Ameerikaa kutaa bulchiinsa Alaabamaatti balaa bubbee hamaa uumameen namootni 23 du'aniiru

Mana bubbeedhaan diigame

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaa kutaa Alaabaamaa keessatti balaa tornaadoo ykn bubbee rooba makate hamaa uumameen lubbuun namoota 23 yoo darbu isaan keessaa 7 kan tahan miseensota maatii tokkoo tahuu qondaaltotni mootummaa himan

Miidhamtootni ijoollee ganna 6 hanga 89 kan gahan akka tahee fi ijoolleen du'an afur naannodhuma mana isaaniitti akka argamanis himameera.

Reeffi namoota saddetii ammayyuu akka hin argamne himaniilakkofsi namoota balichaan du'anii dabaluu danda'a soda jedhus qabu.

Miidhamtotni kaan otuma mana isaanii keessa jiranii yoo tahu kanneen bakkabiraa turan ammo yommuu deebi'an manni isaanii bakka isaa akka hin jirre argan jedhe bulchaan Kawontii Lii Koroneer Biil Haaris.

Namni lubbuun oole tokko ammo miseensota maatii isaa 7 akka dhabe himanii dabalataan maallaqa ittiin sirna awwaalchaa isaanii raawwatu rakkachuu danda'as jedhan.

Balaan bubbee hamaa kun dilbata darbe kan raawwate yoo tahu manneetii jireenyaa iddoodhaa buqqisee daandii m800 tahus kutuun akka cufee ture qondaaltotni himaniiru.

Naannoo balaan kun itti uumame amma manneetiin diigamanii sagaleen nama tokkoo achi keessaa hin dhagahamu.

Kanaan duras waan namni achi jiraachaa ture hin fakkaatu.

Namootni lubbuun oolan qilleensi akka isaan baatee hin adeemneef mana dhiqannaa qaamaa galuun kaan jeneretera ulfaataa lafatti gadi qabachuun kaan ammo meeshaa ofirra naquun lubbuu akka oolfatan dubbatu.

Teeyler Thornton

Madda suuraa, GoFundMe

Ibsa waa'ee suuraa, Teeyler Thornton naoota du'an jedhaman keessaa ishee tokko

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi jimaata dhufu naannicha ni daawwatu jedhamee eegama.

Baraartotni mukeen fi manneetii jijigan naannoo irraa qulqulleessaa namoota dhabamnis barbaadaa jiru. Namootni bubbee hamaa kanaan miidhaman ammo yaalii argataa jiru.

Bubbee cimaan kun saffisa sa'aatii tokko keessatti saffisa maayila 70'n deemaa akka tureefi kaan ammo kallattii biraan saffisa sa'a tokkoon maayila 29 bubbisaa akka ture ogeessi haala qilleensaa naannichaa himaniiru.

Baha Alaabaamaa fi Joorjiyaan irra deddeebiin balaa bubbee cimaaf saaxilamaa turaniiru.