Maayik Soonkoo: Ka'umsaafi kufaatii bulchaa duraanii magaalaa Naayiroobii

Madda suuraa, AFP
Bulchaan duraanii magaalaa Naayiroobii, Maayik Soonkoo, haala hin eegamneen kabaja qaba ture dhabuu qofa osoo hin taane, maallaqa seeraan ala daddabarsuufi shororkeessummaa dabalatee himannaawwan yakkaa ciccimoo irratti dhiyaataniiru.
Ofii Maayik Soonkoo eenyu? Haala attamiin qondaaltoota siyaasaa Keeniyaa jajjaboo keessaa tokko ta'uu danda'e?

Jireenya qananii, uffata addaafi faayaa gati jebeessa godhachuun kan beekamu Gidiyoon Mbuvi Kiyooko, boodarra maqaa masoo Maayik Soonkoo jedhamu argate.
Hiikkaan maqaasaa kunis afaan Swaahiliin, nama sooreessa jechuudha. Maqaan kunis kan kennameef erga deeggartoota isaa Naayiroobii kan manadaroota namoonni jireenya gadaanaa keessaaf ifatti maallaqa hireefiin booda ture.
Osoo siyaasatti makamuun maqaa kana hin argatiin dura, bara 1990moota keessa dhimma lafaatiin walqabatee hidhamee ture.
Eegdoota mana hidhaatiif [matta'aa] kennuun mana hidhaatii bahee badulleen, qabamuun akka deebi'u taasifamee ture.
Erga mana hidhaatii gadhiifamee booda ammoo daldala cimaa kan akka dhaabbata konkolaataa magaalaa (mataatuu), kaampaanii riil isteetiifi manneen shubbisa alkanii (night club) Naayiroobii keessatti eegalee gaggeessa ture. Achiin maallaqa argannaan gara siyaasaatti makame.
Maayik Soonkoon umurii waggaa 35tti bara 2010 keessa miseensa mana maree ta'e. Namni kun bara 2017tti bulchaa Naayiroobii osoo hin ta'iin waggaa sadiin duras seenaatara ta'ee ture.
Gama barnootaatiin hanga sadarkaa lammaffaa qofaatti kan barate ta'ulleen, magaalattii ni jijjira jedhamuun hedduu abdatamee ture.
Akkaataa duraan barameen alatti karaa mataa isaa rakkoo magaalattiin qabdu hubachuun furmaata fiduu mala jedhamaa ture.
Namoota dandeettii isaa shakkan amansiisuun karoora guddaa magaalattii jijjiiruuf qabate hojiirra oolchuudhaaf hogganaa kaampaanii boba'aa kan ture bulchaa itti-aanaa godhatee ture.
Uffata dambii loltootaa
Soonkoon akkuma guddinni isaa ajaa'iba ture kufaatiin isaas akkasuma kan nama raaju ture. Muddee darbee keessa naamusaa badaafi aangoo akka hin malleen itti fayyadamuutiin akka buqqifamuuf himanni irratti baname.
Akkasumas, himannaawwan malaamaltummaa, doorsisaafi hidhata yakka shororkeessummaa jedhan mana murtiitti irratti dhiyaatan. Inni garuu himannaa irratti dhiyaatan hundumaa haaleera.
Kana malees, kontiraatota haala idilee ta'een ala hiriyoota isaatiif kennuun maallaqni shilingii miliyoon 300 akaawuntii dhunfaa isaa keessatti argameera jedhamunis himatameera.
Dhiheenya kana ammoo milishaa mindeessuufi hidhachiisuun, uffata dambii gareewwan shororkeessitootaa waliin wal fakkaatu bituufi sochiilee shororkeessummaatiif deeggarsa taasisu jedhamee himatameera.
Uffanni loltuu guutuun inniifi eegduun dhuunfaa isaa walgahii ummataa irratti uffatanii turan, kan inni booda fuulawwan midiyaa hawaasaa irratti maxxansees dhimmoota isarratti dhiyaatan keessatti argamu.

