Kubbaa Miilaa 2018: Dhimmoota 7 beekuu qabdan

Promo image for the World Cup in charts story

Dhuguma Jarmaniin hagas mara rukuttaa penaalitiin gaariidhaa? Dirree ofiirratti tabachuun hangam bu'aa qaba kan jedhuufi Xabataa sarara ittisaa Meksikoo kamituu Kirisitiyaanoo Ronaaldoo waliin qabxii Kubbaa Miilaa Addunyaa walqixa ta'e qaba?

Akkuma kubbaan miillaa Addunyaa gahaa adeemuun gaaffiiwwan kanneeniifi kan birootiif deebii arganna.

1. Kubbaa Miilaa Addunyaa eenyu fa'itu mo'ata?

Yoo geebii addunyaa ka'u hundayyuu Biraazil waancaan shaniin dursaan kaafamti. kan dhumaa kan mpo'atanis bara 2002. Isaanis bara 2014 tti ammoo keessumeessaniiru. Garuu dirreedhuma isaani irratti 7-1 xumura wallakkaa irratti mo'atamuun keessaaa hafaniiru.

Hanga ammaatti waancaa addunyaa biyyoota Awuroppaafi Laatiin Ameerikaa alatti kan mo'ate hinjiru. Mo'annaan xabawwan xumuraa sadan darbaniin Jarmanii, Ispeen fi Xaaliyaanii waliin Aworppaan mo'annaa si'a 11n kan dursu yoo ta'y, Laatiin Ameericaan si'a 9 mo'atan.

Brazil have won the World Cup five times, with Italy and Germany close behind on four

2. Gooliiwwan hedduu eenyutu lakkoofsise?

Maashina goolii Jarman kan jedhamu Mirooslaav Kiloos gooliiwwan 16 Waancaawwan Addunyaa afur dursaa jira. Bara 2016'tti soorama ba'ellee bara kana garee isaa waliin ta'uudhaanis gara Raashiyaa deema.

Biraazilirraa Ronaaldoon gooliiwwan 15 sadarkaa lammaffaarratti argama. Gooliiwwan isaa keessaa saddetan isaaniis Wancaa adunyaa bara 2002 irratti lakkoofsise.

Miroslav Klose is the top scorer in World Cup history with 16 goals, ahead of the likes of Pele, Gerd Muller and Gary Lineker

Taphataan Firaansi Foontaayin tapha waancaa tokkorratti gooliiwwan ol-aanaa galmessisuun dursaa jira. Waancaa Addunyaa bara 1958 irratti gooliiwwan 13 lakkoofsisuu danda'eera.

3. Taphattoonni yeroo ammaa keesaa hoo?

Taphattoota gooliiwwan 10 ykn isaa ol Waancaa Addunyaarratti lakkooofsisan keessaa, taphataan sarara gidduu Jarman Toomaas Muler akka taphataa tokkootti gara Raashiyaa deemaa jira.

Ol aantummaa taphataa biyyuma isaa kan ta'e Kiloosiin qabatamee jiru waliin tarree tokkorra ta'uudhaaf, Muler tapha tokkorratti gooliiwwan shan inni lakkoofsise mo'achuu qaba.

Taphataan sarara fuula duraa Kolombiyaa Jaamsi Roodiriigeez yeroo darbe Bottii Warqee mo'ateera. Kana bara kana dabalee jennaan tarree waarra akka adunyaatti filatamoo isa teesisa.

Thomas Muller leads the list of World Cup scorers that are still playing, ahead of the likes of Messi, Suarez and Cristiano Ronaldo, whose record equals that of Mexican defender Rafael Marquez

Taphataan garee ittisaa galmeerra jiru umuriin isaa ganna 39 ta'e Raafaa'el Markuuz, Kiristaanoo Roodaaldoo waliin waliqixa lakkoofsisuun Mesiikoodhaaf yeroo shanaffaatiif Wancaa Addunyaarratti hirmaachuuf deema.

4. Gareewwan yaalii goolii dur taasisaa turan agarsiisaa hin jiran

Erga bara 1966 daataa ogeessi kubbaa miilaa Optaan galmeesseen asitti Waancaan Addunyaa kan yeroo darbee yaaliin gooliin tokkoo tokkoo taphaarratti taasifameen isa gadi aanaa ta'ee galmaa'eera.

Kun kana ta'ee osoo jiruu, tokkoo tokkoo taphawwan Waancaa Addunyaa bara 2014 irratti giddu galeessaan yaaliin goolii 2.7 taasifame erga kan bara 1982 Ispeen ol aanaa taasifteen asitti inni kun isa jalqabati.

Yaaliwwan gooliin taasifaman hir'achaa kan deeman fakkaata. Kanaaf fakkeenyi gaariin kan xumura Waancaa Addunyaa isa darberratti tureefi isa bara jalqabaa irratti Optaan galmeessee tureefi - Ingilaandi irratti mo'atte bara 1966 walbira qabanii dorgpomsiisuun ni danda'ama.

