Haadha ganna 22 booda barnootatti deebitee ilmashee waliin barattu

Madda suuraa, Dechasa
Yimmenyuush Mitikkuu jedhamti. Barnoota baay'ee jaalatti. Maatiinshee garuu akka heerumtee mana dhaabbattu dirqisiisan. Fedhiishee malee barnoota addaan kuttee bultii dhaabbatte, ijoollee dubaraa lamaa fi dhiiraa lama godhatte.
Barnoota akka loon hora nadhaniitti barbaadduu dhiistee, ilmaanshee barsiistee ijaa ba'uuf murteessite. Ilmaanshee yeroo boqonnaadhaaf gara manaatti deebi'an waa'ee barnootaa haasa'u.
Harmeen isaanii heerumtee ganna 22 booda jaalalli barnootaa waan keessasheetii du'e itti fakkaate deebi'ee itti dhaga'amuu jalqabe. Akkuma qoosaa ijoolleeshee waliin otoo haasoftuu, "otoon hin heerumne ta'ee silaa akkuma keessan nan baradhan ture" jechuun miira gaabbiitiin dubbatte.
Achumaan ijoollenshees maaliif barnootatti hin deebitu jechuun harmee isaanii gaafatan. Ijoolleenshee gaabbiin haadha isaanii akka umrii dheeratu hin feene. Barnootatti akka deebitu gaafatan. Abbaan manaa ishees yaadicha deggare.
Isheen garuu dhugaadha hin seene; waanuma qoosan itti fakkaate. Boodarra ilmashee sadaffaa kutaa 10ffaatti darbe waliin akka barattuuf galmeessisan.
Guyyaan kun kallattii jireenyashee jijjiire. Gaafa Jimaataa galmoofte, Wixata ganama ilmashee deessee guddiste waliin baruulee fi kobbee baattattee mana barumsaatti qajeelte.
Hiyyeessa garaa kutate bishaan raafuutu gabbisa akkuma jedhamu, yimmenyuush Mitikkuus ilmaan afur erga godhattee, turtii ganna 22 booda barnoota otoo jaalattuu gargar fagaattetti deebite. Harmeen kun ganna 44ttii gara barnootatti kan deebite yoo ta'u amma umuriinshee ganna 50.
Hundaa'ol ammoo mucaashee waliin daree tokko keessa teessee barsiisaa beekumsa sooruun wal argite. Barnoota dardara taatee dhiistee deemte, har'a haadha manaa, haadha ilmaanii taatee mucaa deesse waliin, hiriyoota ilmashee waliin barachuun miira addaa itti uume.
Ganna sadiif haala kanaan ilmashee waliin baratte. Amma lamaanuu barattoota yunivarsiitii tokkooti. BBC'n haadhaafi ilma waliin barataa jiran dubbisuun seenaa irraa baratamu kana qixeesseera.
Yimmenyuush Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Leeqaa Dullachaatti dhalatte. ALI Bara 1976tti ganduma dhalattetti barnootashee hanga kutaa 4tti barattee. Kutaa 5 hanga 8tti ammoo magaalaa Baandiraa jedhamutti baratte. Sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Naqamteetti hordofte.
"Bara 1988 otoo ani kutaa sagal baradhuu na naqatan. Bara 1989 ammoo otoon barachaa jiruun heerume" jechuun barnoota kutaa 10ffaa keessaa addaan kutuu dubbatti Yimmenyuush.
"Barumsa ficcisiisna jedhanii waadaa galanii" akka heerumte kaasti. "Bara 1990 mucaasheen hangafaa gaafa garaatti na haftun barnoota dhaabe. Achii ijoollee afuriin dahe. Egaa barumsa dhiiseeman, ijoollee guddisuutti deebi'e" jechuun fedhashii malee barnootarraa gara itti gaafatamummaa ilmaan guddisuutti seenuu himti.
'Waadaa warra keenyaa guutuuf jedheen heeruma dhaqe'

Madda suuraa, Dechasa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin barnootaaf jaalala addaa qabdu kun dhiiraa lamaa fi durbaa lama dahuun haadha ilmaan afurii taate. Ofii barachuurraa gara ilmaan barsiisuutti ceete.
"Barnoota baay'een jaaladhan ture. Yerooma sanayyuu fedhii heerumaa ofkeessaa hin qabun ture. Waadaadhuma warra keenyaa guutuudhaaf jedheen heeruma dhaqe malee Fulbaanni yoo dhufe, Waxabajjiin yoo dhufu yaannikoo waa'eedhuma barnootaarra na jira.
