Shakkamtoonni malaamaltummaafi mirgoota namaa sarbuun himataman mana murtiitti dhiyaataniiru

M/J Kinfee Daanyaaw
Ibsa waa'ee suuraa, M/J Kinfee Daanyaaw

Dhimmi Meejar Jeneraal Kinfee Daanyawuufi obboleessa isaanii Obbo Isaayyaas Daanyaw Mana Murtii Federaalaa damee Lidataa Dhaddacha Yakkaa 10ffaatti ilaallameera.

Shakkamaan tokkoffaa Daayrektarri Olaanaan Injinariingii Koopireeshinii Sibilaa (MeTEC) duraanii M/J Kinfee Daanyaw akkaataa manni murtichaa beellama darbe irratti murteesseen abukaatoo ofiif qacaratan waliin mana murtichatti dhiyaataniiru.

Abukaatoon M/J Kinfee Daanyaw "poolisoonni maamila koo iddoo qorattoonni poolisii hin jiretti kophaatti akkan haasofsiisuuf naaf hin heyyamamne" jechuun komii isaanii dhiyeefataniiru.

Komishiniin Poolisii Federaalaatti Waajjirri Qorannoo yakkaa gama isaatiin "abukaatoon shakkamaa komii isaanii waqtii sanatti nun beeksifne malee shakkamaa kophaatti akka haasofsiisaniif haala ni mijeesina ture" jedheera.

Kana malees poolisiin "abukaatoon shakkamaa M/J Kinfee tamboo waan xuuxaniif haalli tamboo itti xuuxuu danda'an osoo mijatee jedhanii nu gaafatan malee dhimma kophaa haasofsiisuu nutti hin kaasne ture" jedheera.

Manni murtichaa yaada garee lamaanii erga dhaggeefatee booda shakkamaan abukaatoo isaanii waliin akka mari'ataniif yeroo kennuun M/J Kinfee Daanyaw abukaatoo isaanii waliin dhadachuma keessatti mari'ataaniiru.

M/J Kinfee Daanyaaw abukaatoo isaanii walin erga mari'atanii booda dhimmi isaaniifi kan shakkamaa lammaffaa Obbo Isaayyaas Daanyaaw ilaallamaara.

"Qabeenya hin qabu" jechuun iyyatanii abukaatoon gama mootummaatin ramadameefii kan ture shakkamaa lammaffaa Obbo Isaayyaas Daanyaaw qabeenya qabaachuu isaaniitiif ragaaleen sanadaa waan dhiyaataniif shakkamaan kun abukaatoo ofiif akka qacaratan murtaa'ee jira.

Haaluma kanaan shakkamaan lammaffaa Obbo Isaayyaas Daanyaaw qabeenya maqaa isaaniifi haadha warraa isaaniitin Komishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaatti galmaa'ee mana abbaa darbii tokkoo (G+1) kan birrii miiliyoona lamatti tilmaammame qabu jedhmeera.

Mana viillaa kutaa 6 qabu fi birrii miiliyoona 1.7tti tilmaammame, gamoo waliinii (apartment) kutaa 3 qabu, konkolaataa Toyota Corolla birrii 240,000'tti tilmaamames akka qaban bira gaheera jedha poolisiin.

Konkolaataa 'loader' birrii miiliyoona 1.2'tti tilmaamame, aksiyoona baankii Anbassaa akkasumas baankiwwan Awaash, baankii daldalaa Itoophiyaafi Daashin keessaa ammoo maallaqa guddaa akka qaban komishinii poolisii federaalaatti wajjiirri qorannoo yakkaa ragaalee sanadaa dhiyeessera.

Shakkamaan lammaffaa bara qabeenyi isaanii itti galmaa'e bara 2003'tti baankii daldalaa Itoophiyaa keessaa birrii 40,000 ta'u, baankii Anbassaa birrii 8,000 ol, baankii Daashin birrii 111,000 ol, baankii Awaash immoo birrii 169,000 ol, aksiyoona baankii Anbassaa lakkoofsaan 25 fi tokkoon tokkon isaanii birrii 2,000 baasan akkasumas qusannaa hojjettoota baankii Itiyoo Telekoom birrii 29,000 ta'u akka qaban ragaaleen sanadaa dhiyaatan agarsiisu.

