Xalayaa Afrikaarraa: Sudaan - biyya Afrikaa gurraachonni garba jedhamuun wamaman

Riim Koogli fi Issaam Abdulraahiim

Madda suuraa, ALI AL-NAYER

Xalayaa gaazexeesitoota Afrikaa irraa argannu kutaa kanaan, Zeeyinab Mohaammad Saalih waa’ee jibba sanyummaa ummata gurraachaa Sudaan irra ga’u barreessiteetti.

Akeekkachiisa: Gabaasi kun jechoota arrabsoo ta’an of keessaa qaba.

Ajjeechaa gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyidiin booda yeroo hiriirri jibba sanyummaa mormuu kutaalee addunyaa hedduu keessatti gaggeeffamu, Sudaan addunyaa biraa keessa kan jirtu fakkaata.

Sudaan keessatti dhaadannoon #BlackLivesMatter hedduu hin qoodamne. Kanarra yeroo taphataan kubbaa miilaa gurracha Sudaan, Issaam Abdulraahiim fi ogeettiin meekaappi Arabaa, Riim Koogli wal fuudhanitti miidiyaa hawaasummaa irratti lammileen Sudaan hedduu jibba sanyummaan isaanii arrabsuurra turan.

Suura cidha isaanii Feesbuukii irratti maxxansan jalatti namni tokko “Intalaa kun dhugumaan haraamadha (Arabiffaan dhorkamaa jechuudha)… giiftiin garbatti heerumte,’ jechuun barreesseera.

Yaadoti akkanaa hedduun barreeffamaniiru. Kun biyya itti lammiileen Sudaan hedduu akka lammii Afrikaa osoo hin taane Arabaatti of ilaalan keessatti, yeroo hedduu lammiilee gurraacha ibsuuf jechoota hamaa akka ‘garbaa’ fayyadamu waan ta’eef nama hin ajaa’ibu.

Gaazexoonnillee jechoota jibba sanyummaa qaban kan akka ‘garbaa’ fayyadamuun waan baramedha.

Miidiyaaleen biyyatti harki caalan yakkamtoota magaalaa Kaartuum keessa jiraniin akka harka qalleeyyii fi sanyii Arabaa hin taanetti waan ilaalaniif ‘negros’ (jecha jibba sanyummaa gurraachotaaf ibsuuf baafame) fayyadamu.

Yeroo waa’ee arrabsoo isaa fi haadha manaa isaa irra ga’u irratti, kan gaafatame Abdulrahiim, “Arrabsoo jiruuf jecha suuraa haadha warraa kiyya ganna 24 Feesbuukii irratti baasuun sodaadhe,'’ jedha.

Fuula gurraacha

Taatee biraan, hoggantuun gartuu mirga dubartoota ‘No to Women Oppression’ jedhamu, suuraa dhiira gurrachaa fi haadha warraa isaa adii irratti, dubartiin kun abbaa warraa gaafa filatu, wanta guddina namaa fi jaldeessa gidduu hin qabnee barbaaddetti jechuun barreessitetti.

Aarii yaada ishee kanaratti ka’een booda, Ihsaan Fagirii aangooshee gadhiisuu himtetti.

Waggoota asiin duratti Sudaan daldala gabraatiin ni beekamti turte

Madda suuraa, UNIVERSAL HISTORY ARCHIVE

Seenaa Sudaan keessattis ta’e erga walabummaan dhufees booda jibbi sanyummaa bal’inaan mul’ata. Aangoowwan ijoo biyyatti, kan qabatamanii jiran namoota kaabaa- Arabootaa fi sanyii Nuubiyaa irraa ta’aniin.

Har’a waajjira mootummaa kan baankii Kaartuum keessa jiran yoo seente aangoon ijoo irratti nama gurraacha badaa hin agartu.

Daldaltoonni garbaa ‘ni leelliffamu’

Jibbi sanyummaa kun yeroo magaalaan Kaartuum bara 1821 akka gabaa garbootatti hundeeffame eegale.

Walakkaa jaarraa sanaatti ummaatni magaalich harki lamaa gabroomfamaniiru.

Daldaltoonni garbaa ni leellifamu – daandiin handhuura magaalichaa keessa jiru maqaa al- Zubayir Pasha Raahmaan moggafameera, namni kun jaarraa 19 keessa daldalli garbaa isaa hanga Chaaditti guddateedha.