''Baadiyyaadha waan ta'eef ijoollee guddisaa barachuun ammoo ni ulfaata. Barnoonni ammoo gadi bu'ee ganda keessa hin jiru, hamma saddetiitti malee hin jiru. Sammuunkoo waa'eedhuma barnootaa na yaada. Otuman barnoota kana yaaduun jireenyakoo geggeessan ture" jechuun jaalalli barnootaaf qabdu cimaa akka ture himti.
Ganna digdamii lamaaf barnoota addaan kuttee itti gaafatamummaa maatii fudhattus, burqaan jaalalaa barnootaaf qabdu hin guune. Dhuguman barnootatti deebi'a jettee garuu abjoottee hin beektu. Garuu abjuun otoo hin taane dhugumaan carraa ilmaashee waliin kutaa tokko teessee barachuu argatte.
'Dhuguman mana barumsaatti deebi'as jedhee hin yaanne'
"Barnoota addaan kutee waggaa digdamii lammaffaa kooti, bara 1989 heerumeen, 2011 [ALI] mana barnootatti deebi'e" jechuun Wallagga Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti ilmashee waliin kutaa 10ffaa barachuu akka eegalte himti.
Yaanni harmee kana gara mana barumsaattii deebisuu, "jalqaba ijoolleedhuma koorraa ka'e. Anatu yeroo baay'ee waa'ee barumsaa haasa'a. Yoon loles, isin carraa kana argattanii barnoota laaffistu, animmoo carraa kana dhabeetani hamma kana baradhee galee isin guddisuutti deebi'e jedheeman ijoolleetti kaasa" jechuun yaadachiisti.
"Isheen hangafti yunivarsiitii Aabboo turte yeroo sana. Isheen itti aantu ammoo Naqamtetti kolleejjii baratti turte. Ganna boqonnaaf galanii mana turani. Mucaa isan amma wajjin jirutu [Dachaasaa] kutaa kudhanitti darbeera yeroo sana.
Achii otoo teenyee waa'eedhuma barumsaa haasofnuu, baqqaa Iteeteen keenya nu barsiistee sadarkaa kanarraan nu geesseetti. Isheenis deebitee barachuu qabdi, Dachaasaa wajjin barachuu qabdi, Dachaasaan ni jajjabaata waan ta'eef ni qo'achiisa jedhanii akkuma qoosaatti murteessani.
Achii abbaan warraakoos 'haa barattu isammoo duukaa' jedhani" jechuun mudannoo guyyaa sana ture yaadachiisti dubartiin kun. "Ani qoosaama natti fakkaatee, nan qoose anis. Dhuguman mana barumsaatti deebi'as jedhee hin yaanne" jechuun waan gaafa sana itti dhaga'ame dubbatti.

Madda suuraa, Dechasa
'Yoon kufee gale natti kolfuufii?'
Dubartiin barnoota hawwaa ganna dheeraaf jiraatte kun, "gaafa mucaankoo [jalqabaa] mana barumsaa galte sammuukoo amansiisuuttan ka'e. Bakkakoo buutee kan naa barattu argadhe waan ta'eef, kana booda isaanuman barsiifadha kan jedhu irrattan xiyyeeffadhe. Isaaniyuu gaafa hubatan deebi'anii haa barattu malee jedhanii murteessani.
Gaaf sana akka qoosattan ilaalen ture. M/B sadarkaa lammaffatti mucaakoo Dachaasaa waliin na galmeessisani, Abbaan manaakoo. Achii mucaan, Iteetee si galmeessinee dhufne naan jedhe [Dachaasaan].
Amma sichi natu baratamoo ni qoostuuyii, dhaqee yoon kufee galemmoo natti kolfuudhaafii anoo waa'ee barnootaa irraanfadheeraan jedheen.
Achii rakkoo hin qabu naan jedhani" jechuun fedhiin barnootaashee gu'e murtoo ilmaan isheetiin deebi'ee latuu akka eegale boodeetti deebitee seenessiti harmeen kun.
"Garaakoo keessammoo gammachuun qaba, waa'een barumsatti deebi'uuf. Waanuman dhaqu itti hin fakkaanne; waanuman qaana'ee dhiisu itti fakkaate. Isaanoo kolfaadhuma dhufanii natti himani.
''Tole jedheen dhiise. Dabtarii mucaadhuma wajjin darzanaan nuu bitanii dhufani. Jimaata nu galmeessani. Dafinoon [Wixata] in gahe, dabtarakoo qabadheetuman kallattiin [mucaakoo] wajjin mana barumsaa dhaqe" jechuun guyyaa jalqaba mana barumsaatti deebite yaadatti.
