'Sabboontuu' addunyaa waliin dhoofte, filmiin hojjetameef eenyu?

Beel Giibsan kan waliin dhahuun barbaadamaa jirtu hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa keessa hirmaataa akka turte dubbatti

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Beel Giibsan kan waliin dhahuun barbaadamaa jirtu hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa keessa hirmaataa akka turte dubbatti

''Kun seenaa dhugaa sobarratti hundaa'edha.'' Kun akkaataa fiilmiin haaraa waa'ee 'Sabboontuu' dalagame itti eegaludha.

Maqaan addunyaa ishee itti beeku Beel Giibsanidha. Hawaasi Oromoo garuu maqaa Sabboontuu naaf moggaase jechuun dubbattee turte.

Jalqaba akka leellifamteefi raajjeffamte miti. Bakka duriis hin jirtu. Bakki isheen jirtu ammatti hin beekamu. Mootummaan Awustiraaliyaas barbaachatti jira.

Yeroo xumuraaf miidiyaatti as baatee ummatatti kan mul'atte mataatti shaarpii marattee waa'ee qabsoo ummata Oromoo, waa'ee MM Abiy, waa'ee Jawaar yeroo dubbattedha.

Kunis bara 2020 keessa. ''Ija tokko banadhaa rafaa,'' jetteellee gorsitee turte haala siyaasaa Itoophiyaa keessa yeroos ture gaafa dubbattu.

Hawaasi Oromoo Awustiraaliyaa turan 'lammaffaa akka nutti hin dhufne' jechuun ishee dhowwuu BBC'tti himaniiru.

Dubartiin kun garuu eenyu? Maaliif ijoo dubbii taate?

Maaltu ta'e?

Seenaan Beel Giibsan waggoota kudhan dura eegala.

Dhihoommoo seenaa ishee kana Netflix mata duree Apple Cider Vinegar jedhuun kutaa garagaraan dhiheesseera.

Dokimantariiwwan garagaraas waa'ee ishee dalagameera.

Addunyaan garuu akka maqaa ishee waan nama boonsuun ishee hin beeku. Waan isheen waggoota dura dalagde har'aallee ijoo dubbii addunyaa ta'eera.

Dubartiin kuni jalqaba addunyaan kan ishee bare bara 2013 barreeffama 'falmii kaansarii' waliin taasistu barreessiteeni.

Dhibee kaansarii sammuu hin fayyineen qabamuufi dhibee kana wal'aanuuf wal'aansa haaraa hordofaa akka argataa jirtu himte.

Isa dura bara 2009 yeroos biloogarii kan turte Beel, kaansarii sammuu hin fayyineen qabamuufi hammi lubbuun jiraatuu dandeessu xiqqaa ta'u himte.

''Torban jaha, yoo baay'ate ji'a fur'' qofa lubbuun jiraachuu akka dandeessu dubbatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'us, wal'aansa hospitaalatti kennamu dhiisuun karaa nyaata, boqonnaa, cichoominaafi jaalalaan'' of fayyisaa akka jirtu himte.

Kanumaan walqabatees akkaawuntii Instagram banuun yeroo gabaabaatti hordoftoota 200,000 ol horatte.

Yeroos lakkoofsi kuni Instagram'f baay'eedha sababa yeroos reefu eegala waan ta'ef.

Achiin boodas aappii 'The Whole Pantry' jedhu beeksiste. Miidiyaaleen Awustiraaliyaa 'aappii jalqabaa fayyaa, jiruufi jireenyaa' jedhamu ifa goote jedhan.

Aappiin kuni ji'a jalqabaa keessa qofa si'a 200,000 buufame. Namoonni akkaan walii qoodan, beekamtiin isaas dabale.

Aappiifi kitaabni qopheessites dolaara Awustiraaliyaa 400,000 buufate. Kuni egaa yeroo gabaabaatti.

Beel waan buufatte keessaa dhaabbilee gargaarsaas akka arjoomtu dubbatte.

''Dubartii waggaa kana akkaan nama dammaqsitu'' jechuun Barruun Elle Awustiraaliyaa ishee waame.

Barruun biraammoo badhaasa [Fun, Fearless Female] jedhamu badhaafamte.

Haa ta'u malee, adeemsa keessa dubbiin shakkii dhale, namiis shakkuu eegale.

Gaazexeessitoonni waayee ishee shakkan faana dhahuu eegalan. Rippoortaroonni hammi maallaqaa isheen dhaabbilee gargaarsaaf kennite soba jedhan.

