkanii guyyaa waan dalagneefi. Diina sammuudhaan waan caalleefi. Yeroo isaan rafan hojjennee, osoo isaan hirribaa hin ka'iin dura waan dammaqneefi," jedha.
"Uummata keessa seennee kan duraan alaa hojjetaa turre caalaa hojjechuu qabna," jechuun dubbata.
'Foon lafee hin qabne'
Yaaliin ajjeechaa Ministira muummee irratti raawwatameefi hojii inni hojjetaa jiru gufachiisuuf wantoonni godhamaa jiran mootummaan tarkaanfii humnaa akka fudhatuufi abbaa irrummaatti akka jijjiiramu gochuu danda'a yaaddoo jedhu qaba.
"Boqonnaan qabsoo itti aanu sirni kufe biyyee araabee akka hin deebineefi kan amma aangootti dhufe gara abbaa irrummaatti akka hin jijjiiramne gochuudha," jedha.
Oromoof garuu boqonnaan qabsoo murteessaan itti aanu dorgommii diinagdee keessa galuudha jedha.
"Taayitaan siyaasaa, waraanaafi tikaa diinagdee malee hiikaa hin qabu. Taayitaan dinagdee hin qabne foon lafee hin qabne jechuudha."
Kanaaf aadaan daldalaa, aadaan qabeenya horachuu akka jabaatu garee hayyootaa ykn Think Thank fi miidiyaa dhaabuun ni hojjenna jedha.

Madda suuraa, Jawaar Mohammad
Waa'ee Ministira Muummee
Dr. Abiy Ahimad Ministira Muummee ta'uu jabeessee mormaa ture. Ammas taanaan shakkiin duraan Dr. Abiy irraa qabu xiqqaachaa dhufeera malee guutummaatti hin badne jedha.
Hogganaan hojiin malee haasaa qofaan hin madaalamu kan jedhu Jawaar, "Abiy gara taayitaatti yoo dhufu waa'ee isaa hin beeknu turre, hojii qabatamaan waan nutti agarsiises hin qabu ture," jedha.
Baatii duraa hedduu harkifataa turullee hojiin amma hojjetaa jiru hojii bonsaadhas jedha.
Biyyattii gara diimokiraasiitti ceesisuuf deemaa jiramoo hin jiru kan jedhu garuu ifatti mul'ataa hin jiru, kunimmoo hanqinadha jedha.
"Qaabsoon Oromoo bakka akka geessu kan barbaannu yoo taate, biyyattii gara sirna diimokiraasiitti ceesisuu qabna, diimokiraasii keessatti dantaan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa Oromoo yoomiyyuu mo'ataadha," jedha.
Mootummaa Finfinnee jiru diimokiraatessuun Oromoo qofa osoo hin taane baha Afriika nageessuuf illee daran murteessaadha jedha.
"Waadaan waadaadha"
Magaalota qabsoon Oromoo keessatti eegaleefi sochiin gurguddaan keessatti adeemaa ture akkasumas wareegamni guddaan keessatti kafalame akka Amboo, Giincii, Dambi Doolloo, Awwadaay fi kkf dhaquuf yaada qaba jedheera.
Wadaan Amboofi Giincii keessa miila duwwaa deemuf seene garuu waan hin oolle, "waadaan waadaadha" jedha.













