Oduu Sobaa: Miidiyaalee hawwaasummaarra tatamsa'een namoonni daboodhaan ajjeefamaa jiru

Yeroo Rikaardoofi Albeertoon ibiddaan gubamanii du'an namoonni ammoo mobaayila isaaniitiin waraabbachaa jiru

Madda suuraa, Enfoque

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo Rikaardoofi Albeertoon ibiddaan gubamanii du'an namoonni ammoo mobaayila isaaniitiin waraabbachaa jiru
BBC

Magaalaa xiqqoo Meksiikoo tokko keessatti oduun namoonni daa'imman gudeedan jedhu karaa WhatsApp tamsa'e. Oduun sun soba ture, osoo namni tokkoyyu oduun sun soba ta'uu hin mirkaneessiin namoota lama gubanii ajjeesan.

grey_new

Gaafa Agayya 29, gara walakkaa guyyaa Mawuraa Korderoo namni jedhamu abbaa qabeenyaa suuqii meeshaa artiifi aadaa magaalaa xiqqoo Akatlaan Meksiiskoo keessa jirtu tokkoo waan duraan argee hin beekne argite.

Namoonni hedduun fuula dura qopheessaa magalaattii kan suuqii ishee cinaatti argamutti walitti qabamaa turan.

Akka dubartiin ganna 75 taate kun jettutti namoonni hedduuun guyyaa ayyaana waggaa irraa kan hafe akka sana walitti qabamuun haaraa ture.

Akkuma suuqii ishee fuula dura dhaabatteen poolisoonni konkolaataadhaan namoota lama qabatanii darban.

Wayituma sana namoonni walitti qabamanii turan konkolaataa poolisii shakkamtoota lama qabatee gara buufata poolisiitti deemaa ture duukaa 'yakkamtoota daa'imman gudeedan' jechaa iyyaa/wacaa turan.

Poolisoonni shakkamtoonni sun warra daa'imman gudeedan osoo hin taane, yakka salphaatiin kan shakkamanidha jechuun namoota mormiitti jiran sana amansiisuuf yaalanillee, baayyinni namoota mormanii guddachaa deeme.

Buufata poolisii sana keessa dargaggeessi ganna 21 ta'e Rikaardoo Filooreesiifi eessuma isaa kan ganna 43 ta'e Albeertoo Filoores turan. Rikaardoon magaalaa Zalaappaa jedhamtu keessatti guddate.

Yeroo rakkoon uumamutti garuu firoota isa dubbisuuf jeha gara magaalaa Akatlaan deemee ture. Guyyaa sana jarri kun lamaan meeshaa ijaarsaa bitachuudhaaf gara gidduigala gabaa deemanii turan.

Poolisiin akka jedhutti namoonni kun yakka hojjechuu isaanii kan agarsiisu ragaan hin jiru garuu sababii jiraattonni naannoo isaan himataniif "nageenyi naannoo boora'ee jennaan" gara buufata poolisii isaan geessan.

Mormiin daboo Daandii Refoormaa irra ture cimee jijjiiramaa deeme. Oduu karaa app WhatsApp tiin dadarbuun itti jabaachaa deeme.

"Maaloo tokkoon tokkoon keessan of eegadhaa warri daa'imani gudeeduuf duulan magaalaa keessan seenaniiru," ergaa jedhu karaa erga mobaayilii waliif dabarsuu eegalan.

"Yakkamtoonni kunneen warra qaama namaa dhoksaan gurguratan fakkaatu... Guyyoota muraasa darban keessa daa'imman umuriin isaanii waggaa afur, sadetiifi 14 ta'an achi buuteen isaanii dhabameera.

Daa'imman achi buuteen isaanii dhibame kunneen gariin isaanii du'anii argamaniiru, qamni isaaniis kan keessaa babba'e fakkaata. Garaan isaaniis banamee qullaa ture."

Yeroo sanatti oduun sobaa irratti hoofame kun Rikkaardoofi Albeertoon akka yakka daa'imman gudeedaniitti waan ilaalamaniif sodaan waan gochuu danda'an hin turre.

Namoonni buufata poolisiitti walitti qabaman sun nama maqaan isaa Firaansiskoo Maartiineez jedhamu yeroo dheeraadhaaf Akatlaan jiraataan tureen akka caalaa haaraniifi miira keessa galan taasifaman.

Akka poolisiin jedhetti, Maartiineez namoota warra ergaa sobaa karaa Facebook fi Whatsapp daddabarsuudhaan Rikkaardoofi Albeertoo yakkamtoota taasisaa turan keessaa tokkodha.

"Yaa uummata Akatlaan de Osoriyoo, maaloo kottaa deggersa keessan taasisaa," jechuudhaan kamaeraa keessaan dubbata. Na amanaa, warreen nama gudeedan kunoo as jiru."

