Biyyoota addunyaa meeshaa waraanaa gurguruun dursaa jiran shanan

Madda suuraa, AP
Eenyutu addunyaa hidhachiisaa jira? Waraanni gaag'aadha. Lubbuu namootaa fi qabeenyallee dhabamsiisa. Kanaaf biyyootni, ardiiwwaanii fi dhaabbileen addunyaa yeroo hedduu sagaleen qawwee addunyaarraa akka callisuuf hedduu karoorfatu. Garuu hojiirra oolee hin beeku.
Sababni isaa biyyootaf biyyoota gidduutti ykn biyyuma keessatti waraanni waliinii yeroon itti hin jirre carraan isaa xiqqaadha. Yoo waraanni hin jiru ta'eyyuu biyyoota gidduutti muddamni fi walgaarreefannaan dhabamee hin beeku.
Kun ammo daldala meeshaa waraanaa addunyaaf gabaa isa guddaadha. Wayita wal waraansi hammaatu daldalli meeshaa waraanaa akka malee dabala. Waraanni dhabamuun ammoo biyyoota meesha kana gurguran kasaarsa.
Gurgurtaa meeshaa waraanaa addunyaa irratti ta'urraa waggaatti doolara gara biliyoona 120 hanga 630 ta'u akka argamu ragaan yeroon yeroon Dhaabbata Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm (SIPRI) irraa bahu kan mul'isu.
Kun ammoo 'waraanni itti yaadamee daldala meeshaa waraanaaf kan taasifamuudhaa?' jedhee akka namni yaaduu taasisaa jedhu xiinxaltootni.
Mee biyyoota shanaan gurgurtaa meeshaa waraanaan sadarkaa jalqabarrarrtti argaman shanan isiniif haa dhiyeessinu.
1. Ameerikaa ~ 43%

Waggoota 5'n darban keessa waldhabdeen biyyoota, muddamni dorgommii ji'oopoolitikaa fi tarkaanfii biyyootni humnoota waraanaa isaanii ammayyeessuuf taasisan keessaatti daldalli meeshaa waraanaa addunyaa daran kan dabale yoo ta'u kan Ameerikaa ammoo caalatti dabaluu mul'isaa.
Akka ragaa qorraanoo SIPRI 'tti bara 2020–2024 qofa biyyootni addunyaa 5 qofti daldala meeshaa waraanaa addunyaa harka 75 kan qabatan yoo ta'u, kanneen keessaa Ameerikaan lakkoofsa guddaan dursaa jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka ragaa dhaabbata qoraannoo kanaatti gurgurtaa meeshaa waraanaa Addunyaa walii galaa keessa US harka 43 qabachuun kan isheen dorgomu utuu hin taane itti siqu hin argamne.
Kana jechuun meeshaalee waraanaa addunyaa kana irratti gurguramaan harkaa walakkatti kan siqu biyyootaaf ykn gabaa addunyaaf kan dhiyeessu Ameerikaadha jechuudha.
Maamiltoonni ishee gurguddoon ammoo Yukireen, Sa'uudii Arabiyaa, Jaappaan, Awustiraaliyaa, Kooriyaa Kibbaa fi UK fa'i.
Gurgurtaan meeshaa waraanaa US erga waggaa 5 asii waggaa wagaan dabalaa kan jiru yoo ta'u, kessumaa bara 2020 fi 2024 qofa gidduutti tilmaamaan harka 15'n dabaleera.
Kunis fedhii guddaa xiyyaarota waraanaa Amerikaa F-35 jedhamnii fi sirna ittisa misaa'elaa (Patriot, THAAD), dabalatee dooniwwaan galaanaa fi kanneen biroollee sadarkaa olaanaan dabaluni.
Akka gabaasa dhaabatichaatti Ameerikaan meeshaalee waraanaa alatti ergitu irraa waggaa wagaan gara doolaara biiliyoona heddu kan argattu yoo ta'u bara 2024 darbe keessa qofa gara Biliyoona 318 akka argatte gabaasni rooyiters kan mul'isu. Xumura bara kanatti kan ifoomu immoo kan ol ta'uu akka danda'utu eegama. Lammileen miliyoona lama ol ta'anis kalatti fi al kallattiin indastirii meeshaa waraanaan wal qabatu keessa hojjataa jiru.
2. Faransaay~ 9.6%

