Xalayaa Afrikaa irraa: Lammileen Keeniyaa liqiin biyyattiirratti tuulamu morman

Madda suuraa, Getty Images
Xalayaa gaazexeessitoonni Afrikaa BBC'f irratti gaazeexessaan Keeniyaa Wayihigaa Muwawuraa sababa liqii biyyatti tuulamaa dhufeen yaaddoo lammileen biyyattii keessa jirn hima.

Biyyootii hedduu keessatti dhabbileen liiqii kan akka IMF yeroo mootummooleef liqii kennuuf eeyyaman akka mallattoo milkaa’inatti ilaalama.
Oggeessonni diinagdee Waashingitan jiran biyyi liqii fudhatu kun maallaqicha to’achuu fi dhala isaa waliin deebisuuf dandeetti qaba jedhani akka yaadan agarsiisa.
Ta’us lammileen Keeniyaa tokko tokko wanta kana hin argani – dhaabbati IMF biyyattiif maallaqa dabalataa akka liqeessu hin barbaadani.
'Hoomaa kanniisaa'
Lammilen Keeniyaa Tiwiitara gubbaa jiran garee hawaasummaa 'Kenyans On Twitter' - KOT jedhamuun beekamu kan humna guddaa qabu qabu.
Wiixata irraa eegalee miseensonni KOT’n xiyyeeffannaa isaanii IMF godhatani.
Kun ta’uu guyyaa lama dura IMF miidhaa weerarri koronaavayirasii uume irratti gargaaruu fi dinagdee foyyeessuuf Keeniyaaf liqii doolara biliyoona 2.3 kennuuf akka jiru beeksise ture.
Beeksisi IMF kun kan dhufe qorannoon tokko kan lammilee Keeniyaa shan keessa afur sababa liqii biyyattiin aarii ykn yaaddoo akka qaban mul’isu akkuma ba’eeni.
Kunis Tiwitara irratti ijoo guddaa ta’e, Wiixata galgalatti dhaadannoon #StopGivingKenyaLoans (Keeniyaaf liqii kennuu dhaabaa) jedhu hedduutu qoodamaa ture.

Madda suuraa, AFP
Dabalataanis namootni iyyata mallaattessuuf wal jajjabeessaa turani. Iyyati kunis, liqiin kanaan dura kenname seeran hin fayyadamamne jechuun, duula inteerneeta irratti IMF liqii kennuuf ture akka dhaabu goochuuf qophaa’edha.
Ministirri Maallaqaa Ukuur Yatani liqiin kun namoota daldala xixiqqaa qabanii fi “rakkoo namoomaa uumamu danda’u” dhaabuuf barbaachiisadha jechuun falmeera.
Ta’us garuu hawaasni inteerneeta 'hoomaa kanniisaatti' fakkeeffaman kun ammallee yaadicha hin fudhanne.
Liqiin IMF kun lammilee Keeniyaa maaliif hin gammachiisne kan jedhu hubachuuf, heera haaraa wagga kudhan dura ba’e ilaaluu qabna.
Liqiin dacha afuriin guddachuu
Heerri kun qisaasama maallaqaa mootummaa darbee sirreessuuf qophaa’e. Akkataa itti maallaqani uummata fayyadamamu irratti itti gaafatamummaan, iftoominni fi hirmaannaan uummataa barbaachisaadha jedha.
Yeroo mootummaan ammaa kun bara 2013tti aangoo qabate, liqiin biyyatti irra ture doolara biliyoona 16 ture amma dacha afuriin dabaluun doolara biliyoona 70 ga’eera.
Mallaqni liqiin argame kun piroojektoota adda addaaf oola kan jedhame ta’us, itti fayyadamni maallaqichaa malaammaltummaa waliinis hiidhata akka qabu argameera.
Kuni bara 2018 wayita miseensi paarlaamaa tokko seera baastonni biyyattii liqii biyyattii irratti tuulamaa jiru to'achuu hin dandeenye jedhe ijoo dubbii ta'e.
Dhimma kana irratti himanni malaammaltummaa kan irratti dhiyate keessa tokko Ministira Maallaqa kan ture Henerii Rootich yoo ta’u amma mana murtiitti deddeebi'aa jira.
Jalqaba bara kanaa pireezidant Uhuuruu Keeniyaata guyyaa guyyaan sababa malaammaltummaan doolarri gara miliyoona 18 ta’u akka baduu himani turani.
Liqii guddaa = gibira guddaa
Utuu wanti kun hundi uumamu parlaamaan akka hojii isaatti liqii fudhachuu to’achuu dhabuun, gaaffii liqii dhiyaatuuf harka caalaa simateera.
Kanaafis liqiin biyyattiirra jiru galii biyyattiin waggaatti galchitu gara %65 ta’a- kun akka sadarkaa biyyootii dureeyyitti xiqqaadha, Keeniyaaf garuu guddaadha.
Amma mootummaan liqii dabalataa fudhachuu barbaada, lammileen biyyatti garuu balleessaa mootummaa kan jedhan kanaaf eenyu akka kaffalu beeku.
Sababa weerara koronaavayirasiin gibirri dabaleera. Ammammoo gatiin boba’aa dabaleera.
Kan caalummoo, qajeelfamni weerara koronaavaayirasii ittisuuf ba’e, dandeetti maallaqa maddisiisuu irratti dhiibbaa uumeera.
Kanaaf namootni hedduu liqii IMF kana shakkiin ilaalaa jiru, yaada malaammaltuummaa dabalataa fi gibiraa dabalataa fiduu danda’a jedhuuni.
Duulli intarneeta irratti gaggeeffamaa jiru waan hunda geeddaruu yoo danda’a ta’e ifa miti.
Garuu kadhimamtoonni filannooo pireezidaantummaa bara dhufuu duula yemmuu eegalanitti, akkataa maallaqni itti to’atamu irratti yaada lammilee Keeniyaa dhaga’uun gaarii ta’u mala.

Odeessaalee 'Xalayaa Afrikaa irraa' biroo:
- Biyya Afrikaa gurraachonni garba jedhamuun wamaman
- Hawaasa Armeeniyaa Itoophiyaa keessatti achi buuteen isaanii dhabame
- Loltuun Somaaliyaatti dhalate Room keessatti maaliif kabajamuuf yaadame?
- Qubee afaan Arabaa Naayijeeriyaatti falmii amantii kaase
- Harbuu guddaa Keeniyaa pirezidaantii olitti aangoo qabu


















