Chaayinaan meeshaalee waraanaa haaraa agarsiisunshee maal hima?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Agarsiisa meeshaa waraanaa Chaayinaa bara 2025 keessaa
Misaa'ela haaraa Chaayinaan agarsiisa waraanaa irratti dhiyeessite

Madda suuraa, Reuters

Chaayinaan meeshaalee haarafi ammayyaa ta'an agarsiisa waraanaa irratti dhiyeessun addunyaatti agarsiisuunshee USfi michootasheef ergaa guddaa kan dabarseedha jedhu hedduun.

Chaayinaan guyyaa itti kolonii Jaappaan jalaa itti baate sababeeffachuun agarsiisa waraanaa qopheessiteen gaggeessitoota biyyoota garaa garaa waamuun meeshaalee waraanaa haaraa omishte agarsiistetti.

Waraana Addunyaa Lammaffaarratti guyyaa itti Jaappaan mo'amteefi Chaayinaan bilisummaashee gonfatte sababeeffachuun sagantaa qophaa'erratti, pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing gaggeessitoota biyyoota 20 affeeranii turan.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutinifi gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joon Uun Shiin Jiin Piing cinaa hiriiruun agarsiisa waraanaa Chaayinaa daawwataa turan.

Agarsiisni waraanaa kun Chaayinaan sadarkaa idiladdunyaatti dhiibbaa uumuu dandeessu kan agarsiisedha. Meeshaalee waraanaa ammayyaa kanneen akka diroonii, misaa'elaafi robootii fa'aa agarsiisa kanarratti mul'ataniiru.

Agarsiisa meeshaa waraanaa chaayinaa irraa maal baranna? Waa'ee Chaayinaa maal agarsiisa?

Qabxiiwwan shan mee haa ilaallu.

1. Chaayinaan meeshaalee waraanaa heddu qabdi. Hangam itti fayyadamuu dandeessi?

Agarsiisa waraanaa Roobii, Fulbaana 3, 2025, Chaayinaan gaggeessiterraa hubachuun kan danda'amu meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa saffisaan hojjachuu akka dandeessudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa kudhan dura meeshaaleen waraanaa Chaayinaan agarsiisaa turte meeshaalee waraanaa ammayyaa US omishtu koppiisaa akka ta'e hima Yuunivarsiitii Siingappooritti barsiisaa sagantaa jijjiirama waraanaa kan ta'e Dr. Miisheel Raaskaa.

Agarsiisa waraanaa kanarratti garuu Chaayinaan addumatti dirooniwwaniifi misaa'ela irratti hojii kalaqaa heddu kan mul'ateefi industiriin waraanaashee baay'ee kan ammayyoome ta'uu ifatti kan agarsiisedha.

Fooramii Paasifikitti qorataa kan ta'e Aleeksaandar Niil ammoo caasaan bulchiinsa Chaayinaa gubbaa gara gadiitti kan diriire ta'uunsaa biyyoota kaan caalaa leeccalloo qindeessuun meeshaalee waraanaa heddu yeroo gabaabaa keessatti akka omishtu ishee taasisuu hima.

Meeshaalee waraanaa hedduumminaan omishuu danda'uunshee adda waraanatti, olaantummaa gonfachuullee akka ishee dandeessisu hima.

Chaayinaan meeshaalee waraanaa ammayyaa heddu yeroo gabaabaa keessatti omishuu dandeessullee, meeshaalee kana qindeessitee fayyadamuurratti gaaffii kaasu xinxaaltonni waraanaa.

Chaayinaan waggoota hedduuf waraana keessatti kan hin hirmaanne ta'uunshee meeshaalee waraanaa akka barbaaddetti fayyadamuuf akka rakkachuu akka dandeessu ibsa Dr. Miisheel Raaskaa.

2. Chaayinaan US dura dhaabbachuuf misaa'ela gabbisuurratti xiyyeeffataa jirti

Chaayinaan misaa'eloota haaraa ta'an dabalatee, misaa'eloota gosa garaa garaa akka qabdu agarsiisftetti.

