Tomaas Saankaaraa: 'Che Guevara Afrikaa' eenyutu ajjeese?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Jewel Kiriungi
- Gahee, BBC News, Ouagadougou irraa
Ajjeechaa Pireezidantii duraanii Burkinaa Faasoo Tomaas Saankaaraa waggaa 34'n dura raawwate duuba, namoonni 14 ajjeechaa isaa keessa qooda qabaachuun shakkamanii dhaddacha fuuldura dhiyaachuun dhimmi isaanii ilaalamaa jira.
Namni ''Chee Guveeraa Afrikaa'' jedhamuun beekamuufi Paan-Afrikaanistii tahe kun wayita gannisaa 37 ture, fonqolcha mootummaa Onkololeessa 15, 1987tti raawwatameen loltotaan dhawamee kan ajjeefame.
Du'asaa booda hiriyaan isaa Blaise Kompaaworee gara aangootti dhufe.
Ajjeechaasaa ganna afuriin dura, hiriyoonni lamaan kunniin waltahuun fonqolcha gaggeessanii milkaa'an - Saankaaraan pireezidantii tahe.
14n himataman keessaa tokko Kompaaworee oggaa tahu, tahus inni biyyattii ollaa Ayivorii Kost keessa jira. Mormii uummataa 2014 keessa gaggeeffame baqachuun biyyaa godaane.
Aabba Kompaaworee irra deddeebiin ajjeechaa Saankaaraa keechaa harka hinqabu jechuun haala, himannaa itti banames kuffiseera.
Lubbuun dabartee ganni hedduu dabruus, Saankaaraan Afrikaanota hedduu biratti hedduu leellifama, jaalatama.
Gara biyyoota Lixa Afrikaa yoo deemtan, taaksiiwwan hedduu suuraasaa maxxanfatanii naanna'u - achis gara Afrikaa Kibbaa ce'aa, hoogganaan paartii mormituu Juliyas Maaleemaa - namni kun fakkeenya kooti jedhee leellisaan.
Saankaaraan maaliif akka gootaatti ilaalama?
''Nuuf Saankaaraan goota keenya. Uummatasaafi biyyasaa ni jaalata ture. Afrikaas ni jaalata ture. Lubbuusaa nuuf kenne,'' jedhan barreessaan Koree Yaadannoo Tomaas Saankaaraa, Luc Damiba.
Bara inni bulchaa turetti biyyi Burkinaa Faasoo maqaashee ammaa kan argatte. Isaan dura 'Upper Volta' jedhamtiyyu. Burkinaa Faasoo jechuun ''Biyya Namoota qajeelaa tahanii'' akka jechuuti.
Saankaaraan jireenya qananii nan barbaachisu jedhe. Miindaa isaa fi hojjettoota mootummaa hir'ise. Kana malees shufeerota gaarii mootummaa oofan hambise, imala xiyyaaraa qananiis dhorke.
Barnootni xiyyeeffannoo isaa jalqabaa ture. Bara aangoorra ture hammi nama baratee dabaleera - 1983tti %13 kan ture 1987tti %73tti guddatee ture. Kana malees Aabba Tomaas duula talaallii biyyaaleessaa bal'inaan gaggeessaa ture.
Dabalataan namni kun, lafa qonnaa fiwudaalotarraa fuudhee, qonnaan bultoota harka-qalleeyyii tahaniif addaan hire. Tarkaanfiin kunis oomisha qamadii haalaan guddise.

Madda suuraa, AFP
Tomaas Saankaaraa Afrikaan waltahuun ''dhiibaa koloonii haaraa (neo-colonialism)'' jaarmiyaalee kanneen akka IMF fi Baankii Addunyaa fuuldura dhaabbachuu qabu jechuunis waamicha dabarse.
Wayita tokko akkas jechuu isaatu himame: ''Kan nyaata sii kennu, si to'ata.''
Imaammatni alaa biyyattiis farra-imperiyaalistii irratti kan hundaa'e ture. Kunis olaantummaa Firaans koloniin boodallee Burkinaa Faasoo dabalatee, biyyoota kolooniin bulchaa turte keessatti qabdu kan gaaffii keessa galchu ture. Haati warraa Aabba Saankaaraa, Firaans ajjeechaa nama kanaa qindeessiteetti jechuun himatti.
''Ammallee pireezidaantiin koo isa. Waanti inni uummata isaaf godhe, dargaggoonni akka isaa akka hojjetaniif kan jajjabeessudha,'' jedhe barataan Yunivarsiitii Tomaas Saankaaraa magaalaa Ogaaduguu irraa.
Siidaan meetira jaha dheeratuufi maaldaa/nahaasarraa irraa midhaaffame Paarkii yaadannoo Tomaas Saankaaraatti 2019tti hojjetameera. Komii kaheen boodas bara dabre keessa irra deebiin hojiin dabalataa irratti taasifame.

