Pireezidantiin Naajiyeeriyaa ''Ani hin duune, namni akka koos bakka nahinbuune'' jedhan

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Naayijeeriyaa Mohaammadu Buhaariin jette jettee du'anii nama isaan fakkaatuun bakka buufamaniiru jedhuun kijibaa jedhan.
Namoonnii tokko tokko isa fakkeesaniiti jedhu Pireezidantichi garuu ''anuma isa dhugaa ta'uu isiniifin mirkaneessaa'' jedhan.
Oduun qaamni isaanii nama Sudaanii dhufe ''Jubril'' jedhamuun bakka buufameera oduun jedhu miidiyaalee hawaasummaarratti hedduu qoqqoodameera.
Manguddoon waggaa 75 Buhaariin filannoo ji'a lamaa booda gaggeefamuuf irra deebiin filatamuuf kan dorgoman ta'us, erga bara 2015 tti aangoo qabatanii booda fayyaan buleeessa hin turre.
Bara 2017 keessa ji'oota sadiif boqonnaa waldhaansaa fudhachuun UK turan.
Gara biyyattii wayita deebi'aniis badaa na hin dhukkubne jedhanii, gosa dhibee isaanii garuu hin himanne. Haala fayyaa gaariirraa akka jiraniis dubbatan.
Akka qorannoon dhugaalee AFP agarsiissanitti oduun pireezidanchirrattii odeefamu kun kan eegale dhuma bara darbee feesbuukii, Twiiitaraafi Yuu Tiyuubirratti. beeksiisni jette jettee kana namoonni akka ilaalan jajjabeessu si'a 500,000 ilaalameera.
Pireezidantiiin duraanii Naayijeeriyaa Guudlaak Joonataan, namoota maqaa guddaa qabaniifi oduu kana beeksisan keesaaati.
Hoogganaan garee biyya of dandeessuu ijaaruuf socho'uu 'Indigenous People of Biafra (Ipob)' jedhamuu kan ta'an Naamdii Kaanuus akka AFP jedhuutti oduu kana beeksisaniiru.
Naamdii Kaanuu wayita tokko suura Buhaarii harka mirgaa fayyadamuun beekamanifi harka bitaan wayita barreesan agarsiisu walbukkeettii maxxansuun yaada namni kun nama biraa isaaniin fakkeefamaniin bakka bu'aniiru jedhu beeksisaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Buhaariin Poolaanditti marii jijjjiirama qilleensaarratti qooda fudhachaa bakka jiranittii dhimma kanarrattii dhalattoota Naayijeeriyaa achitti argamaniin gaafatamanii deebii kennaniiru
Warreen jette jettee waayee fayyaa fi eenyummaa isaaniirratti afarsan ''wallaaltotaafiifi faallaa amantii kanneen jiranii'' ittiin jedhaniiru.
Namoonni baayyeen wayitan dhukkubsadhe ni du'a jedhanii abdatan. Gariin isaanii gara Pireezidantii itti aanaa dhaqanii du'eera jedhanii waan yaadaniif itti aanaa isaa taasisee akka isaan filatuyyuu gaafataniiru jedhan.














