Sudaan: Humni waraanaafi mormitoonni Sudaan labsiirratti waliigalan

Madda suuraa, AFP
Kaawunsiiliin humna waraanaa amma Sudaan bulchaa jiruufi gamtaan paartiileen mormituu labsii heeraa mootummaa ce'umsaa hundeessuuf haala mijeessa jedhameerratti walii galan.
Jarsummaa Gamtaa Afrikaa bakka ba'uun Mohaammad Hasan Lebaat Sambata dura ganamaan ture waliigalamu ibsaniiru.
Haata'u malees, haalicharratti odeeffannoo ballinaa kennurraa of qabaniiru.
Erga baatii Ebilaatti prezidaantiin biyyattii duraanii Omaar al- Bashir humni Waraanaatiin aangoorraa buufamanii as Sudaanirraa tasgabbiin fagaateera.
Mariiwwan hedduun hinbaramne dhimma labsii jeequmsa wayita hammatee ture kanatti irratti mari'atamaa ture.
Labsiin waliigateen eegama ture rakkoo Sudaan keessa turte qabbaneessuun gammachuu dammaqseera.
Mormiiin jalqabaa ji'a Muddee kan jalqabe bulchiinsi al-Bashiir tarkaanfii baasii mootummaa hir'isuuf muddamaan erga labsanii booda ture.
Kunis, Waajjira mummee humna waraanaa magaalaa Kaartum jiru fuulduratti mormiin walirraa hin citne erga bahame booda ture.
Mormiin kan hammaataa adeemes aangoo bulchiinsa humna waraanaa harkaa bahuun uummanni filateetti akka dabarfamuuf waamichi dhiyaate booda ture.
Labsiichi irratti waliigalame maal hima?
Sanadnichi turtii yeroo ce'uumsaa waggaa sadii baatii darbe kaawunsilii waraanaafi hoggantoota mormitotaan irratti waliin galamee tarreessa.
Qoodiinsi aangoos qaamni oggansaa miseensoota sivilii jahaa fi janaraaloota shan akka hammatu kaayyeefata.
''Anis gareewwa lamaan gutummaatti labsii heeraarratti kan waliigalan ta'usaaniin lammilee Sudaan, Afrikaa fi yaada hawaasa idila addunyatti himuun barbaada,'' jechuun ture Mr. Lebaat Sambata gaazexessitootatti kan dubbatan.
Mariin kun taa'amuun bali'nasaarratti waliigaluuf sagantaa qophaa'ee ta'uus himan. haa ta'umalee, waa'ee waliigaltichaarratti ibsa bal'aa hin kennine.
Haala sirna mallaattoo irratti gadi fageenya tekinikaa isaa hojjachuuf walgahiin biraa jiraachus himaniiru. Garuu waa'ee waliigaltichaa gadi fageenyaan kan himan hinturee.
Ejjansii oduu Rooyitarsiin akka jedhameetti Wixineen labsii kanaa, Humnootiin Deegartoota bakka Loltootaa bu'an (paramilitary Rapid Support Forces (RSF)) kanneen namoota hiriiraaf bahan ajjessun himatama, amma ajjaja humna waraanaa waliigalaa jalatti hammatamu.
Tajaajilli tikaa ammoo mana maree walabaafi kaabineedhaan to'atamuu jedha.
Mariin seeraa kunis kan tare erga torban darbe keessa manni maree waraanaa hiriirtoota, ijoollee barattootaa afur dabalate, ajjeessuun walqabatee missnsoota loltoota RSF sagal harii'achun hidhuu beeksiiseen booda ture.
Du'aatiin hiriirtootaas gutuu biyyattiitti hiriirri akka bahamuuf madda ta'un alatti mariichi akka boodeetti harkifatu taasisee tute.