Madda suuraa, DCI/Court document
Soonkoon yoom mana murtiitti akka dhiyaatu beekamuu baatulleen, himannaawwan irratti dhiyaataa jiran kaan kan bara 2019 raawwataman jedhamaniidha.
Inniifi deeggartoonni isaa garuu himannaawwan kunneen kaayyoo siyaasaa kan qabaniif isa soodaachisuuf kan raawwatame jedhu.
Walitti dhufeenyi inni warra aangoorra jiru waliin qabus gaarii hin turre.
'Pirezidaantichi sagalee guddiisuu irratti'
Bara 2014 keessa Naayiroobiitti wayita aanga'oonni biyyaaleessaa manneen jireenyaa lafa mootummaa irratti ijaaraman jedhan diiguuf buldozarii erganitti, yeroo sana Senaatara kan ture Soonkoon fiigee bakka sanatti argame.

Madda suuraa, AFP
Namoonni muraasni wayita qabeenyaan isaanii dachiitti makamu abdii kutannaan ilaalaa turan.
Soonkoon sagalee guddiiftuu irra kaa'uun, Pirezidaantii Uhuruu Keenyaataaf bilbila bilbiluun, akkas jedheen: ''Kabajamoo pirezidaantiin as Baalozii keessatti manneen shilingii biiliyoonoota baasan diigamaa jiru,'' jedhe.
Baaloziin kutaa bulchiinsaa tokko Naayiroobii keessatti argamudha.
Pirezidaantichis, ''Eenyuutuu diigaa jraa?'' jechuun gaafatan.
"Ministira qonnaati... Waajjira isaatti xalayaa barreessee innis akka kana hin raawwanne naaf mirkaneessee ture. Innis amma asi jira garuu manneen diigamaa jiru," jedhe Soonkoon deebiise.
Pirezidaantichis nan dhaabsiisa jedhe. Namoonni walitti qabamanii turanis gammachuun wacan.
Yeroo gabaabduun booda ministirichis hanga waldhabdeen laficharraa hiikamuutti diiguu akka dhaabsiisuuf ajaja fudhate.
''Pirezidaantichi hiriyyaa kiyya. Waanan isatti amantaa qabuufan sagalee guddiftuu irra isa kaa'e. Inni addunyaarratti pirezidaantii akka salphaan argamuudha,'' jedhe Soonkoon.
Dhiibbaafi aanga'oota akka salphaatti waan argatuuf Soonkoon gara waggoota shaniif siyaasa keessa ture.
'Ani duraan yakkamaafi hidhamaan ture'
Soonkoon imalasaa siyaasaa bara 2010 wayita paarlaamaaf dorgomeetti eegale.
Siyaasa keessatti qaamaan beekamu baatulleen, waan sooreessaafi uffata faayame uffatuuf, akkasumas maallaqasaa dhangalaasuuf haaluma salphaan filannicha mo'ate.

