Oolmaa Dhaddachaa: M/J Kinfee Daanyaw irratti iyyanni yakka dabalataan dhiyaate

Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaaw yeroo mana murtii seenanitti

Poolisiin yakkawwan kanaan dura Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaawirratti dhiyaateen alatti kanneen biroo haarawaa harka keessaa qabu jedhame qorannoodhaan argadhe jedhe mana murtiif dhiyeesse.

Qorannoon yakkawwan haarawaa poolisiin dhiyeessu kunneenis bittaafi gurgurtaa meeshaalee warshaa, manneeniifi hoteela, konkolaataawwan seera bittaatiin ala ta'een walqabata.

Yeroo METEC gaggeessaa turanitti aangoo korporeeshinichaa karaa seeraan ala ta'e fayyadamuudhaan dhaabbileen daldalaafi namoota dhuunfaa waliin waliigaltee bittaafi gurgurtaa seeraan ala taasifameen qabeenyaa mootummaa hedduun qisaasameera.

Sadarkaa bu'aa qorannoo poolisii dhagahuuf Wiixatatti beellamee kan ture Mana Murtii Federaalaa damee Lidataatti dhaddachi yakkaa 10ffaa hanqina yeroorraa kan ka'e galmee Daayirektara Olaanaa METEK duraanii Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaaw fi shakkamaa lammaffaa kan ta'an Obbo Isaayaas Daanyaaw ilaaluuf beellama biraa qabateera.

Komishinii Poolisii Federaalaatti waajjirri qorannoo yakkaa hojiilee guyyoota darbanitti hojjete barreefamaan dhiyeessee jira.

Haa ta'u malee abukaatoon shakkamtootaa "nutis ta'e poolisiin deebii keenya barreefamaan osoo hin taane afaaniin dhiyeesinee wal mormuu qabna" jechuun mana murtichaa gaafataniiru.

Dhaddachis dhaddacha bilisaa waan ta'eef dhaddachuma keessatti afaanin wal mormuu qabna jechuunis abukaatoon M/J Kinfee Daanyaaw fi obboleessa isaanii Isaayaas Daanyaaw dubbataniiru.

Manni murtichaa gama isaatin "barreefamaan yaada dhiyeessuun qaama barreefamaan dhiyeessuf mirga bal'aa kan kennu malee miidhaa hin qabu, seerri barreefamaan mormuu dhorkus hin jiru" jechuun yaada abukaatoo shakkamtootaa kuffiseera.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhimma M/J Kinfee Daanyaaw ilaaluf roobii 05/12/2018 tti beellama qabateera.

Gama biraatin haleellaa boombii waxabajjii 16 fi yakkaa dhiittaa mirga namoomaan shakkamanii to'annoo jala kan oolaniifi hojjetaa tajaajila odeeffannoo fi tika biyyaalessaa kan turan Obbo Tasfaaye Urgees har'a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Manni murtichaa poolisiin ragaalee dabalataa akka qindeeffatuf beellama guyyoota 14 kennuun har'atti beellamuunsaa ni yaadatama.

Bu'aa hojiilee poolisiin guyyoota 14 darbanitti hojjeterratti yaada isaanii akka kennan kan gaafataman Obbo Tasfaaye Urgee "ogeessa seeraa mariisisee deebii akkan laadhuf yeroon naaf yaa kennamu" jechuun gaafataniiru.

Manni murtichaas yaada shakkamaa fudhachuun Roobii iftaaniitti beellama qabateera.

Cheekii sobaatiin birrii miiliyoona 14.7 Daankii Daldala Itoophiyaatii wayita fudhachuuf turetti kan to'atame shakkamaa Gammachuu Caalaas har'a mana murtiitti dhiyaatera.

Beellama yeroo gaafatee kan ture poolisiin hojiilee guyyoota gaafatetti hojjetu waan hin beksisneef tartiiba hojiilee akka dhiyeessu boru ganama sa'aatii 4'tti bellamameera.

Olmaa dhadacha har'aatiin, dhimmi maamila koo abbaa alangaa Federaalaan waan qoratameef poolisiin qorachuuf mirga hin qabu jechuun abukaatoon koloneel Guddataa Olaanaa mana murtiitti iyyatan.

Qorattoota yakkaa sodaachisuuniifi qabeenya karaa seeraan ala ta'een horataniiru jedhamanii to'annoo jala kan oolan Hogganaan Dhimma Nageenyaa Itiyoo-Telekom Koloneel Guddataa Olaanaa abukaatoo ofii qacaratanii mana murtiitti argaman.

Kana dura shakkamaan "qabeenya hin qabu" jedhanii abukaatoon gama mootummaatiin kan ramadameef ta'ullee beellama har'aatin garuu shakkamaan abukaatoo ofii isaanii qacaratanii dhiyaatan.

Komishiniin Poolisii Federaalaatti waajjirri qorannoo yakkaa shakkamaan namoota biroo walin ta'un qabeenya seeraan alaa horachuu isaaniifi qorannoo yakka malaammaltummaa irratti taasifamus gufachiisuu isaanii himuunsaa ni yaadatama.

Poolisiin yakka malaammaltummaa koloneel Guddataan itti shakkaman ilaalchisee qorannoo qabeenyaa akka adeeemsisuuf manni murtichaa yeroo akka kennuuf gaafatee ture.

Manni murtichaas abukaatoon shakkamaa yeroo poolisiin gaafate irratti yaada isaanii akka dhiyeessan gaafatee abukaatoon shakkamaa deebii kennanillee poolisiin gama isaatin "deebiin abukaatoo shakkamaa bal'aa waan ta'ef deebii kana ilaaluuf yeroon naaf yaa kennamu," jedheera.

Wayita kana ture abukaatoon shakkamaa poolisiin mirga maamila isaanii qorachuu akka hin qabne kan dubbatan.

Dhimma koloneel Guddataa Olaanaa ilaalaa kan jiru Mannni Murtii Federaalaa damee Lidataatti dhaddachi yakkaa 10ffaa mormii poolisiifi abukaatoo shakkamaa erga dhagahee booda "yaadni abukaatoon shakkamaa kennan bu'uura seeraa kan hin qabnedha," jechuun deebii poolisii dhagahuuf gaafa 04/12/2018'f beellama qabateera.