Burkina Faasoon jaallattoota saala walfakkaataa hidhaa fi maallaqaan adabuuf murteessite

Fonqolcha mootummaa booda bara 2022 irraa hanga ammaatti Burkina Faasoo bulchaa kan jiran Kaapteen Ibraahim Tiraaworee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Fonqolcha mootummaa booda bara 2022 irraa hanga ammaatti Burkina Faasoo bulchaa kan jiran Kaapteen Ibraahim Tiraaworee

Paarlaamaan ce'umsaa Burkina Faasoo kan hin filatamne ta'ullee tarkaanfiiwwan murteessoo ta'an ni fudhata.

Amma seera gocha jaallattoota saala walfakkaataa dhorku raggaasiseera.

Kun erga kaabineen biyyattii seera maatii jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisu baasanii waggaa boodadha.

Miseensi paarlaamaa seera haaraa kana morme hin jiru, Wiixata sagalee guutuun raggaaasisan.

Namni seera kana cabsee gochicha raawwate hidhaa hanga waggaa shaniin adabama.

Tarkaanfiin Burkina Faasoo kun cunqursaa jaallattoota saala walfakkaataa ardii Afrikaa keessa jiran irratti raawwataa jiru keessaa tokko.

Ministirri Haqaa biyyattii Edaasoo Roodiriig Bayaalaa miidiyaa biyyattiirratti akkas jechuun labsan: ''seerri kun hidhaa waggaa lamaa hanga shanii nama adabsiisa. Adabbii maallaqaas qaba.''

Lammiileen biyya alaa biyyattii keessa jiraatan seera kana cabsanii yoo argaman biyyaa akka hari'amanis ibsan minstirri haqaa kun.

Akka gabaasa Rooyitarsitti wixineen seeraa kun erga paarlaamaan ragga'ee booda hojiitti hiikamuuf mallattoo qondaala waraanaa bulchaa biyyattii qofatu eegamaa jira.

Kaapteen Ibraahim Tiraaworee fonqolcha mootummaa booda bara 2022 irraa eegaluun Burkina Faasoo bulchaa jiru.

Yeroo sanas namuma akkasaanii qondaala waraanaa ta'etu aangoorra turan.

Lt Kol Pool- Henri Damiibaa fonqolcha mootummaan aangoo qabatanii turan irraati kan fonqolfaman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyi Saahel kun biyyoota Afrikaa jaalala saala walfakkaataa eeyyaman keessa turte. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa 22 ni eeyyamu.

Biyyoota garii keessatti gocha quunnamtii saala walfakkaataa raawwachuun hidhaa cimaa ykn du'aan nama adabsiisa.

Burkina Faasoon erga bara 1960 waanjoo kolonii Faransaay ofirraa fonqolchitee booda seera faallaa jaallattoota saala walfakkaataa duraan ture hojiirra oolchuu itti hin fufne.

Duudhaa sana kan dhaalanii hojiirra oolchuu itti fufan inumaa warra kolonii Biriteen jala turanidha.

Biyyattiin hawaasa duudhaa duriitti cichan fi amantii hordofan qabdi. Namoonni amantii homaatuu hin hordofnu jedhan dhibbeentaa 10 hin caalan.

Tarkaanfiin biyyattiin jaallattoota saala walfakkaataa irratti fudhatte kun qaama duula guutummaatti ardittiitti gocha kanarratti eegalamee jiruuti.

Bara darbe biyyi ollaa Burjina Faasoo taate Maaliin seera gocha jaallattoota saala walfakkaataa dhorku hojiirra oolchiteetti.

Maaliin yeroo ammaa akkuma Burkina Faasoo humna waraanaan bulti.

Biyyoota Afrikaa keessaa Yugaandaan gocha kana irratti tarkaanfii jajjabaa fudhachuun maqaanshee addunyaarratti beekama.

Sababa kanatti biyyattiin sadarkaa qoollifatamuurra geesseetti. Baankiin Addunyaa fi dhaabbileen gargaarsaa maallaqaan qoqqobaniiru.

Naayijeeriyaa keessattis gochaan jaallattoota saala walfakkaataa seeraan dhorkameera. Paarlaamaan Gaanaa bara darbe seera gocha kana dhorku raggaasise, garuu hanga ammaa pirezidantiin irratti hin mallatteessine.