MM Abiy Ahimad: "Abbaan fedhe yaada isaa karaa nagaan ibsachuun Alaabaas ni dabalata"

Alaabaan kan ittiin yaadaa fi falaasama ibsatan, maloota paartileen ittiin yaadasaanii ibsatan keessaa tokkodha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahmad wayita dhimma alaabaa irratti yaada kennan.
"Nutis kan jenne namni kamuu karaa nagaatiin dhufee yaadasaa ibsatee yaadaan mo'ataa ta'uu ni danda'aadha. Kun alaabaas ni dabalata'' Jedhan.
Yaadi anatu mo'ataadha jedhu ammas biyyatttii hudhee qabeera kan jedhan Dr. Abiy ''Ammas alaabaadhaan walqabatee kanatu mudachaa jira" jechuun dubbatan.
Yaadota walxaxoo alaabaadhaan walqabatanii jiranirratti wayita yaada kennan ''Waa'eeen alaabaa homaa rakkoo hin qabu. Alaabaan waan baayyee salphaadha. Biyyoonni addunyaa hedduun alaabaasaanii yeroo meeqa kan jijjiiran jiru" jedhan.
"Ameerikaanillee yeroo 13 jijjiirtee jirti. Alaabaan keenyas yoo ta'e akkaataa heerri mootummaa eyyamuun mariyannee kan Uummanni Itoophiyaa guutuun fedhutti jijjiiruu ni danda'ama.'' Jedhan.
''Sanaaf kan obsa hin qabne, kan mariitti hin amanne, har'a kan humnaan jijjiiruuf yaadu inni mo'atamaadha. Wal mo'achuuf waliin dorgomuu yoo ta'e dhumnisaa biyya diiguudha."
"Akkuma warri Sudaan Kibbaa, akkuma warra Somaaliyaa rakkoo seenuuf deemna. Of qofaaf osoo hin taane, naannawa keenyaafilee ba'aa ta'uuf fiigna jechuudha'' Jedhu Dr. Abiy.
''Paartileen akka biyya galaniif waamne falaasamasaanii, faajjiisaanii, yaadasaanii karaa nagaan ummataaf dhiyeessuuu danda'u. Alaabaa qofa osoo hin taane yaada kamiyyuu paarlaamaa keessatti haa keessummeessinu jechaa jirra.''
Paartilee siyaasaa alaa gala jiran caalaa qaama kana walqoodinsa uumuu barbaadutu kana gochaa jira jedhan.
"Paartilee alaa galan hundumaa simachuu qabna, qabsoo qindaa'aa ummata Itoophiyaatu kana fide jennee yaaduu qabna. Paartileen alaa galanis karaa nagaan qabsaa'anii yaada mo'ataa qabatanii yoo dhiyaatan bor biyya bulchuu akka danda'aniti yaaduu qabu. Adda wal foonee deemuun nu hin baasu. Siyaasi adda walqoqqooduu Kanaan booda hin hojjetu.'' Jechuun ergaa dabarsan.
"Tokkoomuun bifa tokko qabaachuu miti"
Rakkoo biyyattiin qabdu furuuf tokkummaan barbaachisaa ta'uu kan dubbatan MM Abiy Ahimad garaagartee yaadaa walii kabajuun barbaachisaa ta'uus himaniiru.
"Walitti haa qabamnu yoo jennu namoonni hedduun haa cafaqamnu waan jenne itti fakkaata, haa cafaqamnu hin jenne. Tokkoomuun bifa tokko qabaachuu miti jennee irra deddeebiin dubbanneerra" jedhan.
Falaasama ida'amuu keessattis akkamiin garaagarummaa ofii qabatanii ida'amuun akka danda'amu dubbataniiru.
"Nuyi haa ida'amnu kan jennu akka bishaaniitti. Bishaan of keessatti Haayidiroojinii fi Ooksijinii qaba, Haayidirojiniin qofaa isaa boba'aadha, Oksijiiniin ammoo caalattuu ibiddaa kan hammeessudha."
"Kun lamaan gaafa walitti ida'aman garuu bishaan ibidda balleessuu danda'u uumu. Bishaan jireenya kennuufi itti fufsiisuu danda'u uumu" jedhan.
Yoo walitti hin dhufnu ta'e kopha kophaa dhaabanne cimuu hin dandeenyus jedhaniiru.
Kophaa koon injifadha yaadni jedhu hanga injifataan biraa dhufuutti tura kan jedhan MM Abiy, dabareen wal injifataa jiraachuu caalaa walitti dhufnee waliin injifachuutu bu'aa qaba jedhaniiru.
Biyya Gaanfa Afrikaa cimaa uumuu
Deemsi araaraa Sudaan Kibbaa guutummaan guutuutti deemsa nageenya Itoophiyaati jedhan Ministirri muummee Dr. Abiy waliigaltee araaraa warra Sudaan Kibbaarratti yaada kennaniin.
Fedha dhuunfaa caala dararaa lammiileerra gahaa jiru furrurratti xiyyefachuun araarri kun milkaahus himan.
Haaluma Kanaan Pireezidantii Itti aanaa duraanii Afrikaa Kibbaatti baqatanii turan Re'iik Machaar fi Pirerezidant Saalvaa Kiir Finfinneetti waamne wantoota ijoorratti akka walii galan daandii saaqneerra jedha.
''Waan ofii jalqabne ofumaan yoo xumurree biyyoonii biroon akka gahee keessa hin qabneetti waan yaadaniif Keeniyaafis Sudaaniif hojii manee laannee'' jedhan Dr. Abiyyi.
Waliigaltee mallata'e hojiirra ooluu baannan gatii waan hin qabneef hojiitti hiikuun haala danda'amurrattis mariyanneerra jedhan.
''Dursaan biyyaa kan madaalamu waan jedhe raawwachuu isaatiini itti gaafatamummaa kana gahumsaan akka bahatan marii goonerra'' jedhan.
Omishni waliigalaa Itoophiyaa fi Sudaan kan biyyoota gidduugala bahaa wajjiin walbira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa ta'uu Pireezidantii Sudaanif dhiyeessanii osoo omisha keenya walitti fidne yaa jedhuun waliigalleerras jedhan Dr. Abiyyi.
''Amma Sudaan , Eertiraa , Jibuutii, somaaliyaan ida'amuu isa dhugaa yoo yaadani fi qabeenyasaanii yoo walitti qaban Afrikaatti miti addunyaarratti Biyya gaanfa Afrikaa cimaa uumuun ni dandeenya'' jedhan.















