Kitaabni seenaa Koloneel Abdiisaa Aagaa fakkiin ibsu qophaa'e

Madda suuraa, Minas Halefom
''Maqaa Abdiisaa Aagaa kanin dhagahe barataa kutaa gad-aanaa taheenii,'' jedha seenaa Koloneel Abdisaa Aagaa kitaaba fakkiin deeggarameen kan qopheesse ogeessi fakkii kaasu Miinaas Haalafoom.
Seenaan Abdiisaa kitaaba Afaan Amaaraa kutaa 3ffaa irra jiru gabaabaa, kan fuula lama hin caalle ture jedha.
Innis Abdiisaa Aagaan goota Itoophiyaa Xaaliyaanin fudhatamee hidhame, boodammoo karaa foddaa akka miliqe qofaa hima malee ergasii maaltu akka uumame hin dubbatu jedha.
Raadiyoo irraan dhagahe
Taatee waggaa lama dura na mudateetu kitaaaba kana akkan qopheessu na kakaase jedha.
''Lafan jiraadhu naannoo Addisuu Gabaa irraa gara Piyaassaa taaksiidhaan otoon deemuu, taaksicha keessaa raadiyoon waa'ee Abdisaa Aagaa odeessiti, seenaan ani raadiyooonii keessaa dhagahe garuu kana dura kanan dhagahee beeku irraa adda ture jedha.
''Abdiisaan mana hidhaatii erga bahee booda waraana mataasaa dhaabuun mana hidhaa itti hidhamee turetti deebi'ee, cabsee galuun warra achitti hidhaman miliqsee waraana guddaa ijaaruun warra Faashistiifi warra Naazii lolaa akka turen,'' dhagahe jedha.
''Seenaa kana yeroon dhagahu baay'ee gatii na hawwateef qorachuun jalqabee ergan waan hunda argadheen booda waggaa lama dura hojjechuun jalqabee,'' jedha Minaas.

Madda suuraa, Minas Halefom
Yaadannoo Abdiisaa Aagaa
Kooloneel Abdiisaan Xaaliyaanitti yeroo waraanarra ture oolmaa isaa guyyaa guyyaan barreessee ol kaa'a ture.
Yaadannoon guyyuu isaa sun immoo kitaabaan haa maxxanfamuyyuu malee gabaarraa waan hin jirreef barbaacha meeqa boodan argadhe jedha Miinas.
Seenaan achirra jiru jireenya dhuunfaa Abdiisaa Aagaa waan himuuf isa sana gara fakkiittan geeddare. Haasaa Abdiisaa Aagaa immoo ibsannoo mataa koo fayyadamuudhaan qopheesse.
Kitaabicha irratti warri Xaaliyaaniif Jarmanii waan akka roobootiitti fakkeefaman.
Dabalataan, ''kitaabichi bara 1936 Xaaliyaaniin yeroo lammataaf Itoophiyaa wayita weerarateedhaa qabe hanga bilisa baanutti isa jiru of keessatti hammata,'' jedheera.
Seenaa dhugaa goota kanaa bu'uura godhachuun haa barreeffamuyyuu malee waa'ee isaanii wanti hundi kitaabicha irratti hin barreefamne.
''Abdiisaan erga Itoophiyaan bilisa baatee boodallee Waraana Addunyaa 2ffaa fi waraanota biyya keessaa baayyee irratti hirmaatee ture, ani garuu kutaa isa kana qofan hojjechuuf filadhe,'' jedha.
Miinaas, ''seenaan Abdiisaa Aagaa seenaa lammiilee Itoophiyaa gatii taheef ni beekna garuu namni kun nama keenya qofa osoo hin taane seenaa addunyaa goota hojjete waan taheef lammiileen Afrikaa biroofi ummatni addunyaa akka baruufi Afaan Ingliiziitin barreesse,'' jedha.

Madda suuraa, Minas Halefom
Kana booda garuu Afaan Oromoo dabalatee afaanota Itoophiyaa birootiin maxxansiisuuf yaada akka qabu himeera.
Kitaabicha maxxansiisuuf deeggarsa argachuun akka isa rakkise, namootaafi dhaabbilee akka isa deeggaran gaafate 20 keessaa eenyuyyu deebii akka hin kennineef himuun, xumurratti Imbaasii Sarbiyaa hojii isaa maxxansiisaniif hayyamamoo tahuu isaaniif galateeffateera.
Kitaaba kana maxxansiisufis waggaa lama kan fudhate deeggarsa barbaacha dha malee hojiisaa ji'a jaha keessattin xumure jedha Minaas.
''Seenaan Abdiisaa Aagaa jalqabaa hanga dhumaatti waan dhugumaan raawwatame hin fakkaatu seenaa fiilmii warra Hooliwuud fakkaata, anis ogummaa fakkii kaasuu isan guyyuu hojjedhu dhaabeetan hojii kana waggaa lamaaf hojjedhe,'' jedha qopheessaan kitaaba kanaa.
Kaayyoonsaa inni guddaa dhalooti ol guddataa jiru seenaa goototaa akka baru gochuufi addunyaatti beeksisuu dha jedheera.
Kitaabichi kooppii 500 akka maxxansiifamuufi kuusaa kitaabaa Litman jedhamu Finfinneetti ni argama jedheera.
