Dabalataan shakkamaan kun wayita gara Ameerikaatti miliquuf jedhanitti buufata xayyaaraatti qabamuun isaanii qabeenya akka qaban kan agarsiisu ta'uusaa poolisiin himeera.

Kana malees komishiniin poolisii federaalaa Obbo Isaayyaas Daanyaaw qabeenya osoo qabanuu "qabeenya hin qabu" jedhanii kakkachuun jecha sobaa kennanif akkasumas dhaddacha dogongorsuufi salphisuu isaaniitiif adabamuu qabu jechuun abbootii seeraa gaafateera.

Manni murtichaas ragaalee sanadaa Komishinii Poolisii Federaalaa dhiyeesse erga ilaaleefi yaada abukaatowwan shakkamaa mootummaan ramadaman erga dhaggeefatee booda Obbo Isaayyaas Daanyaaw abukaatoo ofii qacaratanii dhimma isaanii akka hordofatan ajajeera.

Oolmaa dhaddacha birootiin

Gama biraatin qorattoota yakkaa sodaachisuufi qabeenya karaa seeraan ala ta'een horataniiru jedhamanii kan shakkaman hogganaan dhimma nageenyaa Itiyoo-Telekom kolonel Guddataa Olaanaa Mana Murtii Federaalaa Damee Lidataa Dhaddacha yakkaa 10ffaatti dhiyaataniiru.

Komishiniin Poolisii Federaalaa shakkamaan namoota biroo waliin ta'uun qabeenya seeraan alaa horachuu isaaniifi qorannoo yakka malaammaltummaa irratti taasifamus gufachiisuu isaanii hime.

Poolisiin yakka malaammaltummaa kolonel Guddataan itti shakkaman ilaalchisee qorannoo qabeenyaa akka adeeemsisuuf manni murtichaa yeroo akka kennuf gaafateera.

Manni murtichaas sadaasa 13 bara 2011'f beellama qabateera.

Galmee himata haarawaa Obbo Tasfaayee Urgee irratti...

Haleellaa boombii waxabajii 16 walin walqabatee to'annoo jala kan oolan fi hojjetaa tajaajila odeeffannoo fi tika biyyaalessaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Urgee Nagawoo yakka malaammaltummaa fi dhiittaa mirga namoomaatin shakkamanii galmeen himataa haaraan irratti banamee dhaddacha keessatti argamaniiru.

Iyyatni komishinii poolisii federaalaa shakkamaa Obbo Tasfaayee Urgee " aangoo isaanii karaa seeraan ala ta'en fayyadamuun namoota shororkeessummaan shakkamtaniirtu jechuun manneen hidhaa dhokatoo keessatti akka dararaman gochaa turaniiru" jedha.

Dararaawwan kunneen keessaa namoota qullaa isaanii hidhuun kosii keessatti gatuu fi goondaan akka nyaataman gochuun ni argama.

Kana malees shakkamaan namoota karaa seeraan alaan to'annoo jala oolcherraa maallaqa fudhachaa fi maallaqa biyya alaatii karaa seeraan ala ta'een ergamuufin qabeenya horateera jechuun komishinii poolisii federaalaa irraa Komaandar Birhaanuu Abbaba abbootii seeraatti himaniiru.

Ragaa namootaa akka qindeefatan kan himan komaandarichi ragaalee dabalataa qindeeffachuuf beellama guyyaa 14 gaafataniiru.

Shakkamaa Obbo Tasfaayee Urgee gamasaaniitin "ani aangoo namoota hidhuu hin qabu. Hidhees, reebees hin beeku" jedhaniiru.

Dhimmi qabeenyaas dhimma himatuma hundeessuf jedhamee dhiyaate malee qabeenya seeraan alaa akka hin horanne dubbataniiru.

Yaada garre lamaanii kan dhaggeefate manni murtichaa sadaasa 24 bara 2011'f beellama qabateera.