Dureewwan Burkinaa Faasoo fonqolchaan aangootti bahan irratti fonqolchi yaalame

Madda suuraa, REUTERS
Burkinaa Faasootti humnootiin Tajaajilli Tikaafii Nageenyaa yaalii fonqolcha mootummaa guyyaa Kibxataa irratti aggaamamee ture fashaleessuu mootummaan waraanaa biyyattiitti fonqolchaan aangoo qabate beeksise.
Mootummaan waraanaa kunis yaalii fonqolchichaa kan gaggeessan qondaaltoota waraanaafi qaamoolee biyyattii keessatti tasgabbiin akka hin umamneef hojjataniidha jechuun balaaleeffateera.
Pirezidantiin yeroo Kumaalaa Ibraahiim Tiraa’oree erga karaa fonqolchaatiin gara aangoo pirezidantummaa yerootti dhufanii ganaa waggaayyuu hin guunne.
Biyyi Burkinaa Faasoo kan hidhattoota milishaa islaamtootaa waliin wal waraansa keessatti argamtus, bara 2022 keessa qofaa fonqolichi mootummaa yeroo lama keessatti gaggeeffameera.
Ibsa mootummaa karaa TVn Roobii kaleessaa galgala dubbifame irratti, namoonni muraasni hidhamuufi kaan ammo adamsaa jiraachuu kan himamee yoo ta’u, dhimmicharratti ibsi bal’inaan kenname hin turre.
Ibsichis qaamooleen fonqolchicha yaalaan, ‘‘kaayyoon isaanii dhaabbilee rippablikii haleelluu fi biyyattii okkoora keessa seensiisuudha’’ jedhe.
Sa’aatiiwwaniin duras ibsi pirezidantii yeroo biyyattii baasaniin, ‘‘garaagarummaa jiraatulleen ce’umsa deemokraasii nagaa qabeessa ta’e hoogganuuf kutannoo qaban. Walabummaa keenya mirkaneeffachuuf ilama taasisaa jirru dhaabsiisuuf achuuf sochiileen adda adaa jiru,’’ jedhan.
Juntaan biyyattii dursaajirus filannoon baatii Hagayyaa 2024 keessa akka gaggeeffamu beeksiisee ture.
Guyyaa Kibxata darbee oduu waraanaa jidduu komiin jira jedhuu hordofuun, deeggartoonni mootummaa dhibbaan lakkaa’aman daandii magaala guddoo biyyattii Ugaaduguutti baasuudhaan akka hiriira mormii taasisanii ture.
Guyyaadhuma sanattis barruun Jeune Afrique afaan Faransaayitiin maxxanfamu, odeessa maqaa human waraana biyyaa balleessuu maxxanseera jedhamuun aanga’ootaan dhorkamee ture.