Madda suuraa, AFP
Haata'u malee, Mr Soonkoo amaloota naamuusaan ala ta'an agarsiisuuf yeroo baayyee qeeqamaa turan.
Bara 2011tti, akka miseensa mana maree haaraatti lootii gurraafi manatsarii kaawwachuusaatti paarlaamaadhaa baafamee ture. Yeroo sana, "Ani kanaan bakka bu'e dargaggoota na filatanidha," jechuun BBCtti himee ture.
Fiixaan bahuu baatulleen dambii uffannaa paarlaamaa geeddaruuf akka qabsaa'u dhaadates ture.
Sochiiwwan akka miseensa paarlaamaatti taasisuun alattis, yeroo tokko tokko haasaa dhunfaa isaa waraabuun midiyaa hawaasaa isaarratti maxansaa ture. Kanaanis maqaa ''artistii waraabbii'' jedhu argateera.
Wayita weerarri koronaavaayirasii Keeniyaa galeettis, namoota harka qalleeyyii Naayiroobii keessa jiraataniif deeggarsa nyaataa kenneera. Dabalataan ammoo qaruuraawwan dhugaatii 'Hennessy cognac' waliin hiruu isaatiifis qeeqamee ture.
''Alkooliin koronaavaayirasii ajjeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu waanan amaneef,'' jedhe. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammoo dhugaatiin alkoolii sirna dandamannaa akka dadhabsiisuu akeekachiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Akkasumas galmeen yakkaa duraa isaa dhimma amanamummaa isaarratti goodaannisa qabaachuu namoonni ni kaasu.
Bara 2011tti Koreen Buulchiinsa Haqa Keenyaa, waajjirri komiiwwan dhaabbileefi waajjiraalee ummataa qoratu, Soonkoo namoota siyaasaa rakkina amanamummaa qabuu jedhan keessatti ka'ee ture.
Haata'u malee, Mr Soonkoon kana hin fudhanne.
''Qeeqxoonni kiyya akka yakkamaatti na ilaalu... eeyyeen duraan hidhamaafi yakkamaan ture. Har'a garuu bulchaa magaalaa guddoo kanaati,'' jedhe bara 2019tti.
'Magaalattii gaggeessuu hin dandenye'
Mr Soonkoon bara 2017tti wayita aangoo qabate, magaalattiin gonkumaa akka duraan turtetti hin haftu jechuun waadaa galee ture.
''Jiraattoota keenya hundaaf tajaajilawwan yeroofi gahumsa qabu mirkanneessuuf alkanii guyyaa nan hoijjadha,'' jedhe.

Haata'u malee, ammalliifi naamusa inni agarsiisu, akkasumas haalli adeemsa hoggansaa isaa qondaaltoota magaalattii hedduun itti fufiinsaan akka hojii gadhiisan taasise.
''Soonkoon attamiin akka caasaa idilee mootummaa itti hogganan hin beeku. Haaluma diraamaa ittiin dhufeen deebiyee gadhiisaa jira,'' jedhan miseensi mana maree Isaaq Mwaawuraa booda keessa.
Soonkoon bulchaa ta'ee hojiiwwan kaawuntii hanga tokko mootummaa biyyaaleessaatti dabarsee ture. Haata'u malee, tibba waliigalteen kun mallatteeffamuutti mana murtii akka waajjira hin senee dhorkuuf ajaja itti baasee ture. Kana malees, haangoorraa kaasuuf himannaa irratti dhiyeessuuf dhaadatee ture.
Mr Soonkoon jalqabarratti aangowwan isaa muraasa fedhii isaatiin dabarsee kennuullee deebiisee argachuuf garuu yeroo baay'ee wal lolaa ture.

Madda suuraa, AFP
Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataa bulchaan magaalaa kun bulchuu dadhabnaan gargaaraan kennameef jedhan.
''Hiriyaaa kiyyaa Soonkoo gargaarsa yoo barbaaddee nama si gargaaru siifan arga ittiin jedheera. Garuu inni waa'ee hojiiwwan hojjadheera jedhe akka ittisaafi maqaa of guddiisuutti kaasuu irratti xiyyeeffate,'' jedhan.
Kana malees, sababii dadhabiinsa hojii isaatiifi adeemsa oggansa yakkamaa inni hordofuufan anatu Soonkoon akka kaafamu yaada dhiyeesse jedhan.
Kunis kanneen bulchiinsa Soonkootti amananiifi jijjirama qabatamaa eegaa turaniif waan aarsuudha.
Innis tajaajilawwan fooyya'oo kan akka lafa mootummaa fudhataman deebiisiisuufi daandiiwwan ijaarsiisuu waadaa galee ture.
Haata'u malee, itti-gaafatamummaan isaa sun hudni hafuun, himannaawwan fuldurasaa jiran hedduuf qophaa'uuf yeroo heddu qaba.