Madda suuraa, AFP
Biyyoota Awurooppaa keessaa meeshaa waaraana biyyoota adda addaa waraanaa fi muddama keessa jiranitti gurgurachuun akka addunyatti sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu Faransaayi.
Faransaayi meeshaa waraanaa sadarkaa Addunyaatti gurguraman keessaa qooda dhibbeentaa gara 10tti siqu qabdi.
Maamiltoonni gurguddoon ishee ammoo Hindii, Qaaxaar, Masrii, Indooneeshiyaa, Giriik fi biyyoota Afrikaa fa'i.
Faransaay dhiyeessii gurgurtaa meeshaa waraanan akka addunyaatti dabalaa kan jirtu yoo ta'u bara 2020 irraa eegalee dhiyeessiin meeshaa waraanaa ishee harka 40'n ol guddachaa jira.
Biyyattiin baay'inaan xiyyaara waraanaa akka Raafaal faa addunyaatti gurguruun kan beekamtu yoo ta'u kana malees doonii waraanaa bishaan jalaa fi misaa'elaafaa biyyootaaf dhiyeessiti.
Yeroo dhiyoo as ammoo raadaraa, helekooptarootaa fi sirna ittisa qilleensaa irratti xiyyeeffatteetti.
Bara 2024tti Faransaayi meeshaa waraanaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 23 caalutti kan gurguratte yoo ta'u, gabaasa xumura bara kanaa irratti dhiyaatuun ammoo rekardii caalu galmeessuu akka dandeessutu eegama.
Lammileen gara kuma 165kallattinis ta'e al kallattiin indastirii meeshaa waraanaa kana irratti hirmaataa jiru.
3. Raashiyaa ~ 7.8%

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaa biyyaa meeshaa waraanaa addunyaaf dhiyeesitu cimtuudha. Garuu erga waraana Yukireeni asii qoqqobbii irra ka'amee fi waraana biyya keessaaf fayyadamtuuf sadarkaa ishee lammaffaarraa gara saddaffatti gadi buuterti .
Meeshaa waraanaa sadarkaa addunyaatti gurguraman keessaa dhibeentaa 7.8 ta'u qabdii.
Sadarkaa dhiyeessii ishee waggoota shanan darban qofa yoo ilaalle hir'ina guddaa agarsiisaa jira.
Waraanni Yukireen fedhii biyyattiin meeshaa waraana kana gurguruuf qabdu hanga ta'e xiqqeessuun ofii akka itti fayyadamtu ishee taasiseera.
Maamiltoonni gurguddoon ishee Hindii, Chaayinaa, Masrii, Aljeeriyaa, Veetnaam fa'i.
Kanas ta'e sana, Raashiyaan waliigaltee gurguddoo xiyyaarota waraanaa Su-35, sirna ittisa qilleensaa S-400, fi taankii T-90 michoota yeroo dheeraa keessattuu Hindii fi Chaayinaa waliin qabdu ammallee qabattee jirti.
Raashiyaan bara 2024tti meeshaa waraanaa al-ergii irraa doolara biliyoona 13 argateetti.
Haa ta'uu malee sababa waraanaa, qoqqobbii biyoota dhihaa fi fedhii biyya keessaaf dursa kennuudhaan gurgurtaan meeshaan waraanaa Raashiyaa waggoota shanan darban harka 64 gadi kufeera.
Kana malees gabaa meeshaa waraanaa addunyaa kan amma dorgomtoota akka Ameerikaatiin baay'ee ol'aantummaa fudhate keessatti qoodni Raashiyaan qabdu akka malee akka hir'atu taasiseera.
Akka gabaasa SIPRI' ttis ergaa waraanni Yuukireen jalqabamee as lakkoofsi biyyoota meeshaa waraanaa Raashiyaa irraa bitanii bara 2024tti 47 irraa gara 33tti gadi bu'uu isaa ibseera.
Walumaa galatti kallattinis ta'ee al kallattiin namootni oomisha meeshaa waraanaa Raashiyaa keessa hojjatan gara miliyoona 3.5tti tilmamama.
4. Chaayinaa ~ 5.9%