'Eessa dhaquu isaanimmoo jedhanii natti kolfan'
"Gaafan dhaqu, maalinni eessa dhaquu isaan immoo maal hojii dhufanii jedhanii ijoolleen natti kolfan. Isa booddee daree seennee nan ta'e. Barsiisonnis waanumasaa wallaalanii na i'ilaalan.
''Booddee keessa iyyaafatanii haadha Dachaasaati jedhani. Kanumaanan mana barumsaatti deebi'e. Gaafa sana dhugaadhuma natti hin fakkaanne. Nan gammadesi. Yaadakoo keessammoo barnoota kana akkaman godha jechuunis yaadda'een ture'' jechuun yaadatti.
Waggaa digdamii lammaffaakoo addaan kutettan itti deebi'e waanta'eef, gaaficha maqaadhumakoo barreessuullee irraanfadheera. Dubbisammoo hin irraanfanne, nan dudubbise" jechuun miira walmakaa guyyaa jalqaba mana barumsaattii deebite itti dhaga'ame yaadachiisti harmeen kun.
Ilmishee amma akka hiriyaatti waliin baratan, Dachaasaan, "kitaaba naa fuudhe galle. Mucaan baay'ee dubbisa waan ta'eef, duukaa dubbisuuttan ka'e. Yeroo wajjin karaarra deemnullee, yeroo gallullee waa'eedhuma barumsaa haasofna. Yeroo boqonnaa argannellee waa'eedhuma barumsaa haasofna. Otuma jennuu, yaadichi naa dhufaa deeme" jetti.
Bara Dargii keessa nun yeroo barannu of dandeenyee baranna ture kan jedhan harmeen tun, ''faafan ilaalu anatu ijoollee waliin barannu irra fooyyeen qaba. Achiin haamileenkoo na jajjabaataa deeme. Gaafan qormaata fudhadhee deddeebisuutti ka'u, gammadaan deeme" jechuun akkamiin barnoota waggaa dheeraaf adda kutaniitti akka deebii'anii itti madaquu ibsu.
'Warra yunivarsiitii baratuun walqunnamtii qabdamoo, gaafii kana akkamiin gaafatte?'

Madda suuraa, Dechasa
Waa'ee ilmasaanii yoo kaasan, "amma kutaa 12tti dareen keenya adda hin baane, dareedhuma tokkotti baranne. Baay'een gammada. Yeroon taa'u gammachuu guddaatu natti dhaga'ama. Umuriinkoo illee waan isaan qixxaate natti fakkaata'' jedhu.
Keessumaa ammoo mucaansaanii hubataa fi cimaa ta'e akka gammadan himu. Daree isaatii namni isuma ilaala, waan isaaf hin gallee ni gaafata. Waan barnootaa fi amantaa malee sammuusaa keessa waanti biraa hin jiru. Daree irraas tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaas ni ba'a" ture jechuun waa'ee cimina ilmashee dubbatti yimmenyuush.
"Sadarkaan osoo hin taanee, gaafan dhaqee waliin baradhuutti, gaafii gaafatamu inni deebisu, iddoo isaa hin galle gaafatu" akka itti boontu dubbatti.
Fakkeenyaaf, "Guyyaa tokko barsiisaa tokkotu Afaan Oromoo nu barsiisa ture. Achii Dachaasaan gaaffii tokko gaafate. Baratoonni cinaa maalif gaafattee jedhanii osoo asaasanii barsiisaan dhaga'e.
''Barsiisaan sun gaaficha deebiseefii ka'ee, baraataan waa sadiif barsiisaa gaafataa: tokko waan hin beekne baruuf, lama baraatoonni biraa akka baranif, sadii barsiisaa madaaluuf. Gaafii ati na gaafatte kana, ani yunivarsiitii taa'eetan [hubadhe]. Ati warra yunivarsiitii baratuun walqunnamtii qabdamoo gaafii kana akkamiin gaafatte? jedhaniin" jechuun cimina ilmashee yeroo kutaa 11ffaa baratanuu kaasti.
Har'aa qabdanii bakkee nan dhaabinaa…
Yeroo qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa fudhatan, qabxii 3.5 ol akka galmeessite dubbatti. Ilmishee Dachaasaan ammoo qabxii olaanaa 3.8 galmeessise. "Isatu qabxii keenya dursa argee baga gammadde iteetee naan jedhe. Baay'ee gammanne" jechuun miira guyyaa firiin qorumsa kutaa 10ffaa bahe itti dhaga'ame ibsiti.
