Oduu Sobaa: Ajjeefamuu lammiilee Somaalee hanga maq-balleessii pireezidaantotaatti

Question mark made out of newspaper

Oduun sobaa Afriikaa keessa afarfamaa ture walitti bu'insa sabaafi sablammoota gidduutti akka hammaatu gochuu, yeroo filannoo ammoo namoota filatan dogoggorsuufi burjaajessuu akkasumas sharafni biyya alaa akka hin tasgabboofne taasisuudhaan madda rakkoo ta'aa jira.

BBC'n ka'umsaafi rakkoo oduu sobaa kana irratti qorannoo gaggeessaa ture qabxiiwwan ijoo shan Afriikaa keessatti uumaman adda baaseera.

Namoonni gareen qorattoota dhaggeeffattoota BBC waliin dhimma kana irratti gaaffiffi deebii taasise harki caalaan oduu osoo adda hin baafatiin namootaaf dabarsuu ykn hiriyoota isaaniif qoodu.

Namoonni kun gariin kana gochuu isaaniif sababii yeroo dhiyeessanitti hiriyoota isaanii akeekkachiisuufi ykn odeeffannoo kennuuf jenneetiidha.

Kanneen biroo ammoo jechoota akka "kun dhugaadhaa?" jedhu itti dabalanii namaaf qoodu. Yeroo kana godhanitti garuu osoo hin beekiin oduun sobaa akka babaayyatu taasisuun isaanii hin oolle.

Oduuwwan sobaa kun oduu dhugaa waliin tooruma irra jiru waan ta'eef hunduu ni argata ni dubbisus.

Qorannoon gama dhageeffattotaa/hordoftootaatiin gaggeeffame kun isa jalqabaatis jedhameera. Daarektarri BBC World Service Jeemii Angas akka jedhanitti bu'aa qorannoon kun qabu hojii BBC'n oduu sobaan namoota dogoggoran hambsuudhaaf carraaqaa jiruuf murteessaadha.

1. Somaalonni Itoophiyaa keessaa 'boollatti naqamaa jiru'

Oduun sun maal ture?

Ji'a Adoolessaa keessa, bakka itti argamu US irraa dhaabbanni Ethiopian Satellite Television (ESAT) viidiyoo sabni Oromoo Itoophiyaa keessa jiran reeffa saba Somaalee boolla awwaalchaatti naqaa jiru agarsiisa jedhu gadi dhiise.

Akka jedhametti, viidiyoon sun Itoophiyaa keessatti naannoo Oromiyaa keessatti waraabame. Bakki sun ammoo baruma kun ta'e keessa gareewwan lamaan gidduutti walitti bu'insi lubbuu galaafataa tureera.

Miidhaa akkamii qaqqabsiise?

BBC
Cameroon video

Madda suuraa, YouTube

BBC

Akka tajaajilli BBC Afaan Oromoo gabaaseetti, viidiyoon sun miidiyaaleen hawaasaatiin Itoophiyaa keessa tamsa'u isaatiin saba Oromoo biyyoota ollaa akka Jibutiifi Somaaliyaa keessa jiraatan miidhaan irra ga'ee ajjeefamaniif sababa ta'eera.

Baqattoonni Oromoo biyya ollaa taate Jibutii keessa turan BBC'tti akka himanitti, erga viidiyoon sun qilleensa irra ooleen booda reebaa akka turaniifi suuqiin isaaniillee akka jalaa saamame dubbatan.

Oduun sun soba ta'uu akkamiin barre?

Viidiyoon walfakkaatu kan rakkoo garee Anglophone warra fottoquu barbaadaniifi mootummaa Kaameruun gidduutti Itoophiyaa gara lixaan km 3000 irratti uumamee ture hin mirkanaa'iin ji'a Waxabajjii keessa miidiyaalee hawwaasummaa irratti ballinaan tamsa'aa tureera.

Viidiyoon ESAT TV tamsa'e sun osoo dhugaafii soba ta'unsaa adda hinbaafamiin, dargaggoonni Oromoo wacaafi sirbaa jiraniitti fakkeessuun sagalee viidiyoo sana duraan ture irratti dabalamee hojjetameera.