Madda suuraa, AP
Chaayinaan biyya dhaqqabummaa ishee biyyota Addunyaa keessatti daran babal'isaa jirtu yoo taatu, meeshaa waraanaa addunyaa irratti gurguraman keessaa harka 6 tti kan siqu kan Chaayinaati.
Maamiltoonni gurguddoon ishees biyyota akka Paakistaan, Baanglaadeesh, Taayilaandi, Naayijeeriyaa, Miyanmaar fi biyyoota Afrikaati.
Chaayinaan Sadarkaa gurgurtaatin biyyoota warra dhihaa gadi taatus, mishaaleen isheen dhiyeessitu gatii maadalawaan waan ta'eef qoodni isheen gabaa meeshaa waraanaa addunyaa keessa qabdu ammalee dabalaa jira.
Kana malees 'Inishiyeetiivii Belt and Road' jedhamu diriirsuun tumsa ittisaa fi gurgurtaa meeshaa waraanaa ishee gara biyyota guddataa jiranitti babal'ifataa jirti.
Meeshaalee warannaa sasalphaadhaa hangaa gurguddatti, diroonii hanga dooniiwwan galaanaa akkasumaas misaa'eloota gabaaf dhiyeessiti.
Waggoota shanan darban keessatti meeshaa waraanaa addunyaaf dhiyeessitu ha dhibeenta 6tti kan siqu ta'us, Eeshiyaa keessatti gara harka 77 ta'a.
Bara 2024 keessa qofa Chaayinaan gurguttaa meeshaa waraanaa irraa gara doolara biliyoona 3.2 akka argatte tilmaamama.
5. Jarman~5.6

Madda suuraa, Getty Images
Jarman teeknooloojii cimaa fayyadamuun meeshaan ishee addunyaa irratti akka barbaadamu goochaa jirti.
Meeshaa waraanaa sadarkaa addunyaatti gurguraman keessaa 5.6 qooda ta'u qabdi.
Maamiltoonni gurguddoon ishees Israa'el, Kooriyaa Kibbaa, Masrii fi Nezerlaand fa'i
Jarman meshaa warananaa akka doonii bishaan jalaa, taankii fi sirna ittisaa irratti kan xiyyeeffatan gabaaf dhiyeessuun akka addunyatti biyyota meeshaa waraanaa gurguruun sadarkaa qaban keessaa 5ffaa irratti argamti.
Fedhiin konkolaattota fi taankiwwaan hidhannoo teeknooloojii olaanaa qaban (taankii Leopard 2) fi doonii bishaan jalaa dabaluu irraa kan ka'e gurgurtaan ishee haalaan guddachaa dhufeera.
Yukireen waraana Raashiyaa waliin taasisaa turte keessatti taankii fi sirna ittisaa Jarmanii fayyadamuuf fedhii guddaa horatterti.
Dhiyeessii Yukireenif taasifte kana dabalatee bara 2024 keessa qofa Jarman gurguttaa meeshaa waraanaa irraa gara doolara biliyoona 14tti tilmamamu akka argatte ragaaleen kan mul'isan.
Sababa rakkoo Awurooppaa keessatti muudate kanaan bara 2025tti gurgurtaan meeshaa waraanaa Jarmaan biyyota muraasa irratti kan xiyyeeffate ta'era.
Haa ta'uu malee dorgommiin biyyota gidduutti godhamu caalatti jabaataa kan jiru yoo ta'u, waggoota shanan itti aanan (2025–2030) keesatti dorgommiin kun keessumaa teknolojiiwwaan waraana nama maleeyyii fi AI hedduun kalaqamuun haala waraanaa fi ittisaa irratti jijjiramni guddaan akka fidutu eegama.















