Hobomboleettii Indiyaa: Moozambikiifi Zimbaabuween bubbee hamaan rukutaman

Magaalaa Beeyiraa

Madda suuraa, IFRC/CAROLINE HAGA

Ibsa waa'ee suuraa, Waldaan Qaxxaamura Diimaa Dilbata Darbe yommuu naannoowwan miidhaman adda baasu

Hobomboleettii cimaan rooba makate Moozaambikitti lubbuu namoota 1,000 olii galaafachuu hin oolle jedhan pirezidaantiin biyyittii.

Moozaambik magaalaa Beeyiraa irra miidhaa guddaa geessisuus Waldaan Qaxxaamura diimaa beeksise.

Bubbeen sa'aatii tokko keessatti saffisaan Km 177 deemu kun Kamisa darbe sigigaachuun lkafaa akka uumamu godheera.

Baraartotni garuu kan magaalaa Beeyiraa dhaqqabuu danda'an gaafa Dilbataa qofaadha.

Dursaan garee Qorannoo Waldaa Qaxxaamura Diimaa Jaamii LSe'ur, namootni baayeen muka jalaa kan baraaraman yoo tahu, bubbichi mana jireenyaa diiguun gamoowwan tokko tokkos jijjigsuu himan.

Afrikaa Kibbaa kana keessatti bubbichi namoota 150 tahan ajjeeseera. Isaan keessaa namoota 80 kan tahan Bahaa fi Kibba Bahaa Zimaabuweetti du'uu isaanii Ministirri Odeeffannoo biyyittii himeera.

Moozaabik magaalaa Beeyiraa keessatti ammoo namootni 68 yoo du'aniiru.

Mukeen irratti jiguun akkasuma manni jireenyee diigamuun namootni 1,500 tahan irras miidhaan qaamaa dhaqqabeera.

Bulchaan naannoo Sofaalaa naannoo magaalli Beeyiraa keessatti argamtuu Albeertoo Moondileen, ''amma uummanni hunduu miidhama guddaa irratti waan argamuuf deeggarsa barbaadu'' jedhan.

Namootni kaan muka irra yaabbachuun lolaa bubbee hamaa fi rooba cimaan uumame kana jalaa bahuuf akka jedhan himuun ammallee deeggarsi isaan barbaachisa jedhan.

Magaalli Beeyiraa akka malee miidhamuu himuun kan magaalaa ala jiru yommuu dhageenyu ammoo kan asii caala jedhan.

Uumanni magaalichaa 500,000 tahanis daandii banuuf waan danda'an hundaa gochaa akka jiran himaniir.

Konkolaataa mukti irratti kufe

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhaawwab magaala Beeyiraatti dhaqqaban keessaa

Geejibni qilleensa irraa deebi'ee jalqabaus daandiin magaalittii bakkaeewan birootti qunnamsiisu garuu cufaadha.

Pirezidaantiin Moozaambik Filiippee Nyuusii daawwannaa gara Eswaatiiniitti taasisan addaan kutuun deebi'aniiru.

Pirezidaantiin Zimbaabuwee Emersen Maniinguwaas daawwannaa gara Imireetota Arabaatti taasisanii turan addaan kutuun dafanii biyyatti deebi'uun labsii yeroo sodaa labsaniiru.

Rakkinichaafis deeggarsa barbaachisaa kennuu fi keessatti hirmaachuuf deebi'an jedhama.