Yeroo Maartiineez namoota magalaa keessaa mormiidhaaf kakaasutti, namni biraan poolisiin maqaa isaa Maanu'eel jedhe galma buufata poolisii cinaa jiru tokko yaabbatee bilbila/dawelii waajira mootummaa iyyisiisaa poolisiin warreen yakka raawwatan Rikkaardoofi Albeertoo gadi dhiisuuf karoorfataa jira jechuun dhaamsa uummataaf dabarsaa ture.

Namni sadaffaan tokko, Petronilo Castelan kan jedhamu meeshaa sagalee guddiftuu fayyadamuudhaan jiraattota waamee akka qarshii ittiin beenzila ittiin namoota kunneen lamaan ittiin guban bitaniif gaafatee, kessaa deddeemee walitti qabaas ture.

BBC
Bakka Rikkaardoofi Albeertoon itti gubatan

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka Rikkaardoofi Albeertoon itti gubatan
BBC

Mawuuraa Kordeeroo suuqii ishee keessa teessee waanta ta'aa ture sodaadhaan hanga namni tokko naannoo sanaa sokki namoota lamaan gubuudhaa jedhutti ilaalaa turteI.

Yeroo muraasaan booda, namoonni daboon mormiirra turan sun waan tokko irratti walii galan. Karra buufata poolisii sana cabsanii Rikkaardoodhaafi eessuma isaa Roobertoo butanii gadi baasan.

Namoonni akkuma mobaayila isaaniitiin waraabaa jiranitti Rikkaardoofi Albeertoon iraan gadi darbataa dhakafi mukatti buusaa gara jabina rukutaman. Isaan booda Beenzila duraan bitame sana itti rafarafuun.

Akka namoonni ijaan argan jedhanitti Rikkaardoon rukkutaan dursee lubbuun kan keessaa ba'e yommuu ta'u eessumni isaa Albeertoon ammoo yeroo isaan ibidda itti qabsiisanillee lubbuun keessa jira.

"Waanti ta'e sun gocha baayyee sukkaneessaa Akatlaan keessatti kanaan dura ta'ee hin beeknedha," jedhe Kaarlos Fu'eentes konkolaachisaan taaksii buufata poolisii sanatti dhiyoo jiru tokko.

BBC
Abbaa Rikkaardoo

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa Rikkaardoo
BBC
Waanta guyyaa sana magaalaa akatlaan keessatti ta'e namoota muraasatuu dubbachuu danda'a

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Waanta guyyaa sana magaalaa akatlaan keessatti ta'e namoota muraasatuu dubbachuu danda'a

Gaafa Agayya 29, haati Rikkaardoo, Maariyaan, ergaa Facebook waan jalqaba akka abjuu itti fakkaate argite. Hiriyyaan isheetti dhiyaatu Akatlaan irraa ilmi ishee Rikkaardoon daa'imman gudeeduun shakkamee qabameera ergaa jedhu erganiif.

Dogoggora jettee yaadde. Rikkaardoon waan akkasii keessatti hirmaatee hin beeku. Garuu ergaan walumatti fufee dhufaa ture. Boodarra ergaan Facebook kallattiidhaan waraabee dabarsu ni dhufe.

Isheenis irratti cuqaastee namoota daboodhaan morman argite, itti aansuudhaansis ilmi isheefi wasiilli isaa daboo sanaan wayita reebaman argite.

Miira of wallaaluu keessa tessee, ergaa jalatti barreessite. Maaloo isaani hin miidhiinaa, isaan hin ajjesiinaa, isaan warra daa'ima gudeedan mitii," jettee barreessuu ishee ni yaadatti.

Garuu ergaan ishee bu'aa tokkollee hin qabu, waan rifaasisaa waiyita ilmasheefi wasiila isaarra ga'u, beenzila itti rafarafanii guban karaa tekinooloojii kanaa teessuu ilaaluu qofa ture carraan ishee.

Tekinooloojiin mobaayilaa isheen teessee ajjeechaa sukkanneessaa ishee magaalaa Akatlaan irraa darbu ilaaltu sun akka namoonni ajjeechaaf namoota ittiin daboodhaan birmachiifataniifis isaan gargaareera.

Albeertoo Filoores abbaa ijoollee durbaa sadii ture

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Albeertoo Filoores abbaa ijoollee durbaa sadii ture
BBC

Akaatlaan keessatti, namoonni guyyaa sana hedduu rifachuu irraan kan ka'e riphanii turan. Haati qabeenyaa suuqii, Aadde Mawuuraa Kordeeroo garuu suuqi isaanii cufanii baqatanii turan.

Akka aanga'oonni jedhanitti, namoonni shan yakka kakaasuudhaan afur ammoo ajjeechaa rawwachuun himatamaniiru.

Maariyaan namoonni maaliif oduu sobaan akkas daboodhaan akka ba'anii naaf galuu hin dandeenye jetti. "Maaliif hin mirkaneeffanne? Daa'imman butaman hin jiran, namni komii dhiyeeffates hin jiru. Oduu sobaa ture," jette.

