Pireezidantii Zimbaabwee Imeersoon Mnaangaagwaa: Maatiin Mugaabee 'nagaan akka jiraataniif dhiifamaniiru'

Madda suuraa, Reuters
Baroota dheeraaf Pireezidaantii Zimbaabwee kan turan Roobert Mugaabee faayiidaa ''kaffaltii gaarii'' kennamuun ''nagaan akka jiraatan dhifamaniiru'' jechuun isaanitti aanuun aangoo kan fudhatan Imeersoon Mnaangaagwaa BBC'tti dubbatan.
Haa ta'u malee, eenyu iyyuu akka seeraan hin gaafatamneef wabiin kenname hinjiru jechuun Obbo Mnaangaagwaa BBC, Miishaal Huusaintti himaaniiru.
Lammiilee Zimabaabwee hedduun, jireenya qannoo gar-malee ta'e jiraachuun kan beekaman Obbo Mugaabee fi maatiin isaanii waan gochaa isaaniif ni gafatamuu jedhanii abdatu.
Obbo Mugaabeen waggaa 37 booda Sadaasa darbe aangoo irraa kaafamuun isaanii ni yaadatama.
Bara Obbo Mugaabee keessa Zimbaabween biyyattii Afriikaa nyaataan badhaatuu jedhamtee beekamuurraa gara uumata ishee nyaachisuu dadhabuutti kan gadi guddatteedha. Yeroo walfakkaata keessas haadhi warraan isaanii Girees Mugaabeen garuu jaalala meeshaa qannoof qabdu irraa kan ka'e ''Grees Guchii'' jedhamuun hanga beekamuutti maallaqa guddaa baasii godhaa turteetti.
Obbo Mugaabee fi miseensoonni mootummaa isaanii, Obbo Mnaangaawaa dabalatee, ajjeechaa, reebbichaa fi gudeeddi dabalatee dhiitaa mirga namoomaa mormitootaa fi roggeeyyi irratti raawwachaa turuun himatamu.
Ha ta'u malee, isaan garuu badi tokkoyyu hin raawwanne jechuun haalu.
Michuu Obbo Mugaabee kan turanii fi waldhabdee tureen biyyaa baqatanii deebi'uun ji'a lamaan dura pireezidaantii kan ta'an Obbo Mnaangaagwaan, malaammalttummaa gartuu bittaa keessa jiru nan qulqulleessa jechuun waada seenaniiru.
Haa ta'u malee, ''eenyuu iyyuu himatamuu irraa bilisa miti'', jechuun kan BBC'tti himan wayita ta'u, itti dabaluunis: ''Maatiin isaanii jeequmsa tokko malee nagaan akka jiraatan mirkaneessuuf bulchiinsi haaraan waan barbaachisuu hundaa ni godhaa jedhaniiru.''

Madda suuraa, Reuters
Pireezidaantichi akka jedhanitti Obbo Mugaabee fi maatii isaaniitiif jireenyi isaanii haaluma duraaniitiin eegamaaf, faayidaan isaan argachaa turan kanneen akka konkolaataa, tajaajila wal'aansa fayyaaf jecha imalli isaanii gara Singaappor akka eegamuuf beeksisaniiru.












