Gammoojjii Kanaadaa keessatti holqi 'baayyee ajaa'iba jedhame' argame

Madda suuraa, Courtesy Catherine Hickson
Holqi guddaa 'biyyittii faayyadu' daggala Kaanaadaa keessatti argameera.
Holqi kun kan argame ji'a Ebla darbe gartuu hojjeettoota mootummaa, kutaa biyyaa Wells Gray, British Columbia keessatti baayyina bineensa 'caribou' jedhamu lakkaa'aa turaniini.
Fulbaana keessa Gareen qorattoota fi Ji'ooloojistoonni argannoo kana dhiyeenyaan qoratan.
"Seenaa qorannoo holqaa biyya Kaanaadaa keessati argannoo ajaa'ibsiisaa boqonnaa haaraa fidu danda'udha" jedhu.
Baayolojistiin Bevan Ernst, gartuu bineensa 'caribou' lakkaa'aa turan keessaa tokkodha.
"Nuti bineensa 'caribou' malee holqa barbaada hin turre' jechuun Mr Ernst BBC'tti himeera.
Lafa dhooqa kan cabbiin guutame kana arguu isaanii qondaaltota parkiichatti beeksiisuun garii akka tahe kan yaadee balaliisaan helikooptaraa Ken Lancour ta'uu isaa dubbateera.
Mr Ernst akka jedhuti, holqi bira ga'amuun rakkisu kun kan jiru naannoo baayyee fagoo ta'eefi,bakka gaarreen paarkii 'kuutaa hedduu cabbaa'oo' ta'an jiranitti dhiyaatee argama.
Bakki kuni ammaan dura akka hin abbuuramne kan agarsiisu wayita gareen kuni laficha gahu bakkichi bakka cabbiin uwwifameefi dedeebiin miila nama itti hin mulannedha.
Ji'ooloojistii Catherine Hickson fi ispeeshaalistiin qorannoo holqaa John Pollack qorannoo jalqabaa kan Fulbaana 9 dursuun holqa kannen abburani. Hoji kanaafis suurota saatalaayitin kaafamanitti dhimma bahan.

Madda suuraa, Courtesy Catherine Hickson
Seensi holqa kanaa dheerina meetira 100 fi bal'ina meetira 60 kan qabu yoo ta'u, hanga dirree kubba amiilaa xiqqaa tokkoo kan gahudha.
Gareen qorattoota akuni akki jedhan, holqi kuni gadi fageenya meetira 180 akka qabatau tilmaamanis gadifageenya sirrii isaa safaruuf garuu sababa karfaffuu laga holqichatti yaa'utiin safaruu hin dandeenye.
Qorattoonni kunneen naannessaa fi ballinni holqa kanaa seenaa holqaa biyya kaanaada keessatti takkaa mul'aee kan hin beeknedha jedhu.
Ms Hickson "seensa holqawwan kanneenii bira dhaabbachuun miira addaa namatti uuma" jechun BBC tti himte.
Qorattoonni kunneen dheerinni holqa kanaa hanga kiloomeetira 2 dheerachuu akka danda'u tilmamaani. Holqa gosa kanaa keessaas isa dheeraadha jedhan.
Ms Hickson, tarkaanfii itti aanu kan keessa holqichaa sirritti qoratu gurmeessaa jiraachuu himte. Hojiin itti aanu kuni cabbie#i, karfaffuu fi bishaan holqichaa dandamatanii hojjechuu kan gaafatu waan ta'eefis hedduun isaa hojii teeknikaati jetti.
Miseensa tuuta qorannoo kana atahanii yeroo jalqabaatif holqa kana daawwachuunis akka badhaasaatti waan ilaalamu ta'uu eerte.
"kuni kan si agarsiisu , akka waan hunda hin beekne, wantoonni hedduun ammayyuu bra hin gahamin akka jiran nama hubachiisa" Ms Hickson













