'Hanna Abaachaa': Siwiizerlaandi $320m Naayijeeriyaaf deebisuufi

Danaa Saanii Abachaa yeroo inni uffata loltuu uffatee jirutti
Ibsa waa'ee suuraa, Hooggnanaan duraanii kun $2.2bn Baankii Giddu galeessaa Naayijeeriyaarraa waliin dhayee fudhate jedhame shakkama

Mootummaan Siwiizarlaandi maallaqa Naayijeeriyaa Hoogganaa humna waraanaa biyyattii duraanii Saanii Abachaadhaan hatame keessaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 fi miiliyoona 20 biyyattiif akka deebisuu beeksise.

Maallaqichi bara 2014 erga ilmi isaa Abbaa Abaachaa dhimma kanaan walqabateen mana murtii Suwiisitti himatamee booda kan socho'uu dhorkame.

Jalqaba Leksembargitti kan kuufame maallaqi kun maallaqa biiliyoonota hedduu bara hooggansa isaa 1993-1998 hatame keessaa baayyee muraasa.

Maallaqa saamame kana iddootti deebisuun hojii ijoo ture Naayijeeriyaadhaaf.

Pirezidaaant Muhammaduu Buhaarii bara 2015 wayita duula na filadhaa gaggeessaa turanitti dhimmi maallaqa hatame kana deebisiisuu ajandaa isaanii ijoo ture.

Gabaasaan BBC Abujaadhaa akka gabaasetti walii galteen maallaqicha deebisuu bitootessa darbe mallattaa'us, Ministirri Haqaa Naayijeeriyaa, Baankiin Addunyaa fi Siwiizerlaandi kallattii seeraa turerratti yaadaan walii galaa hin turre.

Haata'u malee maallaqni kun akka Naayijeeriyaatti deebi'uuf qaamoleen sadeen Wiixata darbe Fooramii Addunyaa Maallaqa iddootti deebisuurratti xiyyeeffate GFAR kan Washingtanitti taa'ame irratti walii galaniiru.

Dursaan Jila Siwiizarlaandi GFAR irratti argamanii Ambaasaaddar Roobertoo Balzaareet gabaasaa BBC Gibolahan Maakjoobitti bilbilaan akka himanitti mootummaan Siwiizarlaandi waggoota kurnan darban keessatti doolaara Ameerikaa miiliyoona 700 kan deebiste yoo ta'u kan hafe miiliyoona 300 fi miliyoona 20 ammoo waggaa lamaa hanga sadii gidduutti deebi'a.

''Maallaqichi bakka maallaqni Idil Addunyaa taa'u, baankii Beesil keessa lakkoofsa akkaawuntii mootummaa Naayijeeriyaarra taa'aaf. Jireenya lammiilee Naayijeeriyaa fooyyessuuf kan ooluudha.'' jedhan

Maallaqni kun to'annaa Naayijeeriyaa fi Baankii Addunyaa jalatti muraasa muraasaan yeroo garagaraatti akkaataa wabii jireenya lammiilee Naayijeeriyaa ta'uu danda'uun kaffalamee xumurama. Kunis akka ammas irra deebi'amee hin hatamneef yaadameeti jedhan Mr. Balzaareet.

''Yeroo jalqabaatiif walii galii galtee gar-sadee akkanaa mallateessaa jirra, walii galtechis ni hojjeta. Maallaqni kun waan gaarii ummataaf ni oola abdii jedhuun mallatteessine.''jedhan.

Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Suwiizarlaanditti walii galteen maallaqa Naayijeeriyaa deebisuu kun imaammata maallaqa hatame deebisuu biyyattii keessaa tokkodha, fuulduraafis namootni yakka akkasiirraa akka of eegan barsiisa.