Akkuma dubbichi soba ta'usaa hubachuun ESAT miidiyaalee hawwaasummaa irraa haquun, boodas ESAT ifatti dkaraa YouTube irratti dhiifama gaafateera.

TVn ESAT soba ta'usaa beekuun viidiyoo sanatti fayyadamu ykn tamsaasuu haalli agarsiisu hinjiru.

Sirreeffama Sadaasa 23: Barreefamni kunis ESAT TV waraabbii viidiyoo itti fayadameef itti gaafatamaa akka hintaanee ykn viidiyichi soba ta'usaa hubachuun akka hinture ifa taasisuuf kan haaromfameedha.

Presentational grey line

2. Kaadhimamaan pirezedaantii Naajeeriyaa 'gareewwan warra mirga saala walfakkaatuun walfuudhaniif falmaniin deggersa argatan '

Oduun sun maal ture?

Yeroo Atiikuu Abubakar kaadhimamaa pirezedaantii Naajeeriyaa filannoo bara 2019 ta'uun isaa mirkanaa'utti, maqaa gaggeessaa garee mormituu kanaatiin tiwiitarri sobaan banamee ture.

Tiwiitera kanaan akka kaadhimamaan pirezedaantichaa "Waldaa Fuudha Saala Walfakkaataa Dhiirota Naajeeriyaa (Association of Nigerian Gay Men (ANGAM))tiin deggersa nuuf taasiftaniif galatoomaa jedhu maxxanseetti himamaa ture.

BBC
Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

BBC

Ergaa Tiwiiteriin ba'e kana keessatti, Obbo Abubakar yoo filatamee pirezedaantii ta'uu danda'e waan inni jalqaba hojjetu, labsii farra saal-qunnamtii/fuudha saala walfakkaataa gidduutti eyyamu Pirezedaantii Naajeeriyaa duraanii Guudlaak Jonaataaniin bara 2014 mallattaa'ee hojiirra oole haquudha kan jedhu ture.

Naajeeriyaa keessatti fuudhi namoota saalaan walfakkaatan gidduutti taasifamu hanga waggaa 14 nama adabsiisuu kan danda'u yommuu ta'u wantoota fuudha dhiiraafi dhiira gidduutti agarsiisan ykn jaalala fedhii saalqunnamtii namoota saalaan tokko ta'an gidduutti agarsiisuunis dhorkaadha.

Miidhaa maalii qaba?

BBC
Marsariitii oduu sobaa kana hojjetterraa kan fuudhame -The Nation

Madda suuraa, The Nation

Ibsa waa'ee suuraa, Marsariitii oduu sobaa kana hojjetterraa kan fuudhame
BBC

Ergaan Tiwiiteraa kun erga gaafa Onkoloolessa 14 qoqqoodamee booda, oduun kun namoota fuula interneetii irratti barreessuun beekaman lama ykn biloogaroota lamaan irra deebiyee ka'eera.

Guyyaa 12n booda, gaazexoonni bebbeekamoo Naajeeriyaa lama, The Nation fi Vnguar oduu kana ergaa karaa baayyee walfakkaatuun maxxansan.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Oduun fakkeessaa summii facaasa
Presentational grey line

Akka gabaasa isaaniitti dhaabbanni saal-qunnamtii/fuudha saal walfakkatu deggeran (LGBT) "Diverse" jedhamus akka Obbo Abubakariin kaadhimamaa "kaadhimamaa yaada walabaa qabu" waan ta'eef akka pirezedaantii ta'uuf ni deggerra jedhe.

Oduun sobaa akka kaadhimamaan pirezedaantichaa mirgoota warra saal-qunnamtii/fuudha saala walfakkaatu gidduutti taasifamuuf falmuutti dhiyaate isa miidheera.

Gaggeessitoonni Musiliimaafi Kiristaanaa Naajeeriyaa keessatti baayyee dhiibbaa guddaa uuman, labsii farra warra fuudha saala walfakkaataa gidduutti deggeraniif mormuudhaaf jecha ammoo kan tokkummaa uuman, deggertoonni isaanii akka kaadhimamaa akkasii hin filanne taasisuu danda'u.