"Wajjuma baanee wajjuma galla. Yoo nutti guyya'es waluma faana nutti guyya'a. Gaaf tokko nu'ii seensarra gahu sa'aatiin nutti gahe. Achii inni na biraa fiigee mooraa seene. Achiin waardiyyaan hunduma keenyatti balbala cufe" jechuun waan mudate yaadatti.
Sa'aatii dheera erga ala dhaabattee booda "hogganaa bira dhaqeen, ani jaartii ta'ee fedhii barumsaa waanan qabuufan manaa bahe, maaloo maaliifan bakkee dhaabbadha? Isheen manashee dhiistee maaltu bakkeeshee dhaabe naan jedhu. Umurii kanaan yeroon bakkee dhaabadhu naannoonkoo maal narraa hubata, jedheen" kan jettu harmeen Dachaasaa, sana boodarra hubatanii akka bakkee hin dhaabanne himti.
'Yunivarsiitiin seena jedhee yaadee hin beeku'
Yeroo qormaata kutaa 12ffaa fudhatan haalli nageenya rakkisaa akka ture kan yaadattu harmeen kun, qabxii 454 fiduudhaan kan dabarte yoo ta`u, "baradheetuma fixuudhaaf malee, yunivarsiitiin seena jedhee yaadee hin beeku" jechuun ibsiti.
Mucaa ishee qixisuu qofaatti dhiistee deemuun waan itti ulfaateef isa biratti deebitee barsiisuuf jecha yunivarsiitii galuuf fedhii dhabdee akka turtes kaasti.
Haata'u malee boodarra mucichi carraa mana barnoota bultii addaattii barachuu argate. Abbaan manaashee "erga carraa kana argatee haa baratu. Atis hamma kana deemtee galuu hin qabdu. Atis dhaqxee yunivarsiitii barachuu qabda" jechuun akka jajjabeessan kaasti.
"Sila mucaa barsiisuufin hafuu yaade" kan jettu harmeen kun, boodarra erga inni carraa barnoota bultii addaa argatee "nan dhaqa jedheen'' murteessuun gara yunivarsii deemuu kaasti.
Rammaddiis Ministeera Barnootaatiin Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa akka ishee gahe dubbatti. Boodarra garuu Adaamaan barattoota dorgomsiise qofa waan fudhateef, warri kaan naannawaa irraa dhufaniitti deebi'anii ramadaman. Harmeen kunis haala kanaan yunivarsiitii Wallaggaatti galmooftee gara qe'eesheetti fuula akka deebifattuuf carraa kenneef.
Fayyaan beelladaa jireenya namaatiin baay'ee walitti hidhatee jira
Fedhinshee ogummaa hakima namaa (medicine) barachuu akka ture kan kaastu harmeen kun, boodarra garuu saayinsii fayyaa beelladaa (veterinary science) akka galte dubbatti.
"Mucaankoo isheen hangafaatiis fayyaa beelladaa baratte. Muuxannoosaa isheerraa nan dhagaha. Gaafan dhagahu baay'ee keessikoo na gammade. Amma gaafan barnootasaa lixee ilaalummoo irra caala baay'ee natti tole" jechuun waa'ee ogummaa barataa jirtu ibsiti.
Ogummaan fayyaa beelladaa "Jireenya dhala namaatiin baay'ee walitti hidhatee jira. Fayyaa beelladaa irratti yoo xiyyeeffatamedha kan fayyaa namaa fayyadu. Ogeessi fayyaa yoo namni dhukkubsatee dhaqe, akkanni fayyaasaa argatuuf nyaata loonirraa arganudha kan inni ajaju. Kanaaf kan dursa kunuunfamuu qabu beellada" jechuun baarbaachisummaa isaa kaasti.
Fayyaa beelladaatiif xiyyeeffannoo kennuu "ani duraan akkasitti hin yaadun ture, ergan keessa galee waa'ee fayyaa beelladaa barachuu jalqabee, jireenyan dabarse caala waan baay'ee nama hubachiisa. Barnoonni isaammoo umuriikoo dabarse caalaa waanan irratti dabarse natti fakkaata beekumsin amma irraa argadhe" jetti haatii ijoollee afurii yunivarsiitii barataa jirtu kun.
