Baduun maallaqaa ministira aangoorra ari'achiise

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Zimbaabiwee Imarsan Mnaangaagwaan Ministira Tuurizimii kan taatee Piriskaa Mufumiraa aangoorraa harii'atan.
Ministirri tun naamusa ministirummaa hin agrsiifne jedhamuun himatamuun, maallaqni doolara miliyoonatti lakkaa'amu fandii sooramaa badeera jedhamuun erga to'annaa jala olfanamii booda kannaangorraa kaafaman.
Komishiniin Farra Malaammaltummaa biyyatti maallaqni kun kan badee wayita Ms Mufumiraan Ministira Nageenya Hojjataa fi Hawaasummaa turaniitti jechuun himata.
Isheenis doolaara Ameeriikaa miiliyoona 94 Abbaa Taayitaa Nageenya Hawaasummaa Biyyaaleessaa qisaaseessuun himataman.
Mr. Mufumiraa garuu himannaawwan kanneen haalaniiru.
Gabaastuun BBC Shingaayi Yokaan Magaalaa guddoo biyyatti Haraaree irraa akka gabaasteetti, anga'oonni sagantaalee hawaasummaatiin faayyiidaa ofiisaaniif olchun namoota soorama bahaniif garuu waan xiqqoo qofa kanfaluun waggoota heduuf himatamaa turaniiru.
Akka gabaasa AFP'tti, Ms Mufumiraan Pirezidaantii biyyattii duranii Roobart Mugaabeen humnoota loltootaatiin aangooraa hin bufamiin torbe tokkoon dura ture kan aangoo Minitirummaa Nageenya Hojjataa fi Hawaasummaa irraa Sadaasa bara 2017 kan ari'ataman.
Booda ammoo Pirezidaant haarawaa Minaangaaguwaan Ministira Turizimii biyyatti ta'uun kan muudamte yoo ta'u, kunis ministira bara aangoosaanii hojjiirratti argaman yoo hidhan kan jalqabaati.