Six countries - Uruguay, Italy, England, France, Germany and Argentina - have won the trophy as hosts. Only Brazil and Spain have performed more poorly when they were hosting

Xumura kan bara 1966 irratti yaaliiwwan goolii walakkaa dirreerraa taasifaman kan diree peenaaliitii keessaa taasifaman dachaa caalu. Kun garuu yaaliiwwan goolii 20 tapha xumuraa bara 2014 irratti taasifaman keessaa baayeen isaanii yaaliiwwan peenaaliitii keessaa kan galmaa'anidha.

5. Ingilaandi carraaqqii ni taasifti garuu piriimer liigiiti caalaa gurra hin qabuuf

Mo'annaa bara 1966 tiin booda, Ingilaandi si'a takkaa qofaa ture kan nuusa xumuraaf ga'uu dandeesse. Kun garuu biyyoota baayyee garee kubbaa miilaa isaanii taphattoota piriimer liigii Ingilaandi keessa taphataniin guuttachuu isaan hin dhowwine.

Taphattoota babakkalcha gurguddoo akka Leerooyii Saanee, Maarqoos Aloonsoofi Daaviid Liwiiz manatti hafaniiru, ammallee piriimer liigiin kamirraayyu taphattoota caalaa dhiyeessaa jira.

Liigiiwwan gurguddoo Ingilaandi sadan keessaa taphattoota 130 ta'anitu Waancaa Addunyaatiif kan galmaa'an yommuu ta'u, kun taphattoota 81 Ispeeniraafi taphattotaa 67 Jarmanirraa galmaa'an waliin yeroo ilaalamu Ingilaandi hedduu akka gumaachitu agarsiisa.

Kana malees Ingilaandi biyya taphattoonni ishee 23 hundi isaanii liigii tokko keessaa ta'anidha. Siwiidiniifi Senegaal garuu faallaa kanaatiin jiru. Biyyoonni kun lamaan taphattoota liigii biyya isaanii keessaa ta'e tokkollee kan hin qabnedha.

6. Biyyoonni qopheessan raawwii attamii agarsiisu?

Biraazil keessatti namni yeroo biyyattiin Waancaa Addunyaa qopheessite lamaan yaadachuu barbaadu hin jiru. Biyya ollaa xiqqoo Uruguwaayiin bara 1950 mo'amuuniifi bara 2014 kan qopheessiter irratti 7-1'n Jarmaniin mo'amuun qaanii guddaa akka biyyaatti isheerra ga'edha.

Biyyoonni baayyeen yeroo biyya keeessatti xabatan deggersa biyya keessaa argatan cimina agarsiisu. Raashiyaan carraa kana fayyadamtee biyyoota gareeshee keessa ta'an Uruguwaay, Misiriifi Saawuud Arabiyaa waliin xabachuun gara itti aaanutti dabarti jedhamee eegama.

Yoo kana hojjetan, Afirkaan Kibbaa biyya ofiin qopheessitee marsaa duraatti tapha keessaa baate taati.

Six countries - Uruguay, Italy, England, France, Germany and Argentina - have won the trophy as hosts. Only Brazil and Spain have performed more poorly when they were hosting

7. Peenaalitii Kanfaluu

Gabaasni Waancaa Addunyaa peenaaliitiidhaan hin xumuramiin guutuu hin ta'u.

Tapha peenaaliitiitiin Jarman Waancaa Addunyaa tokkorraa qofa dhabde; kan marsaa afuriif irra ga'an hunda mo'ataniiru. Erga bara 1982 irraa walitti aansuudhaan gooliiwwan 15 lakkoofsisuun dursaa jiru.

Kan baayyee nama ajaa'ibu ammoo, Ingildaani seenaa peenaaliitii rukkuttaa keessatti tokkollee osoo keessaa hin mo'atiin taphoota sadiirratti mo'amuun garee dhumaa Waancaa Addunyaati.

Xaaliyaanis yeroo sadiitiif gara jabinaan kan xumura bara 1994 taphataan beekama biyya isaanii Roobertoo Baajiyoo kubbaa mataa muka gooliirra qaxxaamurse dabalatee addabbii peenaaliitiitiin tapha keeessaa ba'aniiru. Garuu xumura kan bara 2006 Xaaliyaan Firansiin ittiin mo'ate madaa isaanii kan dhinsiteef fakkaatti.

Germany are the best side at penalty shootouts. They have won four without loss. England have lost all three shootouts they've been in

Mala ittiin ragaan guurame

'Garee dirree ofiirratti taphataniif carraan qabxii ol aanaa argachuu ni jira' ragaan giraafikisii Fifa irraa nuti fudhatame taphni xumuraa dirqama adda baasuuf taasifamu saatiin dhumee gara peenaaliitiitti ce'a akka walqixa ta'eetti lakkaa'ama; yoo yeroo dabalame keessatti lakkaa'ame ammoo akka mo'achuufi mo'amuutti lakkaa'ama.

Giraafikii 'dandeettii biyyaa argamaniif' biyyoota 11 taphattoota garee biyya isaanii keessatti taphatan keessaa argaman itti makneerra. Gareen taphattoonni waliin hariiraa qaban/keessa taphatan tarreeffama waajira Fifa irraa fudhatame.