Kooriyaa hanga Koongoo: Dubartii Oromoo loltoota Ameerikaa du'arraa oolchite - Aster Ayyaanaa
![Sr. Aster Ayyaanaa [bitaa gara mirgaatti sadaffaa irra kan jirtu]1960 UN jalatti nagaa kabchiisuuf Koongootti yeroo ergamte.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/a04f/live/036f7ab0-6326-11f0-af20-030418be2ca5.jpg.webp)
Madda suuraa, UN/ Archive
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Kaappiteen Aster Ayyaanaa Likkaasaa jedhamti. Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna Galaanarraa US, Humna Lafoo US, Humna Qilleensaa fi Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa badhaasa addaa argateetti.
Bara 1950'moota keessa ammoo loltoota Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf UN jalatti gara Kooriyaatti ergaman keessaa Aster Ayyaanaa tokko turte.
Tajaajila fayyaa Kooriyaa fi Jaappaanitti kenniteen gahumsa guddaa agarsiifteef mootummaa Kooriyaa irraa badhaasa addaa argateetti.
Gahumsa ergama nagaa kabachiisaa Kooriyaa fi Koongootti gumaachiteefi gootummaa agarsiifteefis Aster Ayyaanaa UN irraa beekkamtii fi badhaasa addaa argateetti.
Garuu Gootittiin addunyaa irratti akkas faarfamtee garuu seenaanshee uummata biyyashee biratti hedduu hin beekamne Kaappiteen Sr. Aster Ayyaanaa eenyu? Eessaa kaatee eessa geesse?
Wallaggaa hanga Kooriyaa fi Jaappaan
Bara 1950 fi 1960 keessa yeroo barnoonni ammayyaa hedduu biyyoota Afrikaa keessatti hin babal'annetti dubartoonni Itoophiyaa muraasni waltajjii addunyaa irratti guca tahanii bahanii turan.
Dubartoota kanneen keessaa kan akka Ayyalech Mashashaa, Raabiyaa Abdulkadir, Meerii Taaddasaa fi Yoodit Immiruu fa'aa paarlaamaa, bulchiinsa biyyaafi dippolomaasii keessatti sadarkaa olaanaatti hirmaachuun kanneen fakkeenya guddaa tahanidha.
Kanaaf ammoo manni Barumsaa Imperes Manan magaala Finfinneetti argamu shoora olaanaa bahachuu Ahimed Hasan Omar, Yuunvarsiitii Finfinnee irraa waraqaa qorannoo seenaa Aster Ayyaanaa jedhuun bareessee keessatti eereera.
Odeessa kanan har'a kan isiniif dhiyeessinu ammoo waa'ee dubartii Itoophiyaa irra darbitee sadarkaa idil-addunyaatti hojii gootummaa hojjettee waa'ee Aster Ayyaanaati.
Aster Ayyaanaa, Wallagga Bahaa naannoo magaala Naqamtee ganda Tinfaa jedhamutti dhalattee guddatte.
Abbaanshee bulchaa naannoo sanaa tahuu qofa osoo hin taane yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruun hanga Lixa biyyattiitti galte Raas Immiruu fa'aa waliin hanga Iluu Abbaa Booraa magaala Goreetti imaluun loluun lolchiisaa akka turan eeru qorataa Ahimed Hasan.
Ittaanaa Barreessaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaane Yesus kan tahan Lubni Fiqaaduu Beenyaa waa'ee Aster Ayyaanaa fi maatiishee irratti qorannoo waggoota kudhanii gaggeessaa turuu BBC'tti himan.
Abbaan ishee Giraazmaach Ayyaanaa Likkaasaa nama beekamaa fi qabeenya guddaas qaban akka turan Luba Fiqaaduu Beenyaa BBC'tti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aster Ayyaanaa mana barumsaa Makane Yesus Naqamteetti sadarkaa tokkoffaa baratte jedhan Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Abbaanshee achitti hanbisuu waan hin barbaanneef gara magaala Finfinneetti erguun barumsashee sadarkaa lammaffaa mana barumsaa Imperes Mananitti akka baratte ammoo Ahimed Hasan qorannoo isaanii keessatti ibsaniiru.
Dubartoota sagal al takkaa kutaa 12 xumuruun qormaata fudhatanii qabxii gaarii galmeessan keessaa Aster Ayyaanaa ishee tokko turte.