Oduun kun soba ta'uu attamiin barre?

Tiwiiterri jalqaba oduun sun ittiin ba'ee gadi dhiifame, Tiwiitera sirrii Atikuu Abubakar miti.

Warri garee morgoota LGBT ta'an akka ergaa tiwitera sana isa jalqabaa keessatti ykn biloogotaafi gaazexoota itti aananii maxxanfaman keessattis waanti qabatamatti mullate hin turre. Dhaabbileen kunneen ofii isaaniitillee kan seera qabeessaan galmessan akka seera Naajeeriyaatti yakkadha jedhame hin jiru ture.

BBC
Presentational grey line

3. Ogeettiin miidiyaa Keeniyaa keessatti beekamtuu oduu sobaa biyyattii leellisu qoodde

Oduun sun maal ture?

Oduu biizinasii CNN dhiyeessuun kan beekamu Richard Quest TV show isaatii jecha fiilmii waraabbachuuf Onkoloolessa keessa magaalaa guddittii Keeniyaa, Naayiroobii keessa ture.

Oduu dhiyeessuu dabalatee miidiyaa keessatti duraan maqaa gaarii kan qabdu Julie Gichuru Onkoloolessa 25, Obbo Quest hangam turtii isaa Keeniyaa keessaa taasise itti gammade waliin mariyachuuf jechuun tiwiitera isheeratti maxxansitte.

Akka Obbo Quest barreesse fakkeessuudhaan waan armaan gadii kana maxxansitee gadi dhiiste.

"Industrii tajaajila Keeniyaa kan mo'atu hin jiru... Ani amma kun akkuman saattawwaan marfameen cireekoo nyaachaan jira! Biyya Baankii Adunyaatiin invastimantiidhaaf Afriikaa keessatti filatamtuu ta'uun hawwachaa jirtuu, waan biraa maalan gaafachuu danda'aa? KEENIYAAN AJAA'IBA!"

BBC
A false quote shared by former news anchor

Madda suuraa, Twitter

BBC

Dhiibbaa attamii qabaata?

Julie'n hordoftoota fuula Tiwiitera ishee irratti miliyoona tokkoofi Inistaagiraam irratti ammoo 600,000 waan qabduuf waan isheen maxxansite sana namoonni daqiiqaawwan muraasa keessatti arganii akka dhugaa ta'etti fudhataniiru.

Oduun sun soba ta'uu akkamiin barre?

Gaazexeessaan CNN kun yaada Tiwiitera Julie kana jalatti dafee akka waan akkasii hin dubbatiin barreesseef.

BBC
Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

BBC

Isaan booda Julie Gichuru irra deebitee ergaa Tiwiitera ishee kana yaada barreessite sun mormii kaaseera jechuun irraa haquuf dirqamteetti.

BBC
Maxxansa X irra dabri, 3
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 3

BBC
Presentational grey line

4. "Aangoo gadi dhiisuu" pirezedaantii Afriikaa Kibbaa

Oduun sun maal ture?

Guraandhala 12, gabaasaan tamsaasa oduu biyyaalessaa afriikaa Kibbaa SABC, yeroo sanatti pirezedaantii kan turan Jaakoob Zumaa aangoo gadi dhiisuuf akka waliigalan gabaase.

"Maddawwan amanamoo" jechuudhaan, Tshepo Ikaneng'n yeroo miseensonni ol-aanoon paartii biyya bulchaa jiruu kan Kongirasii Biyyaalessa Afriikaa (African National Congress (ANC)) carraan pirezedaantichaa gara fuula duraatti maal ta'uu mala jedhu irratti mareetti jiranii oduu ammaa nu ga'e jechuudhaan tamsaasa kallattii osoo gaggeessaa jiruu dabarseera.

Gaazexeessaan Afriikaa Kibbaa tokko oduu kana fuuhdee ammoo tiwitera irratti baase.

BBC
Maxxansa X irra dabri, 4
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 4

BBC

Obbo Zumaan dhiibbaa cimaa yakka malaammaltummaa karaa hedduutiin irratti ka'aa tureen walqabatee aangoo akka gadi dhiisuuf jecha partii isaarraa ga'aa tureera.

