Du'a Robart Mugaabee: Hireen haadha warraa Robart Mugaabee maali?

Girees Mugaabee sirna awwaalcha abbaa warraa isaanii irratti Fulbaana 14, 2019

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Girees Mugaabee sirna awwaalcha abbaa warraa isaanii irratti Fulbaana 14, 2019

Torbeen darbe Zimbaabuweef salphaa hin turre. Nama biyyattii kolonii jalaa baasuu keessatti gahee guddaa qabaniifi pireezidantii jalqabaa ta'uun waggoota 37'f biyyattii bulchan awwaalte.

Gariin lammilee biyyattii gaarummaan gariin ammoo hammeenyaan isaan yaadatu.

Kana hunda gidduutti dhimmii falmisiisaa ta'e waa'ee haadha warraa Robart Mugaabee Giirees Mugaabeeti.

Girees Mugaabee osoo pireezidant Robart Mugaabeetti hin heerumiin dura barreessituu turte.

Yeroo gabaabaa keesatti baasii gurguddaan huccuu fi wantootaa adda addaa bitachuu eegaluun ishii komii irratti kaasuu eegale.

Digiriin Doktoreetii aragattes baay'ee falmisiisaa ture. Battalatti ammoo nama siyaasaa taatee paartii 'Zanu PF' hoggantuu liigii dubartootaa taate.

Bara 2017 raayyaa waraanaa biyyattii dheekkamsiisee pireezidant Mugaabee akka aangoo irraa buusan kan sababa ta'ees qooda ishiin siyaasa biyyattii keessatti qabaachaa dhufte ta'uutu himama.

Robart Mugaabeen haadha warraa isaa bakka of buusuuf yaada qaba ture yaadni jedhu dhagaahamnaan waraanni tarkaanfii sana fudhachuutti seene.

Ganna 41 kan wal caalan Gireesiifi Roobart bara 1996 wal fuudhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ganna 41 kan wal caalan Gireesiifi Roobart bara 1996 wal fuudhan

Akkuma Robart Mugaabeen aangoorraa buufamaniin biyyaa baqattee kan turte Girees tibbana biyyatti deebite.

Garuu abbaa warraa ishee awwaaluuf qofa ta'u mala yaada jedhutu jira.

Fira ishii dhiyoo kan ta'ee fi siyaasa irrattis ejjennooshee kan deeggaru Patriik Zhuwao, "Nama jabduudha. Biyyuma keessa turti. Ni himatamti, ari'atamuun jiraachuu mala, garuu asuma turti," jedhe.

Maatii fi mootummaa gidduu sirna awwaalcha Mugaabee irratti wal dhibdeetu ture.

Ta'us Robart Mugaabeen eessatti awwaalamuu akka qabu fi baasii mootummaan baasu ilaalchisee wal-dhibde uumame Girees callisaan dabarte.

Sirna awwalchaa mootummaan qopheesse irratti lakkofsi namoota argaman xiqqaachuun shakkii guddaa uumera.

Zimbabwe President Robert Mugabe arrives with his wife Grace for an election rally in Madziwa on 21 June 2000

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, The two met and started having an affair when she was a typist in Zimbabwe's State House

Girees Mugaabee gara siyaasaatti ni deebitii?, abbaa warraa ishee kan bakka bu'an pireezidant Minangaagwaa waliin hoo nagaa uumuu dandeessi? Hegereen ishii akkam ta'a?

Maatii Mugaabee keessatti hoo kan ajaju Girees moo jaarsolii gosaati? Gaaffilee deebii barbaadan hedduutu jira.

Dhugaan jiru garuu Girees Zimbaabuwee keessa jiraachuu feeti yoo ta'e qabeenya ishii, nageenyaa fi hariiroo maatii ishee ilaalchisee waliigaltee uumuu qabdi. Tarii waliigalteettis ta'a.

Giree fi Roobart Mugaabee

Madda suuraa, Reuters

Ammaaf magaalaa Haraaree keessatti jiddugalli awwaalchaa abbaa warraa isheef ijaarama jiru xumuramuu kan eegaa jirtu Girees dhunfaatti sirna awwaalchaa akka qopheessitu eegama.

Siyaasatti kan deebitu yoo ta'e nama abbaa warraa ishee gane injifattee aangoo biyyatti harkatti deebifatti ta'a.

Mootummaan waliigaluu dhabdee kan himati irratti banamu yoo ta'eefi ofirraa ittisuu hin dandeessu yoo ta'e ammoo hidhaanis ishee eeggachuu mala. Yerootu hiika.