Pirezidaantiin Naayjeeriyaa Buhaariin Washingitanitti Tiraampiin Walarguuf

Madda suuraa, Reuters/Getty Images
Prezidaant Naayjeeriyaa Muhaammad Buhaariin, hogganaa Ardii Afrikaa jalqabaa ta'uun pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampii waliin Waashingitan keessatti walarguuf deemu.
Dhimma dinagdeefi fedhii nageenyaa waloo irratti marii'atus jedhamee eegama.
Haa ta'u malee dubbi arrabaa ''Boolla kosii'' jechuun Pirezidaant Tiraamp biyyoota Afrikaa ittin ibsan jedhameen walqabate, haasaa godhamuuf jiru kana namoonni hedduun akka hordofuuf jiran beekameera.
Haasaa hamaa jedhamee gabaasame kana booda, Tiraamp nama sanyummaa hin leellisne ta'u isaanii dubbataniiru.
Ajandaan dubbii Tiraampii - Buhaarii maalii?
Akka bakka bu'a BBC Maayeenii Joones Naayijeeriyaarraa gabaasanitti, hoggantoonni lamaan waantoota jedhaman gara duubaatti dhiisuun dhimmoota ijoo fi barbaachisoo irratti xiyyeeffachuu akka malaaniidha.

Madda suuraa, Boko Haram
Buhaariin biyya isaanii keessatti rakkoo nageenyaa hedduun bulchiinsa isaanii qunnamaa jira. Karaa kaabaan dhabbata shoroorkeessummaan hidhattoota Bookoo Haraam wayita jiraatu, naannoo walakeessa biyyatti keessattis boora'iinsi nageenyaa babal'achaa jira.
Kanaafuu jedhu gabaasaan keenya, waraanni shoroorkeesummaarratti geggeefamu bulchiinsa biyya lameen kanaaf xiyyeeffannaa isa jalqabaa ta'a.








