Afriikaarra Xalayaa: Zimbaabuweetti maallaqni namoota irra caalaan namoota maallaqa gurguran harka jira.

Doolaara Zimbaabuwee

Madda suuraa, Reuters

Xalayoota barreesitoota, gaazexeessitoota Afriikaa garagaraarraa Zimbaabbuweef barreeffaman, Biriiyeenii Haangwee walitti qabe akka jedhutti fedhiin maallaqaa eega biyyattiin doolaara haaraa hojiirra oolchitee boodas hin furmne jedha.

Zimbaabuwee keessatti maallaqni mootiidha. Waan bittaniif gatii sirrii ta'e kaffaluuf harkaa nootiin maallaqaa isin barbaachisa.

Fakkeenyaaf: qinxaaboo deemtanii daabboo doolaara Zimbaabuwee 15 bitachuu yoo barbaaddan haala kanaan kaffaltu:

  • maallaqaan $Z15
  • tajaajila kaffaltii moobayiliin $Z18
  • Kaardiidhaan immoo $Z20 kaffaltu.

Tajaajila geejibaa hawaasaa fayyadamuudhaafis maallaqni isin barbaachisa- kaffaltiin karaa intarneetiin godhamu geejiba hawaasaarratti fudhatama hin qabu.

Qinxaaboon xixiqqoonis ta'ee namoonni kuduraa fi fuduraa gurguran maallaqa qofa fudhatu.

Fuduraa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kuduraa fi fuduraa gurguran kaffaltii maallaqa qofa fudhatu

Maatiin ijoollee umuriin isaanii barnootaaf gahe shan qabu geejjibaaf torbaanitti $Z250 barbaachisaan.

Kaffaltii dabalataa kan biroo kan akka daabboo, timaatimii fi sukkaaraaf immoo $Z150 dabalataan isaan barbaachisa.

Ta'us garuu baankoonni torbaanitti maallaqa $Z300 qofa akka baasan yoo godhan maashiniin ATM immoo duwwaadha.

Namoonni baankota fulduratti abdii maallaqa arganna jedhuun hiriiraa turanis maallaqni fedhii namoota hunda quubsu gahaan hin jiru.

Waliigaltee iccitii

Qaala'iinsi maallaqaa ji'a Waxabajjii keessa %100 kan ture yoo ta'u amma garuu %300-%400 ta'eera.

Namoonni hiriiranii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira baankii fuldura maallaqa argachuuf hiriirame

Maatiin ijoollee isaa geejjiba hawaasaan gara mana barnootaa geessuuf maallaqni waan isaan barbaachisuuf namoota hojii gurgurtaa maallaqaarratti hirmaatan irraa bitatu. Maallaqa kana bitachuuf %30 kaffalu.

Namoonni maallaqa gurguraan kunneenis magaalaa gudditti Haraareetti yookiin gabaa namni itti baay'atutti argamu.

Namoonni gurgurtaa maallaqaarratti hirmaatan kunneenis sababa hidhata aang'oota baankii malaanmaltootummaarartti hirmataniif maallaqa kan argatan.

Torbee darbe, hiriirri baankii fulduraa ture hir'ataa dhufeera galata maallaqa noottii $Z2 fi $Z5.

Kunis hammaan $Z miiliyoona 30 ta'a kan baankii giddu galeessa keessaa bahe.

Ta'us garuu baankoonni tokko tokko maallaqa guyyaatti baasii ta'u daangeessaa jiru- akka namoonni torbaanitti $Z300 qofa al tokkotti akka baasaniif.

Haa ta'uu malee maallqni jiru kun namoota gurgurtaa maallaqaarratti hirmaataniif dhiibbaa irra geesisaa hin jiru.

Miidiyaan hawaasummaas suura namoota gurgurtaa maallaqa irratti hirmaatan yeroo maallaqa magariisa abbaa $Z2 harkatti qabatanii deeman agarsiisuun guuttamee ture.

Murtoon kamuu fedhii doolaara Ameerikaa gabaa gurracha keessatti jiru hir'isuuf godhamu irratti gahaa miti.

Namoonnis qoricha bitachuuf yookiin yaalaaf gara biyya biroo deemuuf harka maallaqni dheedhiin isaan barbaachisa. Kunis sababa qulqullinni kennamiinsa fayyaa gad bu'eefidha.

Lammiileen biyyattis akkaata mootumman waggoota kudhan darbaniif diinagdee to'aturratti amantii hin qaban.

Gara fulduraa

Doolaarri biyyatti eega qaal'iinsi bara 2009 mudateen booda gatiin isaa hir'ate. Kunis yeroo biyyattiin doolara Ameerikaa fi raandii Afriikaa Kibbaa gabaarratti oolchitee ture.

Waxabajjii keessa doolaarri biyyattii irra deebi'ee hojiirra kan oole yoo ta'u maallaqni biyyoota biroo immoo gabaarra akka dhorkaman taasifamee ture.

Gatiin giddu galeessaan ji'atti al lama dabalaa jira. Miindaan garuu haaluma wal fakkaata irra jira.

Doolaara lama

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gatiin dabalaa deemaara mindaan garuu haala walfakkaataarra jira

Baankiin giddu galeessaa ji'oota shanan dhufan $Z biiliyoona 1 ta'u maallaqaan ni guuttama jedha.

Lammiileen heddu yaada gara fulduraa deema jedhu qabu.

Yeroo kanatti $Z5 saantima Ameerikaa 30 ta'u dhugaatii lallaafaa yookiin keekii hin bitu.