Hin dogoggoriinaa: Dhugaa sobarraa adda baafadhaa

Miidiyaalee hawwaasaa irratti hunduu yaada mataa isaa kenna. Odeeffannoos ni rabsa. Si'a tokkotti namni tokko odeeffanoo ni fudhata ni rabsas. Odeeffannoon namaaf dhufu kun garuu dhugaa ykn soba ta'uu adda baafachuun kan abbaati.
Oduu sobaa 'Fake News' yaaddoo fayyadamtoota miidiyaa hawwaasaa ta'aa dhufeera.
Oduu sobaa jechuun dantaa siyaasaa ykn fedha maallaqa argachuuf jecha oduu rabsamudha. Kanaaf jecha, namoonni hedduun dantaa dhuufaa isaaniitiif oduu sobaa dhugaa fakkeessanii facaasu.
Suurri tokko ykn viidiyoon tokko dhugaa ykn soba ta'uu adda baafachuudhaaf karaa hedduutu jiru.
Osoo suuraawwan ykn viidiyoowwan dhugaa ykn soba ta'uu isaanii adda hin baafatiin dura garuu cimsinee qalbiidhaan ilaaluun barbaachisaadha. waantota xixiqqaa suura ykn viidiyoo sanarra jiran ilaaluun bal'isnee dhugaa jiru arguudhaaf nu gargaara.
Fakkeenyaaf, yeroo suura ykn viidiyoo shakkisiisaa tokko miidiyaa hawwaasaa irratti arginu, duraan dursa ergaa akkamiitu akka darbuuf barbaadame kan jedhu ofii keenya gaafachuun nurra jira.
Itti aansuudhaan, ammoo suurri ykn viidiyoon sun kan tutuqama/gulaalame ykn ediitii ta'e ta'uu isaa sirriitti ilaaluun nurra jira. Naannoo suura ykn viidiyoon sun itti ka'ame ykn waraabeme ilaaluu, mallattoowwan adda addaa suura sanarra jiran ilaaluu, yeroo suurri sun itti ka'ame ykn viidiyoon sun itti waraabame kallattii aduun irra jirtu sirriitti ilaaluu, akkasumas gaaddidduu namootaa ykn wantoota sanaa cimsanii sakkata'anii ilaaluu feesisa.
Kana gochuu keenyaan namoota suurawwan ykn viidiyoo kana rabsan ergaa maalii akka nuti argannu barbaadanii akka rabsan ragaa nuuf kennuu waan danda'uuf hiika biraa yoo qabaateef of-eegannoon akka ilaalluuf itti gaafatamummaan nurra jira.
Maloota armaan gadii kana fayyadamuun dhugaa sobarraa adda baasuu ni dandeenya.
1. Googil Riversi imaajii (Google Reverse Image)
Googil Riversi Imaajiin kun suura nuti galchine fayyadamuudhaan kan isatti dhiyaatu ykn isuma mataa isaa nutti agarsiisa.
Googiliitiin suura barbaaduun (Google Image Search) jechuudhaan gara suurawwan Googiliitti (Google Image) nu geessa. Isaan booda suura barbaanne sana kompiitera keenya irraa ykn teessoo interneetii isaaanii akka galchinu nu gaafata.
Yoo kana goone Googiliin suura galchine waliin kan walitti dhiyaatu ykn suurri galchine sun kan kanaan dura faayidaarra oole yoo ta'e baruu inu dandeessisa.
Viidiyoo yoo ta'e ammoo fakkii fireemii tokkoo ishee fudhachuun haaluma walfakkaatuun galchinee adda baafachuu ni dandeenya.
2.Tiinaay (TinEye)
Tiinaay akkuma Googil Riversi Imeejii tartiiba barbaachisuun galchinee suura/fakii galchine sana waliin kan walfakkaatu ykn kan isa waliin tokko ta'e Googiliin barbaadee nuuf baasa.
