Moodriich olaantummaa Meesiifi Roonaaldootti daangaa tolche

Luukaa Moodriich

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara gidduu Riyaal Maadriidiifi Kirooshiyaa Lukaa Moodriich taphataa kubbaa miila cimaa bara kanaa ta'uun badhaasa Baalendoor injifachuun olaantummaa Meesiifi Roondaaldo waggoota 10'f turetti daangaa tolche

Taphataan ganna 33 Moodriich, waancaa chaampiyoonsi liigii sadii walitti aansee mo'ateera, Krooshiyaas xumura waancaa addunyaan gaheera.

Meesiif i Roonaaldoon alatti taphaata Braaziilifi AC Miilaan duraanii Kaakaatu badhaasa kana bara 2007 tti injifate.

Jijjiirraa taphattootaa ganna darbeen Riyaal Maadriid irraa Juveentusitti kan makame Roonaaldoon sadarkaa lammaffaa argateera.

Moodriich bara kana taphataa cimaa kubbaa miilaa Fiifaas gama dhiiraan injifateera. Taphataa cimaa waancaa addunyaas jedhamuun kubbaa warqee badhaafameera.

Badhaas argateen booda Moodriich BBC'tti wayita dubbatu, badhaasichi yaadannoo taphattoota ciccimoo waggoota 10 darbaniif gaaddiidduu Meesiifi Roonaaldoo calattii dhokataniif haa ta'u jedheera.

''Tarii yeroo darbe keessa taphattootni badhasni kun maluuf kan akka Zhaavii, Ineeshtaa ykn Shinaaydeer fa'aa turan . Amma garuu nama kan biraa argineerras'' jedhe.

Barri kun anaaf bara addaatis jechuun dubbateera.

''Miira natti dhagaahamu jechaan ibsuun natti ulfaata. waan addaati.''

Moodriich Roonaaldoo fi Meesiin taphaattoo taatee jedhamuun ibsamaniidha jedhee, barana mo'achuun koo waan addaa hojjedheera jechuudha barichi bara kootis jedhe.

Eenyfaatu ciccimoo 10 ta'e?

1. Lukaa Moodriich ( Riyaal Maadriidifi Krooshiyaa

2. Kriistiyaanoo Roonaaldoo ( Juveentuusifi Poortugaal)

3. Antooniyoo Grizman(atleetikoo Maadriidifi Fraans)

4. Keeyleen Mappee( Paarisent Germeen fi Fraans)

5. Liiyooneel Meesii( Baarseloonaa fi Ispeen)

6. Mohammad Saalaa (Liveerpuuliifi Masrii)

7. Rafa'eel Varanii (Riyaal Maadridiifi Fraans)

8. Edeen Haazaard( Cheelsiifi fi Beeljiyeem)

9. Keevin Debruuyan(Maanchistar Siitii fi Beeljiyeem)

10. Haarii Keen ( Tootenhaamiifi Inglaand)