Lammiileen Zimbaabwee Ameerikaa fi Gamtaa Awrooppaarratti hiriira bahan

Madda suuraa, JEKESAI NJIKIZANA
Lammiileen Zimbaabwe kumaan lakkaawaman hiriira bahuun qoqqobbii Ameerikaa fi Gamtaan Awrooppaa biyya isaaniirra kaahan morman.
Hiriirtotni kun qoqqobbiiwwan kun diinagdee Zimbaabwee awwaale jechuun kan komatan yoo ta'u hiriiricha mootummaatu qopheesse.
US fi Gamtaan Awrooppaa qoqqobbichi kan kaahame namoota dhunfaa fi kaamapniiwwan waan ta'eef diinagdee biyyaa hin miidhuu jedhan.
Mootummaan Zimbaabwee guyyaa kana guyyaa hojiin itti hin hojjetamne akka ta'au murteessuun nmoota hiriiricharratti hirmaataniif geejiba tolaa mijeesseera.
Pireezidant Emerseen Manaangaagwa Istaadiyoomiitti argamuun haasaa taasisaniiru.
Qoqqobbichi kan irratti xiyyeefate adda hin baafne jechuun kan qeeqn Pireezidaantichi, dhiibbaan jireenya keenyaarraan gahu safaraan oli, hammaataadhas'' jedhan.
Hiriirtotni Tii-shartii barreefaama "#SanctionsMustGo" (Qoqqobbiin nirra haa ka'u), jedhaniifi barreeffamoota qoqqobbiin yakka namoomaati jedhu fa'a qabatanii bahan.
Sababa qoqqbbii kanaan daldalli gabaa gurraachaa daran hammaatee, baankiiwwan dhala madaalawaan maallaqaa kaampaaniiwwaniif sadarkaa liqeessuu hin dandeenyeerra akka gahan ta'eeraa jedhu namootni dalala irratti bobba'anii hojjetan.
Namoonnii qophii Istaadiyaaemeettii turerrattii dubbatan sababa qoqqobbii kanaan rakkooleen dinagdee hedduun dhalachuu dubbatan. Rakkoo hanqina anniisaa elektirikaafi bishaanii dabalatee.
Lakkoofsi namoota hiriira kanarratti argaman kuma 15-20 kan ta'an yoo ta'u kan eegameen gadiidha.
Hoogganaan dhaaba mormituu Neelsan Chamiisaa hiriirtotni duula qaama proopagaandaa ta'aniiru, kun yaalii dadhabbii hooggansaa jiru haguuguutii jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Embasiin Ameerikaa Zimbaabweetti argamu diinagdeen biyyattii laafuuf sababni hanqina imaammata dinagdee mootummaatii jedheera.
Qoqqobbiin Ameerikaa maallaqaa fi imalaa pireezidant Manangaagwaa dabalatee namoota 85 fi kaampaaniiwwan 56 ta'an irratti xiyyeefate.
Meshaalee waraanaa biyyatti ol galchuurrattis Zimbaabeerra qoqqobbiin kaahameera.












