Basaasa intarneetii rogeeyyii Oromoo irratti aggaamame - Hiyuman Raayits Waach

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa sooftiweerii basaasa Intarneetiitti fayyadamuun rogeeyyii fi mormitoota siyaasaa basaasuu cimsee itti fufeera jedha gabaasni Dhaabbatni mirga namoomaa 'Human Rights Watch' baase.
Dhaabbatichi mootummaan duulaa sooftiweerii ergaa iimeelii namaa hatan fayyadamuun mirga yaada dhuunfaa ibsuu irratti bane hatattamaan akka dhaabuu fi dhaabbileen sooftiweeriiwwan kana oomishan akka to'atamuu qaban akeekkachiiseera.
Qorannoo gidduu kaampaniin Sitizin Laab Torontootti argamu Sadaasa 5, 2017 ifa taasise bu'ureeffachuun kan bahe gabaasni Hiyuman Raayits Waach kun, mootummaan duula basaasaa haaraa rogeeyyii fi mormitoota siyaasaa irraatti xiyyeeffate eegaleera jedha.
''Moottummaan Itoophiyaa duula basaasaa qeeqxota isaa irrattii xiyyeefate osoo biyya isaan keessa jiraataniin hin daanga'iin dachaan dabaleera'' jeetti Hiiyuman Raayitis Waachitti qorattuu olaantuu Intarneetii kan taate Siyaantiyaa Woongi.
Akka qorannoo kanaatti erga bara 2016tii qaamolee duulli mootummaa kun irratti xiyyeefate hedduu Siitizin Laab adda baafateera.
Rogeeyyii Oromoo hedduufi beektonni, qorataan Siitizin Laab mataansaa fi Daayirekteerri olaanaa Oromiyaa Midiyaa Netwoork, Jawaar Mohammad iimeelii sobaa basaasaaf ergamuun namoota balaa kanaaf saaxilamanidha jedha gabaasichi.
Ergaa iimeelii sobaa erguun wayita ergaa san banan odeeffanoolee imeelii saniirra jiran sooftiweerii guurratutti dhimmi bahuunis beekameera.

Madda suuraa, Sean Gallup
Ji'oota Amajjii fi Waxabajji bara 2016 gidduutti Jawaar Mohammadiitti ergaawwan sobaa iimeelii 11 Ji'a tokko duras kan biraa tokko ergamaniiru jedha bu'aan qorannoo Siitiziin Laab.
Jawaar Mahaammad ergaa iimelii kana shakkuun gara Sitizin laabitti akka qorataniif erguusaafi bu'aan isaas duulli basaasa Intarneetii mootummaa isa irratti xiyyeeffachuu Siitizin Laab mirkaneeseera.
Yuunivarsiitii Landanitti kaadhimamaa 'PhD' kan ta'e fi dhimma Oromo ilaalchisee OMN irratti xiinxala kennun kan beekamu Ittaanaa Habtee, akkasumas mana Barnoota seeraa Yunivarsiitii Washingitanii fi Lii keessatti barsiisaa kan ta'e Dr. Heenook Gabbisaas namootaa duulli walfakkaataan irratti baname keessa akka ta'an qorannoon Siitizin Laab baase kun ereera.
Yeroo ergaawwan sobaa iimeelii kun raabsamaa turanitti kutaalee Itoophiyaa heddu keessatti mormiiwwan ummataa hedduutu ture.
Moormiin kun kana eegale Maaster pilaanii jechuun mootummaan daangaa Finfinnee bal'isuuf karoorfachuu isaan walqabatee mormii uummataa naannolee Oromiyaa hedduutti dhoheeni. Mormiin kun Labsii yeroo atattamaa ji'oota kudhaniif tureef sababa ta'eera.
Akka gabaasa Hiyuuman raayits waachitti moormii caalmaatti naga qabeessa tureen erga sadaasa bara 2015 as, namoonni kuma tokko ol ta'an humnoota tika mootummaan ajjeefamaniiru kuma hedduun kan lakkaawaman mana hidhaatti guuramaniiru.













