Cyclone Kenneth: Roobni hamaan bubbeen makate ammas Moozaambik haleele

Madda suuraa, EPA
Roobni hamaan bubbee makate kan maqaa 'Cyclone Kenneth' jedhamuun beekamu Moozaambik haleelee, dhibbaan kan lakkaa'aman ajjeese.
Roobni kun biyya reefuma balaa walfakkaataa duraan ishee mudaterraa dandamachaa jiru haleeluun biyyattii hedduu miidheera.
Roobni bubbee makate kun sa'atii tokko keessatti kiilomeetira 220 fiiga.
Dhaabbati To'annaa fi Ittisa Balaa Moozaambik namoonni 30,000 ta'an bakka balaan kun itti mudachuuf malu irraa kaafamaniiru jedha.
Ji'a darbes roobni bubbee makate kan maqaan 'Cyclone Idai' jedhamu biyyattiirraan miidhaa hamaa ga'eera, namoonni dhibbaan lakkaa'amanis du'aniiru.
Wayita roobni hamaan bubbee makate Moozaambik, Maalaawwii fi Zimbaabwee mudatee turetti namoota 900 ta'antu du'an.
Yoo xiqqaate namoonni miiliyoona sadi ta'an ammoo gargaarsa barbaadu.

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltonni Moozaaambik akka jedhanitti lammiileen biyyattii 680,000 ta'an yaaddoo keessa jiru.
Sababa rooba bubbee makatee kanaan balaliinsi xiyyaaraa adda citeera, manneen barnootaa cufamaniiru.