Biyyattiin yeroo sanatti tarii aangoo gadi dhiisuu danda'a jechuudhaan eegaa turan.

Dhiibbaa akkamii qaqqabsiise?

Maallqani Afriikaa Kibbaa Rand jedhamu Obbo Zumaan aangoo gadi dhiisuu danda'u jechuudhaan kan %1 dabale, erga dubbi himaan gabaasa SABC gadi bahee waakkatee dhaabbachuu danda'eera.

BBC
Maxxansa X irra dabri, 5
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 5

BBC

Soba akka ta'e akkamiin barre?

Dubbi himaan Obbo Zumaa gadi bahanii mormuudhaan kan gabaafame sun "oduu sobaadha" jedhan.

Guyyaa sadiin booda garuu, Obbo Zumaan isuma dhugaa aangoorraa bu'an.

BBC
Presentational grey line

5. Gaggeessaan Tanzaaniyaa 'sagaagalummaan akka dhaabbatuuf jecha tokkoo ol fuudhuu eyyaman'

BBC
Tanzania President John Magufuli

Madda suuraa, Zambian Observer

BBC

Oduun sun maal ture?

Barreeffamni Pirezedaantiin Tanzaaniyaa John Magufuli sagaagalummaan akka dhaabbatuuf jecha dhiirota niitii tokkoo ol fuudhuu akka danda'an fuudhaa jedheera jedhan akka malee dubbii baballatee turedha.

Akka jedhametti pirezedaantichi "konfiraansii dhiironni 14,000 ta'an irratti argaman irratti," dubbii taasisaniin, "lammiileen Tanzaaniyaa miliyoona 70 ta'an keessaa, miliyoonni 40 dubartoota yommuu ta'an miliyoona 30 kan ta'an qofaatu dhiiradha" jechuun dhiirota kanatti himan.

Rakkoon baayyinni dhiiraa dhibuun ammoo dubartoonni akka sagaagaltummaafi ejjuutti bobba'an taasisa, jedhe jechuun barreeffamichi pirezedaantichi kan dubbatan fakkeessuun dhiyeessee ture.

Dhiibbaa akkamii uume?

Oduun jalqaba fuula marsariitii/weebsaayitii Afaan Ingiliziitiin Zambia Observer jedhamu irratti Guraandhala 2018 ba'e dubbii cimaa hin kaasne ture.

Garuu oduun kan inni caalaatti babal'achuu jalqabe erga Afaan hojii Tanzaaniyaa kan ta'e Swahili tiin marsariitii/weebsaayitii nipasheonline.com jedhamu irratti ba'een boodadha.

Achirraa ka'uudhaanis, weebsaayitii beekamaa ta'e JamiiForums irratti ba'eera. Isaan booda dubbii ijoo biyyoota Afriikaa hedduu ta'uudhaan oduun kun gara Keeniyaa, Zaambiyaa, Afriikaa Kibbaafi Gahaanaatti babal'chuu danda'eera.

Oduu sobaa ta'uu akkamiin barre?

Dubbi himaan aanga'aan mootummaa Tanzaaniyaa karaa tiwiiterii oduu kana Swahili tiin balaaleffachuutiin, pirezedaantichi akka kana hin jenne yaadachiisuun namoonni akka dhiisaniif gaafataniiru.

Akka BBC Swahiiliin mirkaneeffachuu danda'ettis barreeffamni ture sun dhaugaa hin turre.

Barreefama sobaa sana keessatti "Obbo Magufuli" baayyina uummataa miliyoona 70 ta'an keessaa, lakkoofsi dubartootaa miliyonna 10 dhiirota caala.

Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiyeenya taasisetti garuu bayyinni uummata Taanzaaniyaa miliyoona 60 gadi yommuu ta'an garaa garummaan lakkoofsa dhiirotaafi dubartootaa gidduu jiru guddaa miti.

line
Fake news branding

Oduun kunis kan qaama qorannoo BBC'n oduuwwan nama burjaajessaniifi oduu soba ta'an akka itti addunyaan oduu waliif daddabarsaniifi naannoo ofii itti ilaalan keessatti yaaddoo ta'an adda baasuuf hojjetaa jiruun.

line