Xalayaa Afrikaarraa: Keeneet Kaawundaa - lammileen Afrikaa seenaa isaanii dagachaa jiruu?

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaan dhalataa Seeraa Liyoon fi Gaambiyaa ta'e Ade Daramii, odeessa walitti fufinsaan gaazexeessitoota Afrikaarraa dhiyaatuun, dargaggoonni Afrikaa wa’ee seenaa isaanii maal akka beekanii fi maaliif barbaachisaa akka ta’e hima.
Guyyaa dhalootaa waggaa 97ffaa pirezidaantii jalqabaa Zaambiyaa fi lola kolonii irratti dursaa kan turan Keeneet Kaawuunda irratti ''namootni tokko tokko akka isa hin beekne yeroon bare bayyeen rifadhe,'' jedhe.
Miidiyaa hawaasummaa gubbaatti Ebla 28 guyyaa dhaloota isaaf “Hogganaa walabummaa Afrikaa bara 1960’n hanga ammaatti lubbuun jiru,” jedheen maxxanse.
Hedduun guyyicha kabajani. Kaan ammoo ajaa’ibeenii “Ammayyuu lubbuun jiraachuu isaa hin beekne” jedhu.
Dhugaa dubbachuuf, namootni umurii 30 gadi jiran homaa hin beekani.
Nama bara 1960’n keessa Seraa Liyoonitti guddateef kana dhaga’uun ni cima.
Bara 1961’tti biyyootiin Afrikaa 17 walabummaa isaanii argatani.
Kaawundaa, ijoollee saddeet keessaa isa quxisuu yoo ta’u, sochii walabummaatti dabalamuu isaa dura barsiisaa ture.
Yeroo kanattidha gitaara taphachuu, faaruuwwan walabummaa barreessuu fi biyyattiirra imaluun duula bulchiinsa kolonii kuffisuuf taasifameef deeggartoota kakaasuu isaan beekamaa ta’e.
Boodarra umurii ganna 40tti pireezidaantii jalqabaa Zaambiyaa ta’e.
Akka inni jedhutti hawwiin isaa lammiin Zaambiyaa cireef hanqaaquu fi aannan akka nyaatanii- lammileen hundi miilla isaanirraa kophee akka qabaatanidha.
Maqaa masoo KK jedhamuun kan beekamu pireezidaantichi, yeroo bulchiinsa isaatti qeeqa cimaa appaartaayidii Afrikaa Kibbaa fi bulchinsa adii Rodeshiyaa (Zimbaabwee ammaa) ta’uun kan beekamu yoo ta’u, gartuuleen bulchiinsota kana lolan kan akka Kongireesii Biyyaaleessaa Afrikaa (ANC) Zaambiyaa buufata isaanii akka godhaniif eyyamee ture.
Jalqabarratti jireenya lammilee Zaambiyaa fooyyessuuf sochii guddaa godhus, waadaa dimokraasiif seene diiguun bara 1973tti bulchiinsa paartii tokkoo hundeesse.

Madda suuraa, Alamy
Filannoo bara 1978, 1983 fi 1987 irratti Kaawundaa kaadhimamaa tokkicha yoo ta’u, filannoo hundarratti sagalee %80 ol argachuun injifate.
Sagalee %100 argadhe jechuuf tarii qaana’ee ta’uu danda’a.
Paartiima isaa keessattiyyuu, kaadhimamaa tokkicha ta’ee akka filatamuuf jecha seera geeddareera.
Boodarra garuu lammilleen Zaambiyaa yeroo isaarra dabarsee angoorra tureera jechuun, mormii guddaa gaggeessaniin filannoo paartilee hedduu qabu akka uumuuf erga isa dirqisiisanii booda bara 1991 filannoodhaan aangoo irraa bu’e.

ODEESSAALEE XALAYAA AFRIKAARRAA DABRAN

Abjuu dagatame
Gammachuu walabbumaan dhufe booda waggootii soddoma ardiin kun bulchiinsa abbaa irreen rakkachaa jirti – kanaafis ta’uu danda’a hoggantoonni kolonii booda turan hedduun dhaloota ammaan kan dagataman.
Gariin isaanii ajjeefamaniiru ykn fonqolchaan angoorraa kaafamaniiru, kaan ammoo abjuu uummataa fi waadaa isaaniif seenan dagataniiru.
Afrikaan ammayyuu hoggantoota waggooti 20 ykn 30 oliif angoorra turan qabdi.
Tokko tokko gara waggaa 40f aangorraa turaniiru, kan akka Pireezdaanti Kaameruun Pool Biyaa.
Erga Kaameruun bara 1960’n keessa kolonii Firaansi jalaa walabummaa argattee as Pool pireezidantii biyyattii isa lammataadha.
Sababa seenaa akkanaanis ta’uu danda’aa namootni gootummaan faarsamuu qaban kan dagataman.
Kunimmoo yeroo ammaatti barnoota seenaa Afrikaa keessatti maaltu barsiifama jedhee akkan gaafadhu na taasisa.
Kaawundaan – erga angoorra bu’e siyaasaa dhiisuun, bara 1980’n keessa ilma isaa tokko erga HIV’n dhabe booda, hojii HIV loluu irratti humna isaa kan baaseeru - nama dagatamuu qabu miti.
Seenaa ardiichaa – isa gaariis hamaas – kan lamaan irraa barachuu dandeenyuuf yaadannoo lubbuun jirudha.

















