Filannaa FIFA: Luukaa Moodirichiifi Maartaataan milkaa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan lammii Kirooshiyaafi garee kubbaa miilaa Riyaal Maadiriidiif taphatuufi ganna 33 ta'e Luukaa Moodirich badhaasa taphataa cimaa bara kanaa kan FIFA mo'ateera.
Goota hin faarfamiin jedhamuudhaan kan beekamu Luukaa Moodiriich kan dhiyeenya kana garee Juuventuusitti makame Kiristaanoo Ronaaldoofi taphataa sarara duraa Luuverpuul Mohaammed Saalahaa waliin ture warra dhumaa sadan keessa galuu kan danda'e.
Moodiriich garee isaa Riyaal Maadiriid waliin Shaampiyoonii Awurooppaa sadii walitti aansuudhaan kan mo'ate yommuu ta'u, garee biyyasaa Kirooshiyaa waliin ammoo Waancaa addunyaaarraatti tapha dhumaarra ga'ee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoota kubbaa miilaa dubartootaan ammoo badhaasa FIFA kanaaf akka addunyaatti tokkoffaa kan taate lammii Biraazil Maartaadha. Maartaan taphattuu sarara fuula duraa kan taate Horlaandoo Piraayid mo'achuudhaan badhaafamte. Taphattuun sarara fuula duraa Biraazil kun umuriin ishee yeroo ammaa ganna 32 yommuu taatu badhaasa kana yeroo ja'affaatiif mo'achuu dandeesseetti.
Badhaasa jalqabaa kan argatte bara 2006'tti ture.
Leenjisaan biyyaa Waancaa Addunyaa darbe mo'atte kan Faransaay kan ta'e Diidiyee Deshoo leenjisaa kan dhiiraa filatamaa ta'uun FIFA'n filatameera.
Taphataan sarara fuula duraa garee Ijjibtiifi kilaba Liiverpuul kan ta'e Mohaammed Saalhan goolii ajaa'ibaa dirree Anfiildi irratti Everteen irratti lakkoofsiseen badhaas Pushkaash argateera.













