Aadaa fi duudhaa: Harbuu guddaa Keeniyaa pirezidaantii olitti aangoo qabu

Muka guddaa ijaarsa daandii guddicha magaalaa Naayiroobiif muramuu irraa hafe

Madda suuraa, AFP

Xalayaa yeroo yeroon gaazexeessitoota Afriikaa irraa BBC'f ergamu kan alanaan, waan leenjisaan kominikeeshinii biyyattii tokkoo irraa humna muki qaburratti taajjabee nuuf erge ilaalla.

Akka barreeffama gaazexeessaa kanaatti Harbuun Keeniyaa guddichi pirezidaantiin olitti waan aangoo qabu fakkaata.

Short presentational grey line

Yeroo baay'ee mootummaan uummatasaa sirnaan dhaggeeffachuun waan baratamaa miti.

Keessaahuu biyyoota Afriikaa hedduutti uummanni daandiitti ba'ee gaaffii qabu yoo gaafatellee mootummaan hin dhaggeeffatu.

Biyyoota Afriikaa mootummaanshee haala akkanaatiin komatamu keessaa keeniyaan tokko.

Seenaan kun garuu sababa muka guddaa tokkoo waan geeddarame fakkaata.

Muki kun garuu muka salphaa miti.

Muki iccitii, Harbuun, kunis kan waggaa 100 jiraatedha.

Dhiha magaalaa Naayiroobii handaara daandii guddicha Wayiyaakii irratti kan argamu harbuun kun ijaarsa daandiif jecha akka muramee baduuf irratti murtaa'ee ture.

Daandiin guddichi kiilomeetira 27 dheeratu kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Joomoo Keeniyaataa kutaa dhiha magaalaa Naayiroobii waliin wal-quunnamsiisa.

Achiis darbee gara Yugaandaa geessa.

'Mallattoo aadaa fi siidaa sirnakkoo'

Pirezidaantiin Keeniyaa yaada mootummaa isaanii jijjiiranii harbuun kun akka hin muramne maaliif akka labsan namuu haalaan hin hubanne.

Daandii bal'isanii hojjechuuf ture akka Harbuun kun muramuuf kan murtaa'e

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daandii bal'isanii hojjechuuf ture Harbuun kun akka muramuuf kan murtaa'e

Pirezidaantichi muka kanaan 'Guca duudhaa fi siidaa eegumsa sirnakkooti'' jechuun ibsan.

Akkuma jedhan ammoo muki kun duudhaa aadaa fi amantii qaba, keessattuu uummata Afaan Baantuu dubbatan biratti.

Hawaasi Luhyaa Dhiha Keeniyaa keessa jiraatan hedduunis muka kanaaf kabaja guddaa qabu, 'mukumu' jechuunis waamu.

Aadaa uummata Keeniyaa keessatti gaaddisi muka Harbuu iddoo seerri itti muramuudha.

Jaarsoliin biyyaa dhibdee jiru achi jalatti furu, gaaddisi muka kanaa akka mana murtiitti fayyada.

Mallattoo aangoo dabarsuu

Keeniyaa keessatti uummata hedduu qabaachuun kan beekaman gosti Kikkuyyuu muka kana maqaa 'mugumo' jedhuun waamu.

Uummata kana biratti muki Harbuu dirree muudaa, iddoo waaqeffannaa fi bakka aarsaan itti kennamuudha.

Uummanni kun akka Harbuun muramu hin eeyyaman, yoo murame balaa fi badiinsa biraa hordofsiisa jedhanii amanu.

Harbuun uumamumaan wayita kufu yookiin jiguyyuu akka carraa badaatti fudhatu.

Yookiin akka mallattoo aangoo dhaloota tokkorraa gara dhaloota itti aanuutti dabarsuutti fudhatu

Akka hawaasa Kikkuyyuutti dhaloonni tokko waggaa 30'f aangoo qabatee bulcha.

Gosa Kikkuyyuu kan ta'an Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan seenaa siyaasaa isaanii keessatti carraa badaa qusatanii darbuu danda'u, garuu muki harbuu kun akka muramee barbaaduu fi dhiisuu isaanii jala muree ibsuun na dhiba jedha gaazexeessaan yaada kana nuuf erge.

Wayita quuqamtoonni qabeenyi uumamaafi eegumsa naannoo akka muki kun hin muramneef duula gaggeessan, hawaasi Kikkuyyuus cinaa dhaabbatanii muka kabajaa mallattoo aadaasaanii ta'e kana badiisarraa eegaa turan.

Mootummaan misoomaaf jedhee qabeenya uumamaa kanneen mukkeen gurguddoo muruuf mataa jabaatee wayita ittifamu kun isa jalqabaa miti.

Bara 1980oota keessa paartiin biyya bulchaa ture, 'Kenya African National Union', gamoo guddaa waan hedduu ofkeessaa qabu giddugala magaalaa Naayiroobii, bakka Paarkii Uhuuruu, jedhamuun beekamutti ijaaruuf karoora bal'aa ibsee ture.

Muka Harbuu baraaruuf hiriira mormii gaggeeffame, Naayiroobii, Onkoloolessa 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Muka Harbuu baraaruuf hiriira mormii gaggeeffame, Naayiroobii, Onkoloolessa 2020

Gareen quuqamtoota qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo badhaafamtuu noobelii nageenyaa biyyattii kan ta'an Pirofeesar Waangaarii Mataayiin durfaman paarkii kana baraaruuf jecha gamoon guddaan kun akka hin ijaaramne mormaa turan.

Dhumarratti garuu pirezidaantiin yeroo sanaa Daani'eel Araap Mooyi, osooma rincicanii, osooma mataa jabaatanii paarkii kanaaf gurra kennanii dhaggeeffatan, muka isaafis yaaduu jalqaban.

Haala kanaan karoorri gamoo guddaa paarkicharraan dhiibbaa geessisuuf malu ijaaruuf qabame haqameera, har'a jiraattonni magaalaa Naayiroobii paarkii kanatti boqotu.

Duula muka Harbuu baraaruuf...

Rogeeyyiin kunuunsa naannoo Keeniyaa mukti harbuu waggaa 100 ijaarsa daandiif jecha muramuuf ture, ajaja pireezidantiin hafuusaatti gammadaniiru.

Rogeeyyiin kunneen daandii saffisaa ijaaruuf jecha mukkeen magaala keessa jiran ciramuu mormuun hiriira bahaa turan.

Karichi dhiphina geejibaa hir'isuuf kaayyeffachuun ijaaramaa jira.

''Guddinni kamiyyuu dhufuu danda'a, mukkeen kunneen garuu tuquu hin qabu,'' jedhan hogganaan Tajaajila Magaalaa Meejar Jeneraal Mohaammad Baadii, yeroo ibsa kana pireezidantii biyyattii bakka bu'uun dubbatan.

Kana malees mukti harbuu, ''mallattoo aadaa fi kunuunsa naannoo jedhamuun,'' labsameera.