Burkinaa Faasoo: Waraanni biyyattii fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuu hime

Pirezidant Rooch Kaaboreen

Madda suuraa, Reuters

Burkinaa Faasootti humni waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuu ibse.

Humni waraanaa biyyattii aangoo qabachuu isaa televizhinii mootummaa irratti kan labse ammoo qondaala waraanaati.

Qondaalli kun ibsa isaanii kana keessatti mootummaafi paarlaamaan biyyattii akka bittinnaa'es himaniiru.

Pirezidant Rooch Kaaboreen eessa akka jiran hin beekamu. Qondaalli waraanaa kun garuu namoonni to'ataman martinuu bakka wabii nageenyaa qabu jiru jedhan.

Fonqolchi kun kan gaggeeffame loltoonni buufata waraanaa erga qabatanii guyyaa tokkoon boodadha.

Yeroo buufata waraanaa sana qabatanitti dhukaasni magaalaa guddoo biyyattii keessatti dhaga'amaa tureera.

Ganama kana paartiin biyya bulchaa jiru Warraaqasa Ummataa Fuul-duratti Tarkaanfachuuf (PMP) jedhamu akka jedhetti, Mr. Kaaboree fi ministiroonni mootummaa yaalii ajjeechaa irraa oolaniiru.

Dilbatarra ammoo, loltoonni diddaa agarsiisan hogganaan waraanaa akka hojiirraa kaafamu, akkasumas garee milishoota Islaamistootaa loluudhaaf qabeenyi dabalataa akka kennamuuf gaafatanii turan.