Veetinaam guyyaa walabummaa isheerratti lammilee hundaaf maallaqa 100,000 qoodde

Kabaja guyyaa walabummaa Veetinam waggaa 80ffaa

Madda suuraa, Reuters

Veetnaam Kibxata kaleessaa waggaa 80ffaa bulchiinsa koloneeffataa ishee irraa walabummaa ishee labsite kan kabajjatte yoo ta'u, agarsiisa waraanaa waggoota kurnan darban keessatti ta'ee hin beekne agarsiisuun kabajatte.

Kana malees lammilee isheef maallaqaa kanaan dura ta'ee hin beekne kennuu fi hidhamtootni gara 14,000 ta'an bilisaan akka gadi dhiifaman gootetti.

Namoonni kuma heddutti lakkaa'aman irra caalaan isaanii shamizii diimaa uffataniifi alaabaa Veetnaam qabatan daandii magaalaa guddoo Hanohi irratti walitti qabamuun kabajataa turan.

Veetinaam lammilee ishee gara miliyoona 100 ta'aniif mallaqa biyyatti Dong 100,000 kennuufin kun kan ta'ee hin beekne qofa utuu hin taane biyyattii hanga doolaara miiliyoona 380 kaffalchiisuu danda'a.

Guyyaa yaadannoo walabummaa waggaa 80ffaa biyyattii kana irratti meeshaalee waraanaa Veetnaam sadarkaa olaanaa qaban kanneen akka helikooptaroota Raashiyaan hojjetaman Mi-171, xiyyaarota waraanaa Suukooy Su-30 fi diroonii biyya keessaatti oomishaman dabalatee agarsiifameera .

Loltoonni fi hojjettoonni waraanaa Veetnaam kumaatamaan lakkaa'aman akkasumas qaamoleen Chaayinaa, Raashiyaa fi biyyoota biroo irraa walitti dhufan hirmaataniiru.

Taatee fi agarsiifni addaa galaana irratti gaggeeffame irratti dooniiwwan bishaan jalaa fi geejjibaa sadarkaa olaanaa ta'an mul'ataniiru

Itti gaafatamaan paartii Koministii Veetinaam Toh Laam yeroo agarsiisa kana banan ''birmadummaa, walabummaa, abbaa biyyummaa fi tokkummaa biyya abbaa keenyaa hanga dhumaatti eegsisuuf kutannoo hin raafamne qabna" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kabajni guyyaa walabummaa waggaa 80 ffaa kun kan kabajame bakka hogganaan warraaqsaa Ho Chi Minh Fulbaana 2, 1945 labsii walabummaa seena qabeessa ta'e itti labsettillee akka ta'e Rooyitersi kan gabaase

Guyyaan sun koloneeffataa Faransaay gara jaarraa tokkoo aliif biyyatti dhuunfattee turteef hin liqinfamne.Biyya walabummaa ishee labsatte kanaafis beekamtii hin kenninee

Kanan malees Jaappaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Veetnaam walaba ta'e akka hundeeffamtu taasiseef kabaja kan kennudha.

Ameerikaan miseensa Imbaasii ishee gara agarsiisa kanaatti kan ergitee, yoo ta'u Ministirri Dhimma Alaa U.S. Maarkoo Ruubiyoon ibsa erganiin Veetnaam "naannoo Indoo-Paasifiik keessatti michuu murteessaa fi qormaata addunyaa waliin qaban furuu keessatti adda duree" ta'uu isheetiin baga gammaddan jedhan

Shaakalaafi agarsiisa guddaa kanaaf daandiiwwan giddugala Haanoyi guyyoota hojii sadiif cufamanii turu.

Prezidaantiin biyyattii Luwongi Kuwongis kennaa maallaqaa dabalataan hidhamtoota 13,920 ta'an kanneen yeroon hidhaa isaanii osoo hin xumuramin gadhiifaman, lammiilee biyya alaa 66 dabalatee, dhiifaman gadi akka dhiifaman labsan.

Kabaja guyyaa walabummaa Veetinam waggaa 80ffaa

Madda suuraa, Reuters