Kun bara 1949 yoo tahu, qabxii gaarii galmeessuun salgan isaanii Yuunvarsiitii Narsiingii Waldaa Qaxxaamura Diimaa kan yeroo sana Yuunvarsiitii Kolleejjii Addis Ababaa jedhamu keessatti kennamu galan.
Akkuma barnoota narsiingii jalqabaniin waraanni Kooriyaa bara 1950 ka'e. Aster Ayyaanaa fi hiriyyoonni ishee hafan saddettanu walumaan barnoota narsiingii galan. Egaan Aster waggaa afur barachuun bara 1953 eebbifamte.
Barreessaa olaanaan UN yeroo sanaa, Haayilesillaaseen loltoota isaanii erguun Kooriyaa keessatti nagaa kabachiisuun akka gargaaraniif gaafachuu Ahimed Hasan barreessaniiru.
Haayilesillaaseen humna jabaa yeroo sana qaban keessaa filuun kutaa /Garee waraanaa shan hundeessan. Garee waraanaa kanneen marsaa shanitti hiruun duraa duubaan gara Kooriyaatti ergaa turan.
Marsaa jalqabaa lamaan keessatti hakiimni tokkollee akka yaala isaaniif kennuuf loltoota Itoophiyaa waliin hin ergamne.
Marsaa sadaffaa erguuf yeroo jedhan Waldaan Qaxxaamura Diimaa maqaa Aster Ayyaanaa fi hiriyyaa ishee Birqinash Kabbadaa dabaluun kenneefii jedhu Ahimed Hasan.
Lubni Fiqaaduu Beenyaa ammoo Aster qabxii guddaan waan xumurteef namoota filamanii gara Kooriyaatti humna waraanaa Itoophiyaa waliin ergaman keessaa Aster ishee tokkodha jedhan.
Bara 1953 leenjii loltummaa torban sadiif Jaan Meedaatti fudhachuun gulantaan Itti Aanaa Leetinaanti jedhu kennamuufiin ergamichatti makaman jedha ragaaleen arganne.
Aster Ayyaanaa loltoota ishee waliin ramadaman waliin Finfinnee irraa ka'uun Dirree Dhawaa dhaqabde. Achii ammoo baaburaan yeroo sana faransaayiin qabamtee kan turte buufata Jibuutii dhaqaban.
Jibuutii yeroo dhaqaban doonii waraanaa Ameerikaa Jeneeraal Bilaachfoordi jedhamu yaabuun gara Kooriyaatti imalan jedhan Ahimed Hasan seenaa barreessan keessatti.
Hundi isaanii dargaggoota jalqaba waggaa 20 keessa jiraniidha. Imala ji'a sadii booda Kooriyaa gahuun UN jalatti tajaajila isaanii jalqaban.
Aster Ayyaanaa Kooriyaatti tajaajila fayyaa loltoota ergamicha keessatti ramadamaniif kennuun gahumsa guddaa agarsiifteen dinqisiifamaa turte jedha barreeffamoonni waa'ee isheerratti kuusaa UN fi kaan irraa arganne.

Madda suuraa, Ahimed Hasan/ Research
Aster Ayyaanaa Kooriyaa keessatti qofa osoo hin taane hanga Jaappaanitti fulla'uun hospitaalota waraanaa biyyattii keessatti tajaajila fayyaa gurguddaa kenniteetti jedhan Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Ahimed Hasan barreeffama isaanii keessatti Aster Ayyaanaa akkuma Kooriyaa bakka Puusan jedhamu gahaniin bakka awwaalcha loltoota Itoophiyaa waraana irratti du'anii deemuun habaaboo kaa'an.
Aster Ayyaanaa fi hiriyyaan ishee Birqinash Kabbadaa ji'oota sadiif erga Kooriyaa keessa tajaajilanii, Jaappaan Tookiyoo deemuun loltoota Itoophiyaa ergama marsaa lammaffaa irratti madaa'uun hospitaala ciisuun yaalamaa turan tajaajilaa turan.
Sababni isaa ammoo yaala fayyaa kennuuf qofa osoo hin taane loltoonni Itoophiyaa madaa'anii hospitaalota Ameerikaa Tookiyoo jiran keessa ciisaa turan afaan Ingiliffaa dubbachuu waan hin dandeenyeef Aster Ayyaanaa fa'aa afaan hiikaafii turan.