Ogeessonni seenaa akka jedhanitti namni kun harka caalatti dubartoota naannoo Sudaan, gaarreen Nubaa, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa Oromiyaa keessa fudhachuun garboomsaa ture.

Dabalataanis waraana garboota hundeessuun beekama.

Daandiin biraa ammo maqaa daldalaa garbaa Osman Digna jedhamuun moggaafamera.

line

ODEESSAALEE XALAYAA AFRIKAARRAA DABRAN

line

Yeroo daldalli garbaa bara 1924tti dhorkameetti, hoggantoonni Arabaa fi Islaamaa bara sanaa gurraachota garboomsuun dhorkamuu hin qabu jechuun bulchiitota koloniif iyyata galchanii turan, iyyanni isaanii garuu hin dhaga’amne.

Walabummaa biyyattii booda namootni lama paartii isaanii waliin, oolaantummaa Arabootaa irratti xiyyeefachuun hojiiwwaan jiran hawaasa Arabaaf kennuun guddina hawaasa gurraachaa tuffachuu eegalani.

Bara 1966 hanga 1989tti Sadiq al-Mahdii ministira muummee biyyatti ta’uun tajaajilaa ture.

Beektonni Sudaan lama, Suliimaan Baldoo fi Ushaari Mahmuud bara 1987tti ragaa gartuun Araboota kaabaarra jiran gurraachoota kibbaa keessatti garboomsaa jirachuusaani mul’isu ifatti baasan.

Akka isaan jedhanitti gartuun kun waraana Sadiq al-Mahdiin kan tiksamu yoo ta'u kunis uumama hidhattoota Jaanjaawiid ta’eera.

Hidhattoonni kun boodarra Daarfuur keessatti dugguggaa sanyiii gaggeessun himatamu.

Himannaa kana garuu mootummaan yeroo sanatti haalee ture.

Garbummaa Jaarraa 21ffaa

Ilaalchi olaantummaa miseensota Arabaa kan mul’atu handhuraa waldhabdeewwaan Sudaan keessa turan gurguddoo keessatti yeroo gurrachooti wal qixxummaa gaafatanitti.

Garbummaan gara kibbaa ture hanga dhuma waraana waliinii 2005tti itti fufe akka ture ni gabaafama. Kun waggaa shan booda gurraachoti Sudaan Kibbaa, Sudaan Afaan Arabaa haasa’an irraa akka foxxoqxu taasiseera.

Erga waldhabdeen Daarfuur bara 2000’n keessa eegalee booda hidhattoonni mootummaa Jaanjaawiid jedhaman gandoota lammileen gurraachaa Afrikaa keessa jiraatan fardaan seenuun, dhiirota ajjeesaafi dubartoota gudeedaa akka turan ni himatamu.

Hiriira mormii

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa darbe keessattis mariiwwan nagaa mootummaa aangoo hirmaatun qophaa’us, gabaasota gudeeddiifi ganda gubuu irratti wanti geeddarame hedduu miti.

Mootummaan ce’uumsaa humna waraanaafi gartulee ummataa warraaqsa 2019 dursaniin uumame, ta’us garuu rakkoo jibba sanyummaa biyyattii keessa jiru furuu irratti bulchiinsi kun xiyyeeffatee akka hojjachuuf qophaa’eeru ifa miti.

Paartiin Kongiresii Sudaan (SCP), qaama mootummaa ce’uumsaa kan ta’e, haasaa jibbiinsaa akka yakkaatti akka ilaalamuuf wixineen qophaa’uu hima.

Akka wixinee kanaatti namni jechaa jibba sanyummaa dubbate hanga hidhaa waggaa shaniin adabamuu danda’a jechuun dubbi himaan SCP Mohaammad Hasan Arabii dubbataniiru.

Ta’us garuu gurraachooti hedduun ga’ee humni waraana mootummaa keessatti qabu hin jaallatani, sababiinsaa qaama bulchiinsa Bashiir waan tureefi.

Ministeerota gurraacha muraasa jiran keessaa tokko kan ture Istiivan Amin Arnoo, aangoora kan gadhiise muudame ji’a lama booda. Xalayaan aangoo gadhiisuu isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame akka mul’isutti namni isa dhaga’u akka dhibe ibsa.

Mootummaan himannaa kanaaf deebii hin kennine, innis kun waanan dubbadhe dhugoomsa jedha.