USS Abraham Lincoln: Dooniin waraanaa guddichi Ameerikaan gara Iraanitti butte maal qabateera?

USS Abraham Linkan

Madda suuraa, Handout via Reuters

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan yoo hatattamaan Ameerikaa faana waliigalteerra hin geessu ta'e haleellaa ''kan kanaan duraa caalaa hamaa ta'etu'' ishee eeggata jechuun akeekkachiiseera.

Wayita hiriirri mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa ture Tiraamp mootummaan Iraan humna kan fayyadamu yoo ta'e biyyattiirratti haleellaa raawwachuu akka danda'u dhaadatee ture.

Ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamuun dabarseen, doonii waraanaa guddicha Ameerikaa USS Abraham Lincoln jedhamu humnoota waraanaa biroo waliin gara Galoo Galaanaatti erguu ibseera Tiraamp.

Yeroo barbaachisutti ''saffisaa fi humna cimaadhaan'' ergama itti kenname raawwachuuf qophii ta'uus ibseera.

Dooniin waraanaa guddichi buufata xiyyaaraa ofirraa qabu kun yeroo torbee tokko caaluuf eessa akka ga'e ykn teessoo isaa ibsuu baatus, marsariitiin sochii xiyyaarotaa hordofu FilgtRadae24 xiyyaarri tokko naannoo Oomaan jiraachuu hubateera.

Kanarraa ka'uun dooniin kun Oomaan qaqqabuu isaa hubachuun ni danda'ama.

Dooniiwwan waraanaa biroon sadis gara Baha Giddugaleessatti qajeelaniiru, garuu inni guddaan USS Abraham Lincoln kan jedhamu kana.

Ofii dooniin kun maal qabateera?

Jeettiin tokko wayita doonii guddicha USS Abraham Loncoln irra qubattu

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajaji Giddugaleessaa Ameerikaa gareen haleellaa doonii USS Abraham Lincoln irratti fe'ame ''nageenyaa fi tasgabbii Baha Giddugaleessaa eegsisuuf yeroo ammaa garas imalee jira,'' jechuun X irratti barreesse.

Dooniin kun dooniiwwan Ameerikaa meeshaalee waraanaa niwukilaraa baatanii socho'an keessaati.

Humni Galaanaa Ameerikaa doonii kanaan ''doonii waraanaa guddicha addunyaa kanaa,'' jedhaan.

Dooniin kun buufata xiyyaaraa qaba. Xiyyaarri irraa ka'uu fi irra qubachuu danda'a.

Jeettiiwwan waraanaa F-35 akkasumas F/A-18 Hornet jedhaman qabatee deema.

Walumaagalatti gareen haleeluuf bobba'e kun humna barbadeessaa sadii kiruuz misaa'elii lafarraa haleelu Tomahawk fe'atee kan qabu yoo ta'u, doonii galaana lafa jalaa humna nukilaraan hojjetu meeshaalee waraanaa wal fakkaatan dhukaasuunis dabalaama.

Dooniin USS Abraham Lincoln fi dooniiwwan waraanaa sadi waliin imalan loltoota Ameerikaa kumaatamaan lakkaa'aman qabachuun gara Baha Giddugaleessaatti qajeelaniiru.

Doonii guddichi kun misaa'eloota gosa garaagaraa fe'ateera. Meeshaan waraanaa NATO Sea Sparrow jedhamuu fi humna haleellaa misaa'elaa qolachuu fi fashalsuu danda'u doonii kanarratti fe'ameera.

Dooniin kun meetira 332 kan dheeratu yoo ta'u, meeshaalee waraanaa dooniiwwan waraanaa kaan haleeluu danda'an Phalanx jedhaman ofirraa qaba.

Kompiyuutaraan kan hoogganamu meeshaan waraanaa Phalanx raadaariidhaan to'atama.

Dooniin guddichi USS Abraham Lincoln sirna misaa'ela suppersoonikii to'atu RAM jedhamus hidhateera.

Dooniin Ameerikaan ittiin dhaadattuu fi ittiin boontu kun, meeshaalee waraanaa biroo hedduu fi sirnoota raadaarii kan ofirraa qabuudha.

Dooniin kun sagalee baasuun lootee seentota ykn qaamolee isa hordofan milaammilchuuf kan isa dandeessisu teeknooloojii sagalee AN/SLQ-25A Nixie jedhamu hidhateera.

Sirnoota Raadaar isaa fayyadamuun haala naannoo hordofuu, tiraafika qilleensaa sakatta'uu fi misaa'eloonni qiyyaafannoosaanii akka rukutan isa gargaara.

Dooniin waraanaa USS Abraham Lincoln sa'atii tokkotti kiilometira 60 yabaluu danda'a. Giddugaleessaan hanga namoota 5600 qabachuu danda'a.

USS Abraham Lincoln bara 2019

Madda suuraa, US Navy via Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, USS Abraham Lincoln bara 2019

Dooniin waraanaa USS Abraham Lincoln dooniiwwan waraanaa gurguddoo Ameerikaa keessaa tokko yoo ta'u maatii gosa doonii waraanaa Nimitz jedhamuu keessaa isa shanaffaadha.

Dooniin kun pirezidantii duraanii US Abraham Lincolniin moggaafame. Dooniin kun Hagayya 2024 wayita muddamni Israa'el fi Iraan gidduutti hammaatus gara Baha Giddugaleessaatti ergamee ture.

Ijaarsi doonii kanaa bara 1982 jalqabame. Garuu qaamni doonii kanaa hojjetamuu kan jalqabe bara 1984. Waggaa afur booda bara 1988 eebbifame.

Waggaa booda ammoo bara 1989 yeroo jalqabaaf bobbaafame.

Ameerikaan doonii waraanaa kana bara 2012 Iraanitti dhiheessuun karaa Ulaa Hormuz (Straight of Hormuz) dabarsitee turte.

Yeroo sana dooniin waraanaaa Iraan fageenya kiilomeetira 3 irratti doonii kana bira darbee ture.

Iraan tibba sana Ulaa Hormuz kan boba'aa addunyaaf daandii ta'e cufuuf dhaadataa turte.

Ammas Iraan karra kana akka cuftu dhaadachuu hin dhiifne.

Ameerikaan addunyaarraa dooniiwwan waraanaa qabaachuun kan beekamtu yoo taatu isaan keessaa Gerald R.Ford fi USS Abraham Lincoln isaan ijoodha.

Yeroo baayyee Ameerikaan wayita naannawa tokkotti rakkoon mudatuu fi keessa seenuu barbaaddu doonii kana bakka sanatti butti.

Kunis humna waraanaa US iddoo rakkoon jirutti socho'uu mul'isa.