Afrikaan Kibbaa Girees Mugaabee to'anna jala olchuuf ajaja baaste

Roobert Mugaabeefi Girees Mugaabee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Roobert Mugaabee aangoo hadhawarraa isaatti dabarsee kennuufi jechuun himatame angoo irraa bu'e

Abbootiin seeraa Afriikaa Kiibbaa giifti dureen duraanii Zimbaabwe, Girees Mugaabee himannaa bara 2017tti dubartii modeelii tokko reebdee miidhaa irraan gessisteetti jedhuun to'annoo jala akka ooltuuf ajaja baasaani.

Murteen kun Adoolessa darbe manni murtii mirga eegumsa dipiloomaasii ishee erga haqee booda.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa erga Aadde Girees miidhaa sana dhaqabsiisteen boodaa to'aannoo jala ishee hin olchiin hafuu isaan qeeqamee ture.

Gaabriyella Engels Aadde Girees kutaa ciisichaa hoteela Johanisbeerg jiru keessatti shiboo elektiriikiin 'na reebde' jechuun himatteetti.

Yeroo sanatti kutaa ciisichaa ilmaanshee lamaan keessa jiraataan keessatti dubartiin modeelii 'machoofteefi maraatte' ishee midhuuf yaallaan ofirraa dhorkuushee Aadde Girees dubbateetti.

" Ajaji Girees Mugaabee to'annaa jala oolchuuf Kamisa darbe ba'uusaa nan mirkaneessa" jechuun Roobii dubbi himaan poolisii Afrikaa Kibbaa Vishnuu Nayidoo dubbateera.

Ajaja kana hojiirra olchuuf gargaarsa poolisii idil addunyaa 'Interpol' gaafachaa akka jiran dubbateera.

Ajaji kun maaliif akka dafee hin gaabaafamne ifa hin taane, Aadde Girees irraas ta'e aangaa'oota Zimbaabweerraa deebiin kenname hin jiru.

Girees Mugaabee

Madda suuraa, AFP

Gochi kun kan raawwate Hagayya 2017 yoo ta'u yeroo sanatti miidiyaan Zimbaabuwee Aadde Girees dhukuba jilbaa wal'aanamuuf Afrikaa Kiibbaa deemuushee gabasee ture.

"Shiiboo elektirikii qabattee dhuftee na reebuu jalqabde. Irra deddeebitee yeroo na reebduu maal akka uumaamaa jiru naaf hin gallee...yeroo sanatti eenyuu akka turteyyu ishee hin barre," jechuun Aadde Engels gocha sana ibsiteetti.

Itti dabaluun "Dhiigni lafa hunda jira ture. Harkakoorra, rifeensakoo keessa, lafa hunda ture," jetti.

Goochi kun kan raawwate waaranni Zimbaabuwee biyyattii to'atee Roobert Mugaabee aangoo waggaa 37'f irra turan akka gadhiisuu taasisuu isaa ji'a sadiin dura.