Kanneen keessaa dhootuwwan heddu dhukaasuu kan danda'u Dongfeng-61; misaa'el ardii qaxxaamuruufi kaaba Chaayinaarraa dhuka'ee US bakka barbaade rukutuu danda'au Dongfeng-5C; misaa'ela fageenya giddu galeessaa fi buufatalee waraanaa US rukutuu danda'u "Guam Killer" Dongfeng-26D jedhaman fa'aadha.

Misaa'el Chaayinaan haaraa omishteefi ardii qaxxaamuruu danda'u
Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'elawwan DF-61 Chaayinaan agarsiisaaf dhiyeessite

Akkasumas misaa'elonni farra dooniwwan waraanaa galanaarraa hayipparsoonikii ta'an kanneen akka YJ-17 fi YJ-19 fa'aa qabaachuushee agarsiiftetti.

Chaayinaan misaa'eloota kanarratti xiyyeeffachuunshee sababa malee miti.

Chaayinaan olaantummaa US humna galaanaa irratti qabdu dura dhaabbachuuf misaa'elotaafi rookkettiiwwan irratti xiyyeeffachuun hojjachaa akka turte hima Aleeksaandar Niil.

Humni Galaanaa US dooniwwan waraanaa gurguddoo xayyaarota waraanaa heddu baataniifi dooniwwan haleellaa gaggeessan qabaachuun addunyaarratti beekama. Chaayinaan gama kanaan US bira gahuu hin dandeenye.

Aleeksaandar akka jedhutti, dooniwwan waraanaa US kunneen haleellaa misaa'elaa garaa garaaf saaxilamoo ta'aa dhufaniiru.

Beejing dandeettii qolachuu qofa osoo hin taane, haleellaan yoo irratti gaggeeffame deebistee haleeluuf humna galaanaa cimaa haleellaa gaggeessuu danda'u ijaaraa jirti.

Meeshaaleen waraanaa biroo Chaayinaan agarsiisa waraanaa irratti dhiyeessite keessaa baay'ee irraa dubbatamaa kan jiru, meeshaa waraanaa carrallaan hojjatu LY-1 jedhamuudha.

Sirni ittisaa carallaan hojjatu kun meeshaalee waraanaa elektirooniksii samiirratti gubuu kan danda'uufi teeknolojii ammaayyaan kan hojjatameedha jedhamuun jajama.

Xayyaarota waraanaa ammayyaa J-20 fi J-35 jedhamanis omishtee jirti.

3. Chaayinaan Hubannoo Nam-tolchee (AI) fi dirooniidhaan fagoo deemtetti

Agsrsiisa waraanaa irratti dirooniwwan Hubannoo Nam-tolcheetiin hojjatan dhiyeessiteetti.

Isaan keessaa qalbii namaa kan hawwate diroonii galaana jala deemu AJX-002 jedhamuudha.

Dirooniin nam-maleessi kun akkaan guddaafi boombii nikularaa hidhachuun hidhachuun galaana jala kan deemudha.

Diroonii galaana jala deemufi AI dhaan hojjatuufi nikulara hidhachuun galaana jala deemudha
Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii galaana jala deemufi AI dhaan hojjatuufi nikulara hidhachuun galaana jala deemudha

Akkasumas diroonii dhaloota shanaffaa GJ-11 haleellaa gaggeessuu danda'uufi xayyaara waraanaa waliin hiriiruu danda'u ifa gootetti.

Dirooniwwan waraanaan alatti roobootii yeeyyii fakkaattufi hojiiwwan akka basaasaa, bakka fanjii adda baasuu akkasuma loltoota diinaa adamsuuf gargaaran agarsiisaf dhiyeessiteetti.

Chaayinaan dirooniwwan ammayyaa kanneen agarsiisaf dhiyeessunshee tarsiimoo waraana idilee kana dura beekamu sirna waraanaa ammayyaan bakka buusuuf tarsiimoo qabatte kan agarsiisu ta'uu ibsu xiinxaltoonni.

Waraana ammayyaa keessatti dirooniwwan fayidaa guddaa akka qabaniifi meeshaalee waraanaa kana dura beekaman qofaan waraanatti seenun akka hin danda'amne shoorri dirooniwwan waraana Yukireen irratti bahaa jiran agarsiistuu ta'uu hima Dr. Misheel Raaskaa.