'Maazar' naan jedhu ijoolleekoo warran guddise caalaa natti tolu'
Gaafa yunivarsiitii Wallaggaa seentu simannaan addaa akka taasifameef kan yaadachiistu harmeen kun, barattoonnis "yoon deemaa dhufellee, karaarraa naa goru. Maazar jedhanii na dubbisu. Baay'ee na kabaju; na jaalatus. Anis baay'een isaan jaaladha'' jetti.
''Anis yoon saan dogongoruu arge bira hin darbu. Itti goreen ijoolle kun sirrii miti jedhaan. Yoo isaan waa'ee barnootaa yaadda'anillee, maal ana na agartu mitii? aniyyuu umuriikoo kanatti akkanitti siniin qixxaadhee itti baradhu" jechuun akka gorsitu, jajjabeessitu himti.
''Anaafis barattoonni baay'ee haamilee naaf kennuu, anis baay'een haamilee isaaniif laadha'' jechuun hariiroo haadhummaa barattoota waliin qabdu ibsiti.
"Waan saalfachiisu na biratti hin haasa'an. Waan isaan fayyadu yoo ta'emmoo, icciitiidhaan waan tokko tokko natti himatu. Yoo waanti kun karaasaan baasu ta'e nan gorsa," jettee akka haadhaatti akka itti dhiyaattu dubbatti.
Harmeen akka barattuu yunivarsiitii qofa osoo hin taane, akka haadhaatt barattoota gorsitu,mariisistu kun, "tole jedhanii yaadakoo ennaa narraa fudhatan, ijoolleekoo warran guddise caalaatti baay'ee natti tolu" jechuun dabaltee ibsiti.
'Gaafuma manaa bahan of-murteessuu barbaada'
Jireenya hawaasummaa keessa turan dhiisanii gara mana barumsaatti deebi'uun akka namatti cimu kan kaastu harmeen kun, "inni kun gaafuma manaa bahan of-murteessuu barbaada. Abbaan of-murteessee jennaan waanti namatti dhaga'amu hin jiru. Barnoota wajjin gar-lama yaaduun hin danda'amu" jetti haati Dachaasaa.
"Ani amma ergan itti galee of-murteesseetuman, jireenyi achii baay'eensaa namatti dhaga'ama. Hawaasummaa keessumatti ammoo tibba ayyaanaa ollaa wajjin wal waamanii gammachuun dabarsan namatti dhaga'ama. Garuu, ergan isa dhiisee keessaa bahee waa'eedhuma barumsaa qofan yaada waan ta'eef, badaa natti hin dhaga'amu" jechuun kaayyoof murtoo qabdu dubbatti.
Barattoonni kaanis yoo ta'an barnootaaf erga manaa bahanii booda waan booda qaqabamu dhiisanii xiyyeeffannaa saanii barnootarra godhachu akka qaban akka gorsitu ibsiti.
'Maal otoo carraa akkasii argannee nus haadha keenya waliin barannee'
Ilmishee Dachaasaa Mulaatuu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti dhalate. Mana barumsaa Qumbaa Aabbootti barnootasaa eegale. Kutaa 2-12tti ammoo M/B Nuunnuu Qumaatti barate. Barataa qaxaleedha.
Kaanirraa kan adda isa taasisu ammoo kutaa 10-12tti ganna sadiif harmee isaa ji'a sagal garaatti, erga dhalatee ammoo dugdatti baattee guddiste waliin kutaa tokko taa'ee barachuudha.
Yeroo baay'ee barattoonni daree keessatti maal ta'uu barbaaddu jedhamanii yeroo gaafataman ogummaa fayyaa akka barbaadan deebisu. Abbaan isaas barnoonni fayyaa ogummaa gaarii ta'uu barattoota goorsaa ture. Dachaasaanis kanumaan ogummaa hakima namaa (medicine) barachuuf akka murteesse dubbata.
"Hamma kutaa sagaliitti qofaa kiyyan baradhe. Haatikoo kutaa kudhanitti dhuftee na wajjin barachuu jalqabde. Haadha ofii wajjin taa'anii gaafa baratan, manatti gallee gaafa wajjin qo'annu miira namatti tolu qaba; nama gammachisa" jechuun miira gammachuu harmee isaa waliin barachuun qabu ibsa.
Harmeen isaa sirna barnootaa mootummaa Dargii keessa barataa turte. Barattuu sadarkaas turte. Sirna barnoota haaraatiin yeroo barnoota eegaltu hamma itti madaqxutti itti cimee ture kan yaadachiisu Dachaasaan, "wanta ishee rakkisu tokko tokko ammoo ittan agarsiisa" jedha.
