Jechoota Mugaabee keessaa muraasa

Robart Mugaabee

Madda suuraa, Getty Images

Impeeriyaaliizmii irratti

''Afriikaan imperiyaalistoonni osoo hin qoqqoodin bakka dura turtetti deebi'uu qabdi. Kun qoqqoodinsa nam-tolcheedha. Yaadrimee paan-Afrikaanummaan buqqisuu qabna.'' - Hasawa Saalsibariitti 1962tti taasisan.

Presentational grey line

Waa'ee Hitlar

''An ammayyuu Hitlar yeroo kanaati. Hitlar kun ammoo kaayyoo tokko qofa qaba: uummata isaaf haqa, birmadummaa, walabummaa beekamtii qabuu fi qabeenya uumaamaa isaanii irratti mirga kennuudha. Kun Hitlar ta'uudha taanaan, dachaa kudhan Hitlar ta'uun barbaada. Yeroo kudhan, wanti dhaabannuuf kana.'' Awwaalcha ministeeraa irratti hasawa taasisan, 2003

Presentational grey line

Diinagdee Afriikaa

''Diingadeen keenya dachaa dhibba, diinagdee waliigalaa Afriikaarraa kan fooyya'edha. Afriikaa Kibbaa malee, biyya kamtu akka Zimbaabwee bareedaadha? ... Amma kan dhibame, gabaarraa meeshaaleedha - kanuma qofa.'' Gaaffiifi deebii, 2007

Presentational grey line

Waa'ee aangoo

''Waaqatu na muude, isatu na kaasa - MDC's miti, warra Biriteenis miti. Waaqa qofaatu na buusa!'' - Duula filannoo, 2008. MDC'n paartii mormituuti.

Presentational grey line

Waa'ee Kiristoos

''Yeroo hedduu du'eera - yeroo kana egaa kan Kiristoosin injifadhe. Kiristoos al tokko du'e, al tokkos ka'e.'' - raadiyoo biyyaalessaarra waggaa 88ffaa enna kabajan.

Presentational grey line

Dhaala Aangoo?

''Nama aangoo dhaalu qopheessuu? Paartii demookraatawaa tahe keessa, hooggantoota haala kanaan hin muudnu. Kan aangotti dhufan uummataani.'' Gaaffiifi deebii TV, 2016