Wanti waa'ee ishee dubbatteefi dubbataa turte dhugaa miti jedhanii qorachuu itti fufan.

Hunduu soba

Inumaa waayee fayyaa ishee gaaffii guddaa itti kaasan. Dubbiin haalaan cime. Boodarras, gaazexeessitoonni sobuu ishee irra gahan.

Dubbiin cimnaan Beel Giibsan barruu Women's Weekly jedhamutti baatee dubbatte.

Wanti dubbataa turte ''tokkollee dhugaa miti'' jettee amante.

Haa ta'u malee, itti gaafatama fudhachuu didde. Doktora '''Maark Joons'' jedhamutu na dogoggorse jechuun himatte. Ogeessi kuni eenyu akka ta'e hin beekamu.

Dhimmishee mana murtii gahee bara 2017 dolaara Awustiraaliyaa 410,000 adabamte.

Sababni isaas namoota waan walin dhooftee dogongorsiteefi. Adabbii kana garuu kaffaluu didde.

Achii bara 2021 aangawoonni mana ishee sakatta'an.

Fiilmii 'Apple Cider Vinegar' kana irratti Kaatiliin Deever bakka Biil Giibsan bakka bu'uun dalaguutti jirti

Madda suuraa, Netflix

Ibsa waa'ee suuraa, Fiilmii 'Apple Cider Vinegar' kana irratti Kaatiliin Deever bakka Biil Giibsan bakka bu'uun dalaguutti jirti

Beel Giibsan kaansarii sammuunis hin qabamne. Bara 2014 Inistaagiraama isheerratti ''kaansariin dhiiga, afuffee fincaaniifi tiruu'' nan qaba jette hundis soba ture.

Beel Giibsan waliin dhooftota gara jalqabaa miidiyaa hawaasummaa fi aappii fayyadamuun namoota gowwomsanidha.

Namoonni akkana badii dalagan kaan jiru.

Kan Beel Giibsan kan hamaa taasisu dhibee sobaa hin dhukkubsanne na qabe jechuun namoota dhibeen miiteen beekamtii horachuufi galii argachuu isheeti.

Dhibeen kaansarii dhibeewwan yaachisoo bara keenyaa keessaa tokkodha.

'Akka nutti hin dhufne jenneen'

Beel Giibsan Bara 2020 yeroo gaaffiifi deebii Shebo Media waliin taasiste hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa keessatti waggoota afuriif hirmaachuufi hirmaannaa cimaa taasisuu himti.

Sababa kana gootefis yoo dubbattu ''duudhaafi nameenya ummata keessanii waan bareefi'' jechuun himti. Dhimma qabsoos haasofti.

Gaaffiifi deebii miidiyaa waliin gooteefi dhimma Oromoofi Itoophiyaa dubbatte gaafa jalqaba dhufte jedhamemoo boodarra dhufte ta'e ifa miti.

Haa ta'u malee, boodarra waa'een ishee dhagahamnaan hawaasni Oromoo ofitti butuu hin barbaanne jedhu.

Dr Taarraqany Cimdii yeroo taateen kuni mudate pirezidantii Hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa kan Viktooriyaa turan.

''Erga waanti ishiin dalagde odeeffame booda akka naannawa hawaasaa hin geenye itti himne. Lammaffaa isheen achi hin geenye,'' jechuun BBC'tti himan.

Akka bakka bu'aan hawaasa Oromoo jedhanitti, Beel Giibsan si'a lamaafi gara hawaasa Oromoo kan dhaqxe.

Garuu hawaasi kuni waa'ee ishee maal dhagahe?

''Waanti ishiin dalagde jedhamu miidiyaa gubbaarra ture. Miidiyaan Awustiraaliyaas nu gaggaafateera. Sana booddee wanti isaa ifa ture.

''Waan hawaasa bira dhuftuuti hawaasatti wanti ishee fidu miseensummaa waan hin qabneef nuyi akka waan keessummaa Oromootti kann gaafa duraa argine,'' jedhan.

Garuu, si'a meeqa dhufte?

''Guyyaa tokko qophii hawaasaa osoo qabnuu achitti argamuushee quban qaba. Kanarraa kan hafe duraanis ishii hin beeku. Waan ishiin gootes waanan duraan irraa beeku tokko hin qabu.

''Namni yennaa dhufu manaa hin ari'attu,'' jechuun dubbatu.

BBC

Odeeffannoo akkanaa biroo argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.