Kanaan dura namoonni/dhaabbileen suuraawwan ykn viidiyoowwan Itoophiyaan alaa waraabaman akka waan biyya keessaa waraabamee/biyya keessatti ta'ee fakkeessuudhaan kan dhiyeessan soba ta'uu isaa mala kanaan mirkaneessuun danda'ameera.
3.Footooforensiik (Fotoforensics)
Malli footooforeensiik (fotoforensics) jedhamu kun marsariitii bilisaafi itti fayyadamuudhaafillee salphaa ta'e yommuu ta'u suurawwan/fakiiwwan irratti cuqaasuudhaan ykn teessoo interneetii galchuudhaan suuraawwa/fakiiwwan sun kan ediit ta'emoo kan hin taane adda baasuu ni dandeenya.
footooforeensiik eerer leevel (Error Level Analysis) mala jedhamu fayyadamuun suurri tokko footooshoppiidhaan akka jijjiirame agarsiisuu ni danda'a.
Gara fotoforensics.com deemuudhaan suura tokko irratti yoo cuqaafamee booda, suura sana jalatti kan mullatu suurri biraa hangi isaa walqixa ta'e suura bifaan gurraacha ta'e biraatu dhufa.
Suura gurraacha sana keessatti bakkawwan diimaa ykn adii ta'an kan mullatan yoo ta'e, bakka haluun diimaa ykn adiin irratti mullate sun bakka ediit ta'e ta'uu agarsiisa.
4. Bakka suurri itti ka'ame sana beekuu
Bilbiloota/mobaayiloota warreen hammayaa kanneen kaameraa qaban akka bakka suurri itti ka'e akka galmeessu taasifameera yoo ta'e bakka suurri sun itti ka'ame beekuun ni danda'ama.
Namoonni bilbila hammayaa fayyadaman bilbila keessa seenanii tajaajila bakka agarsiisuu (location service) akka hin fayyadamne dhowwuu baannaan bakka suura sanaa beekuun ni danda'ama.
Suura sana kompiitera keenya irra erga keeneen booda karaa mirgaan irratti cuqaasuun (right click) piroopertiis (properties) kan jedhurratti cuqaasuudha. Isaan booda ibsaaf (details) isa jedhu irratti cuqaasuun (GPS) kan jedhu jalatti kan argaman longitude fi latitude teessoowwan jedhan gara Googil map geessuudhaan bakka suurri sun itti ka'ame beekuun ni danda'ama.
5. Watchframebyframe
'Software' fayyadamuudhaan viidiyoowwan sobaa qophaa'an gadi fageenyaan ilaallee kan sobaa ta'uu isaa beekuuf nu gargaara.
Viidiyoo sekondii tokko keessa fireemota suuraa ykn suurawwan 24 ta'anitu jiru. Haaluma kanaan Watchframebyframe.com seenuudhaan viidiyoo sobaa ta'a jedhamee kan shakkame sana ykn teessoo interneetii inni itti argamu galchuudhaan gadi fageenyaan kan sobaa ta'uu isaa argachuu ni dandeenya. Yeroo kana yaaliin dogoggora yeroo viidiyoo sana suphanii ni mullata jechuudha.
Maloon kunneen suuraafi viidiyoowwan sobaa adda baafachuudhaa kan nama dandeessisan ta'anii baasii kan nama hin gaafannedha. Kanaaf, suuraawwan/viidiyoowwan karaa kamiinuu soba ta'an amannee fudhachuu keenyaan dura ofii keenyaan mala salphaa ta'een adda baasuu yaaluudhaan odeeffannoo sobaa ta'uu isaa ni beekna jechuudha.
Dabalataan odeeffannoo sobaa osoo hin qulqulleeffatiin/adda hin baafatiin akka namoota biroof ga'utti dabarsuun akka oduun sobaa babalatu taasisa.
Kana waan ta'eefis, odeeffanoo shakkisoosoofi hin mirkanoofne fudhannee malawwan salphoo sana fayyadamnee osoo namoota birootiif hin dabarsiin dura adda baasuun akka oduun sobaa hin tamsaane hir'isuullee ni dandenya jechuudha.













