Tajaajilli Tikaa Naajeeriyaa 'Giifti-duree sobaa' to'annaa jala oolchan

Amiinaa Mohaammed

Madda suuraa, Punch

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon akka agarsiisutti Amiinaa Mohaammed abbaa qabeenyaa tokko irraa $414,000 hatte

Dubartiin manneen Pirezedaantii Naajeeriyaa seenuudhaaf eenyummaa sobaa gara garaa fayyadamuun hojii waliin dha'uufi sobaa hojjechaa turte toannaa jala oolteetti.

Tajaajilli tikaa akka jedhanitti Amiinaa Mohaammed jalqaba viillaa pirezedaantii magaalaa guddoo Naajeeriyaa Abujaa keessatti argamu seenuudhaaf akka giifti duree kutaa biyyaa kan Kogii taate sobdee himatte.

Achiin booda haati warraa pirezedaantii akka ishee afeeran warra kan sosobuun amansiisuuf jecha namoota gara viillaa sanaatti waamtee itti himti. Maqaafi aamgoo sobaa kanaanis daldalaafi waliigaltee sobaan saamicha raawwatteetti, dubartiin kun.

Ibsa waa'ee to'atamuu isheerratti kenname irratti yeroo dubbattu, Aadde Amiinaa Mohaammed "sobadha" jechuun iyyite.

Abbaan qabeenyaa dureessi Alexander Chika Okafor jedhamu, gara viillaa pirezedaantiitti Aadde Amiinaa Mohaammediin afeeramee, akka waliigaltee sobaa qabeenya magaalaa Laagoos keessatti argamu tokkoon maallaqa guddaa naaiyaa miliyoona 150 ykn dolaara 414,000 akka sossobame tajaajilli tikaa kun dabalee addeesseera.

"Qorannoon akka agarsiisutti hojiin daldalaa abbaa qabeenyaa kanaas hanga giiftii duree sirrii hin beeknetti hojii qulqullina hin qabnedha."

Aadde Mohaammed carraa aanga'oonni gurguddoo kan akka giiftu duree, ministerootaa sakatta'insaafi qulqulleeffannaa cimaa keessa hin galan yeroo gara viillaawwan pirezedaantii kana yeroo seenan. Isheenis carraa kana fayyadamuun ture kan hoji waliin dha'uu kana raawwatte.

Ayishaa Buhaariifi Pirezedaanti Muhaammaduu Buhaarii yeroo eebbaa isaanii irratti

Madda suuraa, AFP

Akka gabaasaan BBC Ishaaq Khalid Abujaatti argamu jedhetti, sadarkaan eegumsa manneen pirezedaantiidhaaf taasifamu kan baayyee nama rifachiisudha..

Hojjetoonni achi keessa hojjetan eyyama darbii qabaachuu qabu, akkasumas biometric data, fi namoonni daawwannaaf dhufan ammoo mallatteessuu qabu jechuun yada kenneera.