Giraafiksii robootii Chaayinaa fayidaa waraanaa garaa garaaf ooluu dandeessu agarsiisu

4. Chaayinaan teknooloojii qabaachuu dandeessi, garuu US ammallee hojiirra oolchuun ni caalti

Agarsiisii kun Chaayinaan teeknooloojii waraanaa isheetiin Ameerikaa saffiisaan qaqqabaa akka jirtu, akkasumas qabeenya meeshaa waraanaa guddaa ijaaruuf dabdeettii akka qabdu ifatti agarsiisa.

Haata'u malee, Ameerikaan ammallee gama hojiirra oolchuutiin caalmaa qabdi jedhu ogeeyyiin damee kanaa.

Waraanni Ameerikaa aadaa "gadi irraa gara oliitti" jedhamuufi kan garee gara gadii jiraniin haaluma deemuutiin murtoo kennuu fi tooftaa lolaa isaanii jijjiiruu danda'an waan qabaniif ni "caala," jechuun Dr Raaskaan hubachiisu. Kunis lola keessatti caalaatti akka tokkotti akka socho'an isaan taasisa.

Diroonii Chaayinaa dhaloota shanaffaa taate GJ-11 jedhamtu

Chaayinaan ammoo fallaa kanaan adeemsa "gubbaarraa gara gadiitti" jedhu kan hordoftuu yoo ta'u, "waltajjii fi sirna ifa ta'e qabaachuu danda'u haata'u malee hanga ajaja gubbaarraa argatanitti quba tokkollee hin sochoosan" jechuun dabalataan ibsu.

"Chaayinoonni teeknooloojiin isaanii ofirraa ittisuu akka dandeessisu yaadu. Sunis US ofiirraa duubatti deebisa jedhanii amanu... haata'u malee, sadarkaa hojiirra oolchuutti, garuu yeroo itti akka isaan jedhanitti gaarii ta'uu itti hin dandeenyee agarsiisan mul'ateera", jedhu Dr Raaskaan.

Kanaafis, taatee dhiheenya kana yeroo ji'a darbe dooniin waraanaa Chaayinaa yeroo eegduu qarqara galaanaa Filiippiinsii waliin wal dhabaniitti bidiroowwan xixiqqoo ofiishee keessaa tokko rukutan kaasuun dubbatu.

5. Agarsiisi gabaa waraanaa kan uumufi tokkumaan US dura dhaabbachuu kan agarsiisudha

Chaayinaan gaggeessitoota biyyoota garaa garaa waamtee meeshaalee waraanaa ammayyaa agasriisaaf dhiyeessunshee meeshaalee kanneen gurguruufis hima Aleeksaandar Niil.

Biyyoota affeeraman keessaa kanneen akka Maayinamaar fa'aa duraanuu meeshaalee waraanaa heddu Chaayinaa irraa bituun beekamu.

Meeshaalee waraanaa dabalataa itti gurguruuf ykn ammoo biyyoota biroo haaraa meeshaalee waraanaa bituu barbaadaniif meeshaalee waraanaa qabdu agarsiisuun carraa gabaa uumufii qaba.

Agarsiisa waraanaa kanarratti Chaayinaan gaggeessitoota biyyoota Lixaa itti yaaddee hin waamin hafte
Ibsa waa'ee suuraa, Agarsiisa waraanaa kanarratti Chaayinaan gaggeessitoota biyyoota Lixaa itti yaaddee hin waamin hafte

Michoota Chaayinaa keessaa adda dureen hiriiranii agarsiisa kanarratti shii Jiin Piing waliin kan dhaabbatan Vilaadmiir Puutiniifi Kiim Joong Uun.

Bakka agarsiisi waraanaa itti gaggeeffamu yeroo deemaniifi wal-tajjiirratti argaman, sadan isaanituu wal-cinaa deemuun isaanii ijjannoo waliin dhaabbachufi tokkummaa uumuu kan agarsiisudha jedhu xiinxaltoonni.

Sadi ta'anii wal-cinaa deemufi dhaabbachuunsaanii USdhaaf ergaa dhaamuu isaanii akka agarsiisu hima Aleeksandar Niil.