Hanga bara 1955tti ergama kana keessa kan turte Aster Ayyaanaa gahumsa agarsiiftee fi tajaajila guddaa Kooriyaatti kenniteef harka mootummaa biyyichaa irraa badhaasota adda addaa argachuu Lubni Fiqaaduu Beenyaa BBCtti himan.
''Gootittii'' Itoophiyaa loltoota Ameerikaa oolchite
Aster Ayyaanaa ergama ishee Kooriyaa keessaa xumuruun ergama nagaa kabachiisuu garee waraana Itoophiyaa marsaa arfaffaaf ergamaniitti dabarsuun bara 1955 gara Itoophiyaatti deebite.
Osoo tajaajila fayyaa kennaa jirtuu waraanni hamaan biraa Afrikaa keessaa dhohe.
Waraana Koongoo kan nagaa buusuuf UN gidduu seenee humna waraanaa biyyoota adda addaa nagaa kabachiisuuf itti bobbaase ture.
Kooriyaatti gahumsa loltoonni Itoophiyaa agarsiisan diina isaaniifis warra isaan waliin dhaabbatee lolaa tureefis gaaffii taheera jedhama. Gootummaa addaa agarsisanii ture.
Adda waraanaa 253 irratti lolanii loltoota 163 qofati yoo ajjeefaman, 536 ammoo madaa'uu Ahime Hasan qorannoo isaanii keessatti eeraniiru. Lakkoofsi kun kan loltoota biyyoota kaaniin yoo madaalamu isa xiqqaadha jedhameera.
Itoophiyaan nagaa kabachiisa Kooriyaa kanaan addunyaa irratti maqaa guddaa waan horatteef barreessaan UN yeroo sanaa ammas Itoophiyaan nagaa kabachiisuu Koongoo keessatti akka hirmaattuuf Haayilesillaasee gaaftan.
Aster Ayyaanaa bara 1960 loltoota Itoophiyaa Birgeedii Taaqel jedhamu waliin kanneen gara Koongootti ergaman keessaa tokko turte.
Itti aantuu leetinaanti kan turte Aster Ayyaanaa, dubartii jalqabaa kallattiidhaan gulantaa kanarra geesse jedhan Luba Fiqaaduun.
Ahimed Hasan ammoo Koongootti imaluu isheen dura Aster Ayyaanaa gulantaa Kaappiteenitti dubartii yeroo jalqabaaf guddattedha jedhan.
Ogummaa fayyaan qofa osoo hin taane gootummaan akka loltuutti qabdus adda jedhama.
Ameerikaa fi Kanaadaan UN jalatti nagaa kabachiisuuf loltoota isaanii gara Koongootti ergan. Yeroo sana Aster Ayyaanaa fi loltoonni Itoophiyaa Birgeedii Taaqel jedhaman achi gahaniiru.
Loltoonni Ameerikaa akkuma Koongoo gahanii xiyyaarri isaanii lafa qubatteen osoo keessaallee hin bahiin finciltoota Koongoon marfamanii dhukaasni irratti baname.
Kaan ajjefamanii kaan madaa'anii yaalaaf hospitaala galan. Hospitaalatti Aster Ayyaanaa warra yaala gahaa kennaafii turan keessaa tokko turte.
Kana gidduutti guyyaa tokko finciltoonni Koongoo bakka isaan itti yaalaman hordofun deemanii, loltoota Ameerikaa fi Kaanaadaa miidhaman hunda dabarsitee akka kennituuf dirqisiisan.
Finciltoonni kunneen loltoota Ameerikaa fudhatanii deemuun fixuuf ture. Aster Ayyaanaa gootummaan isaan dura dhaabbattee diduun akka loltoonni Itoophiyaa dhufanii finciltoota kanneen haleeluun hospitaalicha to'annoo isaanii jala galchan gooteetti ejdhan Luba Fiqaaduu Beenyaa.
Barreeffamoonni adda addaa biroos kanuma mirkaneessu. Haala kanaan loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchiteetti. Oduun gootummaa Aster Ayyaanaa kun Ameerikaa dhagahamuu himan Luba Fiqaaduun.
Isaan boodas, ''Overnight Hero'' jechuun barruun Ameerikaa 'The Independent' barreesse jedhan Luba Fiqaaduun.
