Roobni bubbee makate US keessatti sodaa uume

Madda suuraa, Reuters
Roobni bubbee hamaa makate kan 'Hurricane Florence' jedhamuun beekamu qarqara baha Yunaayitid Isteetis rukutuu eegaleera.
Roobni sodaachisaan sa'atiitti kiilomeetira 150 furguggifamuun hatattamaan gara kutaalee kibbaa fi kaaba Kaarolaayinaatti babal'achaa jiraachuun himamu kun lubbuu namoota heduuf yaaddessaadha.
Haalli qilleensaa akkuma amala jijjiirrachaa dhufeen ammumarraa manneen 100,000 ibsaa malee hafaniiru.
Aanga'oonni dhimmi ilaallatu roobni bubbee hamaa makate kun namoota hedduu ajjeesuu akka danda'uu fi lolaa cimaa fiduu akka danda'u ibsaniiru.
Namoonni miiliyoona tokko caalan kutaalee kaabaa fi kibba Kaarolaayinaa akkasuma Varjiiniyaa keessaa akka bahan itti himameera.
Hedduunsaanii kaleessa galgala dahoo dhimma kanaaf qophaa'etti imalaniiru.
Buufataaleen xiyyaaraa qarqara Yuunaayitid Isteetis hedduunsaanii sababa rooba hamaa kanaan waan cufamaniif kallattiin balaliinsaa 1,400 addaan citaniiru.








