'METEC meeshaa waraanaa seeraan ala daldaluu hin oolle'

METEC LOGO

Madda suuraa, METEC/Facebook

Korporeeshiniin Sibiilaafi Injinariingii METEC meeshaa waraanaa seeraan alaa daldaluu akka hin oolle dokumentariin haaraan yakkawwan gurguddoo korporeeshinichi raawwate saaxiluuf hojjetame jedhame mul'ise.

TV biyyaalessaa kan ta'e ETV dabalatee OBN, Fana TV fi miidiyaalee biyya keessaa mootummaan hidhata qaban irratti kan tamsa'e dokumentariin kun yakkoota gurguddoo korporeeshinichi hojjete keessa daldalli meeshaa waraanaa seeraan alaa jiraachuu akka hin oolle mul'isa.

Dokumeentaricha irratti adda durummaan yaada kan kennan Jabuutiitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa duraanii Suleemaan Daddafoo, korporeeshinichi dooniiwwan dullooman dhaabbata dooniiwwanii Itoophiyaa irraa bite lama fayyadamuun Iraan irraa gara Somaaliyaa meeshaa waraanaa seeran ala daldalaa turuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi A.L.I bara 2008 dooniiwwan waggoota dheeraaf tajaajilan kanneen diigee sibila isaanii faayidaa biraa irra oolchuuf jecha bitullee, maallaqa guddaa itti baasuun erga haaromsee booda gara daldala seeraan alaatti galchuu dubbatu Ambaasaaddar Suleemaan.

Kunis biyyattii baasii guddaaf saaxiluu bira darbee maqaa gaarii biyyattii waan miidhuuf furmaata argachuu qaba jedhanii Ministeera Haajaa Alaa fi dhaabbilee mootummaa adda addaatti xalayaa barreessanillee deebii akka dhaban dubbatu.

Xalayaan Ambaasaaddar Suleemaan bara 2008 barreessan marsaalee hawaasaa irratti namoonni hedduun waliif qoodaa jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dokumentariin kun direektarri olaanaa METEC Meejar Jeneraal Kinfee Daanyew osoo biyyaa baqachuuf yaalaa jiranii erga qabamanii booda kan gadi dhiifame.

Qabeenya birrii biliyoonaan lakkaa'amu kan sochoosu METEC yakka malaammaltumma gurguddaa raawwachuu isaa Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa Wiixata darbe kenneen beeksisee jira.

Ibsa kanaan korporeeshinichi caal baasii malee doolaara biliyoonaa lamaa oliin biyya alaatii baasii raawwachuun eeramee jira.

Korporeeshinichi seeran ala xiyyaarota shan bituufi, afran isaanii rakkoo teeknikaatiin dhaabatanii kan jiran yoo ta'u tokko ammoo direektarri olaanaa korporeeshinichaa dhunfaan itti fayyadamaa turuus himamee jira.

Korporeeshinichi kana malees ijaarsa piroojektiiwwan akka hidha haaromsaafi warshaalee sukkaaraan wal qabatee yakkawwan biroon kan himatame yoo ta'u aanga'oonni korporeeshinichaa 27 to'annoo jala oolfamanii jiru.