Zimbaabweetti miiliyonoti hanqina nyaataaf saaxilaman

Zimbaabweetti miiliyonotni hanqina nyaataaf saaxilaman

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii waamicha yeroo balaa Zimbaabwee ilaalchise baaseen, namoonni miiliyoona shan gargaarsa barbaadu jedhe. Baayyinni kunis tokko sadaffaan uummata biyyattii akka ta'e himameera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) biyyattii sababa hongee, saaykiloonii fi diinagdeen rakkoo keesaa galte keessaa baasuuf barbaachisu maallaqaa dolaara mil. 331 walitti qabuuf duularra jira.

Hoogganaan WFP Deevid Beesleey ''namoonni baayyeen gara beela'uutti ce'aa jiru'' jedhan.

Yeroo duraa ofirraa darbitee biyyi kaaniif ta'uu dandeesse, Zimbaabween, hongee irraa kan ka'e omishni argattu hedduu gadi bu'eera, gatiin nyaataas qaalayeera. Hangi bishaanii hidha anniisaa elektiriikii hir'achuurraa kan ka'es biyyittiin hanqina ibsaa guddoo keessa jirti.

Hidha Kariibaa, Zimbaabwee

Madda suuraa, Getty Images

Beesleey akka jedhanitti namoota miiliyoona shan gargaarsa barbaau jedhaman keessaa miiliyoonni 2.5 beelaaf hamaaf saaxilmaa jiru.

Obonboleettii hamaan moggaasni Cyclone Idai jedhamu kennameef ammoo cophxoorratti fanxoo akka jedhan sana itti ta'e.

Balaa kanaan namoonni walakkaa miiliiyoonaa caalan kan miidhaman yoo ta'u kumoota hedduun kan lakkaawman qe'ee isaaniirraa bbuqqa'aniiru.

Deeggarsa miidhaan nyaata kennuun ji'oota dura kan eegale yommuu ta'u, Pireezidantiin biyyattii Emerseen Manaangaagwaa Kibxata kaleessa hongeerraa kan ka'e biyyattii keessatti labsii yeroo balaa labsaniiru.

Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii Zimbaabweef maallaqa dolaara miiliyoona 294 walitti qabaa kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota balaaf saaxilamanii dabalaa waan jiruu maallqani barbaadamu kanaa ol ta'a jedhameera.