"Akkamitti haadhakee wajjin barachuu dandeessa jedhanii, ijoolleen baay'ee na dinqisiifatu. Maal otoo carraa akkasii argannee nus haadha keenya waliin barannee jedhu ijoolleen hiriyootakoo. Gaafan haadhakoo waliin deemu na ilaalanii, haadha keedhaa jedhu; na dinqisiifatu" jechuun miira hiriyootasaa ibsa.
'Idduma haatikoo jirtutti na deebisaa jedheen iyyadhe'
Haatiifi ilmi ganna sadii erga waliin baratanii booda carraa yunivarsiitii seenuu argatan. Dachaasaan jalqaba yunivarsiitii Jimmaatti ramadame. Ministeera barnootaatti iyyannoo galfachuun gara harmeensaa jirtutti akka jijjiirameef dubbata.
"Idduma haatikoo jirtutti na deebisaa jedheen iyyadhe. Ministeerri barnootaas ilaalee gara yunivarsiitii Wallaggaatti naa deebise" jechuun yaadachiisa.
Yoo gara maatii galte malee harmeesaa waliin otoo wal hin argiin akka hin oolle kan kaasu Dachaasaan, keessumaa yeroo laaqanaaf irbaata nyaatan akka adda hin baane akkasumas galgala galgala yeroo hundaa waliin mana amantaa akka deeman hima. Waliinis dubbisu.
"Anaaf haadhakoo wajjin barachuun baay'ee bu'aa naa buuse. Yeroo jalqabaa yunivarsiitii Jimmaattan ramadame. Hamman ji'a lama achi turettuu baay'een rakkadhe. Sababiinsaa haadharraa adda bahee fagaadhee hin beeku. Jalqabaa kaasee haadhakoo waliin waanan tureef [baradheef], gaafan irraa adda bahu irra na rakkisa" jechuun hariiroo haadhasaa waliin qabu dubbata.
Yeroo baay'ee harmeesaa waliin akka socho'an kan kaasu Dachaasaan, "sababa keenyaan barataan yunivarsiitii jiru kan inni yaadu haadhuma isaadha. Baay'een isaanii haadhumakoo kanayyuu akkuma haadha isaaniitti ilaalu.
Baay'ee jaalatu. Gaafa ishee wajjin si arginu haadha keenya yaanna jedhu. Gaafa na argan ni gammadu" jedha. Yeroo harmee isaa waliin isa argan harmee isaanii yaaduun akka bilbilaniifis dubbata Dachaasaan.
"Yeroo hunda gara dareetti wajjin waan deemnuuf, yeroo hunda waanan arguuf, akka haadhaa qofatti otoo hin taane akka hiriyaattan ilaala. Haasaallee akka hiriyaatti wajjin taphanna; yeroo karaarra deemnu wal kolfisiisaa deemna. Yeroo hundayyuu akkuma hiriyaakoottan duukaa haasa'a" jechuun hariiroo bareedaa harmeesaa waliin qabu ibsa barataan hakima namaa kun.
'Si ilaallee barnootatti deebine'
"Jabaattee qabxiidhuma gaariidhaan eebbifamtee akka baatudha" jechuun hawwii haadhasaaf qabu dubbata Dachaasaan.
"Kanaan dura yeroo barannu, erguma heerumanii mana dhaabbatanii baay'ee isaaniidha kan barnootatti deebi'an. Waanuma ati barnootatti deebiteef, si ilaallee barnootatti deebine [jedhu]" jechuun dubartoonni bultoo ijaarratan hedduu harmee isaa ilaalanii gara barnootaatti akka deebi'an dubbata.
"Aanaadhuma keenyaayyuu namoota baay'eedha kan barnootatti deebi'an. Isheenis kaayyoonshee guddaan kanadha. Fedhii barnootaa keessashee jiru baastee, namoonni akkashee manatti hafanii jiran, otoo barnoota hawwii qabanii, fedhii isaanii malee mana dhaaban [heeruman]" barachuu akka danda'an dhiibbaa uumuu harmeesaa hima.
Kaayyoon harmeesaa inni guddaan bultoo ijaarrachuun yookaan sababa biraan barnootarraa fagaachuun "barnootaarra nama hin hanqisu" yaada jedhuuf fakkeenya ta'uudha kan jedhu Dachaasaan, namoonni kaka'umsa godhatanii, akka barnootatti deebi'an gochuudhaan fakkeenya gaarii ta'uu harmeesaa hima.