Kana irraa kan ka'e, Humna Galaanaa Ameerikaa, Humna Lafoo Ameerikaa, Humni Qilleensaa Ameerikaa, Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa [Homeland Security] Ameerikaa irraa badhaasa guddaa akka idil-adnyaatti argatteetti jedhan Luba Fiqaaduun.

Madda suuraa, UN
Akkasumas Asteer UN irraas badhaasa argachuu kan himan Luba Fiqaaduun, yeroo sana barreessaan UN, Haayilesillaaseef xalayaa barreesse jedhan.
Aster Ayyaanaa yeroo sana Koongootii hin deebine. Ergama isheerra osoo jirtuu xalayaan yoo isaan gahu Haayilesillaaseen Asteriif xalayaa barreesse arganneerra jedhan Luba Fiqaaduun.
'Gooti biyya keessanii tokko loltoota UN jala turan dhumaatii irraa oolchuusheef hedduu dinqisiifanneerra. Kanaaf baay'ee isin galateeffachuu barbaanna' jedhanii barreessan jedhan.
Haayilesillaaseenis deebisanii sister Aster Ayyaanaaf xalayaa barreessaniiru jedhan Luba Fiqaaduun. Xalayicha argachuu kan himan Luba Fiqaaduun, akkas jedhanii barreessan jedhan.
Innis ''Hojii gaarii ati hojjette dhageenyee baay'ee gammadneerra. Nu boonsiteetta. Kanaafis irra deebi'ee si galateeffachuu barbaada'' jedhe jedhan.
Aster Ayyaanaas deebistee Haayilesillaaseef xalayaa barreessuu kan himan Luba Fiqaaduun, gulantaa waraanaa Itoophiyaa keessatti kallatummaan itti aantuu Letinaantii irraa ka'uun kaappiteenii dubartii taate jalqabaati jedhan.
Bara 1953 hanga 1961 Barreessaa olaanaa UN tahuun tajaajilaa kan turan lammii Siwiidin kan tahan Daag Hammarsköld jedhamu.
Daag Hammarsköld erga nagaa kabachiisuutiif xiyyaaraan osoo gara Koongootti imalanii balaa xiyyaaraa isaan mudateen 1961tti lubbuun isaanii akka darbe ragaaleen ni himu.
Ergama nagaa kabchiisaa Koongoo Birgeedii Taaqel waliin xumuruun yeroo Aster Ayyaanaa gara biyyaatti deebitu, Haayilesillaaseen akka badhaasaatti Finfinneetii lafa kennaniiruufii jedhan Luba Fiqaaduun.
Kanaaf ammoo ragaa kan tahu suuraa yeroo laficha kennaniif akka qabanii fi ragaa guutuu maatii isheerraa argachuusaanii BBCtti himan.
Badhaasa addaa
Badhaasa addaa narsiin beekkamtii idil-addunyaa qaban argatan 'FLORENCE NIGHTINGALE MEDAL' jedhamuu fi akka idil-addunyaatti beekamuuf Aster Ayyaanaa fi hiriyyaanshee ijoollumaa Birqinash Kabbadaa kaadhamamaniiru.
Itoophiyaa, Masirii fi Yugaandaan Afrikaa irraa filamanii, Itoophiyaan qabxii guddaa galmeessuun sababa Aster Ayyaanaa fi hiriyyaa ishee Birqinash Kabbadaan mo'atte.
Addatti garuu Badhaasicha hojii tajaajila namummaa uummata harka qalleeyyiif dabalataan naannoo Dirree Dhawaatti hojjetteen Birqinash Kabbadaa mo'atte.
Aster Ayyaanaa erga biyyatti deebitee hospitaala Minilik I keessa hojjechaa turte.
Intala Ayyaanaa Likkaasaa isa faashistii Xaaliyaaniin lolaa turee kan taate Aster Ayyaanaa, nagaa kabachiisa Kooriyaatii hanga Koongootti gahumsa ajaa'ibaa agarsiisuun maqaashee fi biyya ishee dubartii sadarkaa addunyaatti beeksiftedha.
Aster ilma maqaansaa Yaafeet jedhamu fi amma Ameerikaa jiraatu tokko akka qabdu kan himan Luba Fiqaaduu Beenyaa, dubartii seenaa guddaa hojjettee garuu seenaan ishee dhalootatti hin himamnedha jechuun ibsan.