Madda suuraa, AFP
Qeeqxonni isaahoo maal jedhu?
Imaammanni Saankaaraa siyaasa gama-bitaatti cichu jedhaman, dhaabbilee mirga namoomaan qeeqamu.
Gabaasni Aminastii Intarnaashinaal 1986 bahe, mormitoonni siyaasaa seeraan ala akka to'atamaniifi haalaan akka dararaman ifa godheera.

Madda suuraa, AFP
''Waa'ee demokraasii paartilee danuu fudhachuuf in rakkata ture. Kanneen isa morman isa wajjin hin hasawan, dhageettiis hin qaban,'' jedhu Serge Theophile Balima - bara bulchiinsa Saankaaraa keessa ministira odeeffannoo tahanii kan tajaajilan.
Piriifesar Baalimaa dabalanii: ''Uummataaf aangoo kennuu barbaade, kanaanis aangoo bakka bu'ummaa namoota Koree Defence of the Revolution [CDRs] jedhamaniif kenne. Jarri kunis aangoo kennameef sirnaan itti gargaaramuu dhabuun, isas maqaa balleessan,'' jedhu.
Pireezidant Saankaaraan aangoorraa gussaman Jean-Baptiste Ouédraogo jedhaman af-gaaffii 2020tti taasisaniin, Saankaaraan ''nama shakkiin guutameefi Maakiyaavellummaa siyaasaa'' nama qabu ture ittiin jedhu.
Adeemsi seeraa maaliif hagana fudhate?
Obboleessi isaa Pool Saankaaraa waan jedhe: ''Bara bulchiinsaa Blaise Compaoré 27 keessa yeroo dheeraaf eegne. Bulchiinsa isaa jalatti, mana murtiitti ilaalama jennee hin abjoonnuyyu.''

Madda suuraa, AFP
Haati warraa isaa bara 1997 keessa ajjeechaa abbaa warraashee ilaalchisuun himata bante. Tahus Manni Murtii Olaanaa qorannoon isaa haa itti fufu jechuuf ganna 15 fudhate.
Haa tahu malee hanga Kompaaworeen 2014tti aangorraa ari'amanitti adeemsi mana murtii achi tarkaanfachuu dide.
Ganna ittaanu reeffa isaati ka jedhame qotamee erga baafamee booda, qorannoo qaccee sanyii- DNA gaggeeffameen kan isaa tahuun isaa mirkanaa'uu hin dandeenye.
2016tti aanga'oonni Burkinaa Faasoo, mootummaan Faransaay waa'ee ajjeechaa nama kanaa ilaalchisee ragaa of harkaa qaban akka gadhiisan ifatti gaafatan.
Ragaan jedhaman kunneen gulantaa sadiin Burkinaa Faasotti dabarfaman - inni dhumaas Ebla 2021tti dabarfamee kenname.

Madda suuraa, AFP
Dhaddachi kun bu'aa akkamii buusa?
Adeemsi mana murtii kun haala Burkinaa Faasoo keessa jiru ittuu hammeessa jedhamee sodaatamaa ture. Biyyattiin gareewwan jihaadistootaa al-Qaayidaa fi Islaamik Isteet wajjin qunnamtii qabanirraa haleellaan garagaraa mudata.
Aabba Kompaaworeen ammallee baqarra jiraatus, biyyattii keessa dhiibbaan inni geessisu salphaa miti jedhama. Xiinxaltoonni siyaasa biyyattii hordofan, qaamni waraanaa biyyattii isaaf amanamummaa qaban, rakkoo fiduu malu jedhu.
Tahus kanaaf wanti ragaa tahu qabatamaan hin mul'atu.
Inumaayyuu Pireezidantiin biyyattii Roch Marc Kaboré, adeemsi seeraa Saankaaraa, muddama jiru tasgabbeessa akkasumas araara biyyaalessaa fida jedhanii abdatu.
''Adeemsi mana murtii akkanaa hokkora ni fida jedhee hin amanu,'' jechuun xiinxalaan olaanaa International Crisis Group (ICG) Mathieu Pellerin jedhaman gaazexaa Faransaayitti 2020tti himan.
''Yeroo baay'ee, araarri haqa malee hin dhufu,'' jedhu.
