Namichi yeroo bilbila iyyisiisuun namoota birmachiisutti

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Namichi yeroo bilbila iyyisiisuun namoota birmachiisutti
BBC

Ajjeechaan Rikkaardoofi Albeertoo magaalaa xiqqoo Meksiikoo keessatti argamtu keessatti mudate kan adda ta'e miti. Oduun sobaa karaa Facebook fi WhatsApp tatamsa'u biyyoota akka Indiyaa, Miyaanmaariifi Siri Laankaa keessatti miidhaafi walitti bu'nsa geessisaa jiru keessaa isaan muraasa.

Maariyaa, haati Rikkaardoo bilbila ilma ishee qabattee

Madda suuraa, Brett Gundlock

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyaa, haati Rikkaardoo bilbila ilma ishee qabattee
BBC

Gaafa Agayya 30, guyyaa Rikkaardoofi Albeertoon ajjeefaman bulee jechuudha, namoonni kutaa biyyaa Oaxaca jedhamu keessa jiraatan garee namootaa miseensota torba of keessaa qabu hojii halluu dibuu hojjetan, namoota daa'imman gudeedan jedhamanii oduu sobaan himataman gubanii ajjeesuuf ba'anii turan.

Guyyaa sanarra garuu poolisoonni namoota oduu sobaan shakkaman ajjeefamuuf turan oolchuu danda'aniiru.

Guyyaa Akatlaan keessatti Rikkaardoofi Albeertoon oduu sobaan ajjeefamanitti garuu namoonni fiilmii ajjeechaa kana argan kutaa biyyaa Meksiikoo Tuulaa jedhamtu keessatti namoota lama oduu sobaadhaan daa'imman gudeedaniiru jedhuun reebamanii, gubamuun ajjeefamaniiru.

MNeksiikoon alattillee, gaafa Onkoloolessa 16 Iquwaadoor keessatti dhiirri lamaafi dubartiin tokko dolaara US 200 hataniiru oduun sobaa jedhu miidiyaa hawwaasummaa WhatsApp irratti tatamsa'ee akka ajjeefamaniif sababa ta'eera.

Guyyaa gaafa Onkoloolessa 26 ammoo magaalaa guddittii Kolombiyaa Bogotaa keessatti namni oduun sobaa akka inni waan daa'ima mana barumsaatii buteetti karaa WhatsApp ergaan darbee daboodhaan ajjeefameera.

WhatsApp rakkoo kana keessa galee ilaaluudhaaf yaalaa jira. "Rakkoon miidhaa daboon/duulaan raawwatamuu kun gama kampaanota tekinooloojiitiin, dhaabbileen hawwaasaatiifi mootummaatiin tarkaanfii fudhachuu feesisa jennee amanna," jechuun kampaanichi BBC'tti himeera.

Dubbi himaan Facebook ammoo BBC'f yaade kennaniin, "tajaajilli Facebook miidhaa qaqqabsiisuuf akka oolu hin barbaannu."

"Yakka 10 raawwataman keessaa sagal tekinooloojiidhaan fayyadamanii akka ta'an ni amanna," jedhan Itti-aanaan Ministira Odeeffannoofi Cyber Intelligence kan Magaalaa Meksiikoo keessa jiruu Joosee Giil.

"Miidiyaaleen hawwaasummaa odeeffannoo sobaa saffisaan tamsaasa'an uummata jijjiiraa jiru sababiin isaas namoota nuti amanu irraa waan dhufaniif akka waan dhugaa ta'eetti fudhanna," jedhe. Hawwaasni isa kamitu dhugaadha, isa kamtu ammoo sobadha kan jedhu adda baafachuun irraa eegama."

Rakkoon seera hojiirra oolchuufi aadaan walabummaa Meksiikoo keessa jiru oduun sobaa sadarkaa miidhaa geessisuurra akka ga'u taasiseera, jedhan miseensa paarlaamaa kan ta'an Tatiana Clouthier. Nama gubanii ajjeesuun Akatlaan keessatti uumame mirga dhuufaafi of ibsachuu caalaa gatii cimaa baasise, jetti miseensi paarlaamaa kun.

"Garuu isa kamiif sadarkaa hangamiitti dursi kennamaaf? Mirga walabumaan of ibsachuuf dursa kennuu qabna garuu daangaan isaa hanam? Waanti kun mata duree eenyu keenyayyu keessa galuu hin barbaannedha sababiin isaa eenyuyyu mirga bilisaan of ibsachuu isaa dhabuu hin barbaadu. Ta'us garuu odeeffannoo sobaan nama burjaajessuu garuu eyyamuu hin qabnu.

Haalli yeroo ammaa keessa jirru baayyee hamadha.

Poolisiin Naajeeriyaa akka jedhetti ammoo oduun sobaafi suurrawwan akka barbaadamaniin tolfaman kutaa Biyyaa Pilaatuu jedhamu keessatti ajjeechaa namoota kudhanii ol ta'aniif sababa ta'eera. Oduun sobaa Facebook irraa namoota ajjeesaa jira.